Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa nageenya boora’e bakkatti

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa nageenya boora’e bakkatti deebisuu danda’aa?

MM Abiy Ahimad erga aangootti dhufanii as Itoophiyaa keessatti jijjiramoonni siyaasaa fi hawaas-diinagdee hedduu biyyattii keessatti mul’ataniiru.

(bbcafaanoromoo)—Sirreeffamtoota siyaasaa gadi dhiisuu, paartilee baqatanii biyya alaa turaniif waamicha gochuun gara biyyaatti akka deebi’an gochuu fi waraana Itoophiyaa fi Eertiraa waggoota 20 ol lakkoofsise karaa nagaan hiikuun isaan gurguddoodha.

MM Abiy Ahimad ammoo “haaromsi guddaan raawwanneerra jennee afaan guutnee dubbachuu dandeenyu tokko kan raayyaa ittisa biyyaa keessatti hojjennedha” jechuun dubbatanii ture.

Qondaaltota olaanoo haaraa muuduu fi komii irra caalaan hoggansi raayyaa ittisa biyyaa saba tokkoon qabameera jedhamuun ka’aa tures sireessuu isaanii himaniiru.

Haa ta’u malee wal dhabdee sabummaa irratti xiyyeeffatee fi buqqaatii naannolee biyyattii garaa garaa keessatti uumamaa tureen wal qabatee komiin raayyaa ittisa biyyaa irratti ka’u hin dhaabbanne.

Miseensotni raayyaa ittisa biyyaa nageenya kabachiisuuf bobba’an Lixaa fi Kibba Oromiyaatti uummata nagaa ajjeesan komiin jedhu ni heddummata.

Yaaddoo nageenyaa fi bobbii waraanaa

Naannoo Oromiyaa Godinaalee Wallaggaa fi Kibba Oromiyaa kanneen akka Gujii fi Booranaa keessa raayyaan ittisa biyyaa erga bobba’ee bubbuleera.

Lixa Oromiyaa Godinaalee Wallaggaa keessatti baankotni hidhattootaan saamamuu, namootni nagaa ajjeefamuu fi naannoo daangaa Benishaangulii fi Oromiyaatti rakkoo uumameen namootni kumaatamaan buqqa’uun sababoota gurguddoo humni nageenyaa naannichatti bobba’eef tahuu hogganaa itti aanaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu BBC’tti himaniiru.

Bakka adda addaatti waraanni namoota nagaa irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuun garuu dhugaa miti jedhu koloneel Abbabaan.

Ajjeechaa dhiyeenya Godina Gujii Aanaa Gooroo Doolaatti namoota 10 irratti raawwatame “hin dhageenye, raayyaa uummata ajjeesus hin qabnu” jedhu.

Namootni 10 ajjeechaan irratti raawwate hidhattoota jechuun aanga’aan godinichaa tokko BBC’tti himanii turan, jiraattonni garuu namoota nagaatu ajjeefame jedhu.

Ajjeechaas ta’e saamicha bakka adda addaatti raawwatamuuf mootummaan hidhattoota ABO himata.

Hidhattootni ABO naannoo jiranitti namoota butaa fi dararaa waan jiraniif nageenya uummataa eegsisuuf qaama federaalaa waliin hojjechaa jirra jedhu Koloneel Abbabaa Garasuu.

Ergamni waraana mootummaa gara godinaalee kanneeniitti bobba’ee, hidhattoota ABO hiikkachiisuu moo waraanuu akka ta’e garuu ifa miti.

“Sana humna naannichatti bobba’etu beeka, sadarkaa akkasiittidha jedhee ibsuu hin danda’u” jedhu koloneel Abbabaan.

Garuu humni kamiyyuu bosona taa’ee nageenya uummata keenyaa booressuu waan hin qabneef nageenya uummataa tiksuun hojii keenya taha jedhan.

”Qaama nageenyaa mootummaa qofatu seeraan hidhatee uummata keessa socho’uu danda’a.”

Humni nageenya kabachiisuuf gara naannolee hidhattoonni ABO jiraniitti bobbaafame kun ergama isaa erga xumuree booda sadarakaa sadarkaan bakka ergama isaa biraatti deebi’a jedhan Koloneel Abbabaan.

Wal-dhabdee uummata Amaaraa fi Gumuz gidduutti uumamee lubbuu namoota hedduu galaafate ‘qaamni hidhate’ raawwachuu aanga’oonni naannolee lamaanii himaniiru.

Naannolee lamaan keessa iyyuu qaamotni hidhatanii socho’an jiru kan jedhan Daarikterri Komunikeeshinii fi Indooktirineeshinii Ministeera Ittisaa, Mejar Jeneraal Mohaammad Tasammaa, gama lachuu irratti xiyyeeffachuun nageenya fiduuf raayyaan ittisa biyyaa bobbaafameera jedhan.

Ergamni raayyaa ittisa biyyaa nageenya boora’e iddootti deebisuudha jedhu mejar jeneraal Mohaammad.

Hojiin qaama meeshaa waaraanaa seeraan alaa hidhate hiikkachiisuu fi daddabarsa meeshaa seeraan alaa to’achuu ergama qaama biraati, seeraa fi dambii bahaa jiruun murtoo kan argatu ta’a jedhu.

Komii raayyaa ittisa biyyaa irratti ka’u ilaalchisee raayyaa ittisa biyyaa keessa namootni gareenis tahe dhuunfaan tahe jedhanii uummata irratti yakka hojjetan itti gaafatamu jedhu.

Garuu yeroo dhukaasni qaama hidhate irraa itti banamu of irraa ittisuu danda’u jedhan.

Qaamonni nageenyaa ofii aarsaa tahanii nageenya uummataa kabachiisuuf hojjechaa jiru malee ofii uummata ajjeesaa hin jiran jedhu aanga’aan waraanaa kun.

Garuu humnootni hidhatan uummata keessa taa’uun yommuu humna nageenyaatti dhukaasan namootni nagaan miidhamuu danda’u jedhan.

Komaandi Postii

Naannoo Benishaangul, Amaaraa, Somaalee fi Oromiyaa bakkeewwan garagaraa keessa raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa bobba’ee jira.

Bakkeewwan tokko tokko ammoo komaandi poostiin ijaaramee bulchaa akka jiru yeroo adda addaa himamaa ture.

Akka heera mootummaa Itoophiyaatti humnoonni nageenyaa federaalaa waamicha mootummaa naannoleen ykn ammoo labsii yeroo muddamaan gara naannoleetti bobbaafamu.

Raayyaan ittisa biyyaa waamicha naannoleen moo labsii yeroo muddamaan gara naannolee akka bobbaafaman kan gaafataman mejar jeneraal Mohaammad, “qindoominaan hojjechuu keenyan beeka, bakkichuma deemuun adda baasaa” deebii jedhu nuuf kennan.

Koloneel Abbabaa Garasuu ammoo rakkoon nageenyaa humna naannoo Oromiyaan ol tahe hin jiru jedhu.

Bulchiinsi komaandi poostii naannicha keessa jiraachuufi jiraachuu dhabuu garuu ifatti hin dubbanne.

Haa tahu malee raayyan ittisa biyyaa nageenyaa fi daangaa eeguuf dirqamaa fi mirga waan qabuuf bakka barbaade deemee hojjechuu danda’a jedhu.

Xiinxala: Mootummaan humna waraanaan nageenya fiduu danda’aa?

Mootummaan kutaalee biyyattii gara garaatti waraana bobbaasuun nagaa boora’e bakkatti deebisuuf yaalaa jiraachuun qofaa isaa bu’aa barbaadame hin fidu jedhu xiinxaltoonni.

Humni waraanaa biyya kamiyyuu keessatti nageenyaa fi tasgabbii yeroo dheeraa fi dhaabbataa tahe fiduu hin danda’u jedha hayyuun seeraa fi xiinxalaan siyaasaa Dr. Henok Gabbisaa.

“Qaamni hidhate yeroodhaaf tasgabbii uumuuf qofa barbaadama, inni iyyuu yoo humna aantummaa uummataa qabu tahedha” jedha.

”Humni waraanaa Itoophiyaa amma jiru kun aantummaa fi amanamummaa uummataa guutuu kan horate miti.”

Waldhabdeen kan hiikamu mariidhaan malee meeshaadhaan miti kan jedhu Heenook, rakkoo nageenyaa Itoophiyaa hiikuu kan danda’u waraana caalaa abbootii gadaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi uummata guutuudha jedha.

”Humni waraanaa gahee hin qabu jechuu osoo hin taane itti fufiinsaan hiikuu hin danda’u jechuudha” jedha hayyuun seeraa kun.

Bakkeewwan waldhabdee fi rakkoon nageenyaa uumametti hoggansi naannichaa gaaffii siyaasaa fi bulchiinsa gaarii uummata irraa dhaggeeffate guyyaa barbaadame keessatti deebisuu qaba jedha.

”Kaayyoon xumuraa fi amalli humna waraanaa lolee mo’atee, ari’atee bakka isaatti deebi’uudha malee gadi taa’ee rakkoo uummataa mariidhaan hiikuu miti.”

Haala qabatamaa amma jiruun ammoo raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa mataan isaa rakkoo ta’uu danda’a jedha.

Humni waraanaa Abiyyiif amanamaadhaa?

Haaromsi gaggeeffamaa ture guutummaatti waan hin xumuramneef waraanni gariin ammayyuu hoggansa duraan aangoo irra tureef amanamaa ta’e jraachuu danda’a jedha Heenook.

Miseensotni amanamummaa guutuu hin qabne ammoo nageenya kabachiisuuf osoo adeemaniiyyuu qaama furmaata fidu ta’uu hin danda’ani jedha.

Keessumaa miseensotni waraanaa daldala kontirobaandii irraa faayidaa argataa turan jeequmsa darbee darbee ka’u keessaa harka hin dhaban jedha.

Ministirri Muummee Abiy haaromsa gaarii fiduuf yaalaa akka jiran nan beeka kan jedhu Heenook, caasaan humna waraanaa Itoophiyaa waggoota dheeraaf ijaarame, hoggantootni ol aanoon jijjiramaniiyyuu guutummaan isaa jijjiirameera jechuu miti jedha.

”Abiy waggaa tokko keessatti humna nageenyaa jijjiireera jechuu hin danda’u.”

Waan waggoota 27 keessatti ijaarame waggaa tokko keessatti diiguun bakka barbaadametti deebisneerra jedhanii dubbachuun ni ulfaata jedha.

Humni waraanaa uffata isaa uffatee yoo uummata keessa adeemu nageenya osoo hin taane sodaatu uummatatti dhagahama kan jedhu ogeessi seeraa kun, kun ammoo akka jibbamu isa taasisa jedha.

Haaromsi gaggeeffame sabummaa hoggansa keessa ture wal qixxeessuu fakkaata malee raayyaan waraanaa uummataaf golgaa akka tahu gochuurra hin geenye jedhee amana.

Hojilee hojjetamuu qaban keessaa tokko mana murtii waraanaa miseensonni waraanaa yakka hojjetan dhimmi isaanii itti ilaalamu hundeessuudha jedha.

Kun namuusa miseensota raayyaa ittisaa salphaatti jijjiruu danda’a jedha.

Mootummaan uummata waliin taa’ee gaaffiiwwan ka’an irratti marii gaggeessuu qaba malee humnaan waraanaa qofa bobbaasuun nageenya dhaabbataa fiduu hin danda’u jedha.