Qorannoo Daandii Xiyyaara Itoophiyaa irratti adeemsifamee fi ibsa kenname.

Qorannoo Daandii Xiyyaara Itoophiyaa irratti adeemsifamee fi ibsa kenname.

– Mooraa Daandii Xiyyaarichaa keessa manni hidhaa lafa jalaa 2 argameera. Manneen hidhaa kanneen keessatti namoonni dirqisiifamanii gudeedamaniiru, kaanis du’aniiru.
– Daandiin Xiyyaaraa Jaappaan ANA (All Nippon Airways) jedhamu Booyingi irraa kan ajaje Diriimlaayinarii B787 baay’inni isaanii 5 sadarkaa isaanii kan hin eegganne sababa ta’aniif, diizaayiniin isaanii rakkina waan qabuuf, akkasumas ba’aa utuu hin fe’iiniyyuu ulfaatoo ta’uusaaniitiin waliigaltee Booyingi

waliin qabu adda kute. Kanaan walqabatee Booyingi bittuu barbaadaa utuu jiruu akka carraa Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa fedhii isaatiin irraa fudhate. Daandiin Xiyyaarichaa xiyyaarota shananuu tokkoon tokkoo isaanii doolaara miiliyoona 90’n erga bitee booda deebisee ammoo kaampaanii Ameerikaa Kibbaa tokkotti tokkoon tokkoo isaanii doolaara miiliyoona 120’n gurgureef. Kaampaaniin kun xiyyaarota kana erga bitee booda waliigaltee waggaa 25tiin Itoophiyaatti deebisee kireesse. Kana jechuun hamma xiyyaaronni dulloomanii hojiin ala ta’anitti

jechuu dha. Waliigaltee kanaan doolaarri miiliyoona 15 ol akka komishiniitti hoggantoota Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaaf kaffalameera.
– Xiyyaarota liiziidhaan Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaan kireeffaman kanneen keessaa 4 rakkoo zayita motoraa, akkasumas ‘Rolls-Royce Trent 1000’ itti hojjetameef irra rakkoo gaheen waggaa 1 ol utuu hin balali’iin taa’aniiru. Kaffaltiin liizii xiyyaarota kanaa ji’atti doolaara 800,000 hanga miiliyoona 1.25ti.

Xiyyaaronni kun utuu hin hojjetiin Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa kaampaanii Ameerikaa Kibbaa kanaaf ji’a ji’aan doolaara miiliyoona 1.25 kaffale jechuu dha. Daandiin xiyyaarichaa ammoo argachuu kan qabu doolaara 110,000 ji’a ji’aan dhabe.
– Hogganaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa xiyyaara dhuunfaa isaa akka qabu mirkanaa’eera (Kinfee Daanyaw waliin sheeriidhaan bitan jedhama). Xiyyaarittiin

‘Boeing 767-300 ER ET AMF’ jedhamuun kan galmooftee jirtu yoo ta’u, baay’inaan gara Gibtsii fi Taanzaaniyaatti balaliiti. Obbo Tawaldeen biyya Siisheelsitti hooteela abbaa urjii 5 ijaaree kan qabu yoo ta’u, Daandii Xiyyaara Itoophiyaa kutaa piroomooshinii keessatti paayilatoonnii fi hojjetoonni gara
Siisheelsi deeman hooteela kana akka

fayyadamaniif dhiibamu. Hoggantoonni TPLF fi kan METEC Sanbataa fi Dilbata kan dabarsan hooteela kana keessatti.
– Buufatoota gurgurtaa tikkeetii daandii xiyyaarichaa biyyoota alaatti argaman irraa kan walitti qabame doolaarri miiliyoonni 67 biyya keessa utuu hin galiin achumaan hafeera. Kana malees doolaaraan Itoophiyaaf galuun kan irra ture maallaqni doolaarri miiliyoonni 85 achuma biyya alaatti baankiiwwan dhuunfaatti hambifamuun METEC fi Baankii Wagaagan irraa baafamee qarshiidhaan galii ta’eera (Doolaaraan galuun kan irra ture dha kun.)

– Hogganaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa (Tawaldeen), hojjetoota sanyummaa fi firummaan qacaraa fi ari’aa ture. Haadha manaasaa ishee lammaffaa buufata Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Loos Anjelasitti argamuuf hoggantuu godhee muudee jira. Ofii ammoo utuu boordiin hin eeyyamiiniif ji’a lama lamaan deemee Jarmanitti hordoffii yaalaa godha. Kunis baasii doolaara miiliyoonaan kakkaa’amuuf daandicha saaxileera.
– Waggaa darbe rakkoo bulchiinsaatiin

walqabatee keessumsiistonni balaliisaa 450 ta’an, teeknishaanonni 80, balaliisistoonnii fi hojjetoonni dhibbootaan lakkaa’aman hojii
gadhiisaniiru ykn sanyummaadhaan
ari’amaniiru.

– Kinfee Daanyawuu fi Tawaldee ta’anii xiyyaara METEC bite dhaabbata biraaf (Eeshiyaa, Neeppaalitti kan argamuuf dhaabbata gargaarsaati jechuudhaan,
odeeffannoonsaa sirriitti waan hin
qulqulloofneef fuulduratti qulqullaa’a) tti kireessaniiru. Kan wal qunnamsiisu ammoo Tawaldee dha

– Tawaldeen maqaa fira isaa Adiyaam G/Igzaabiheer jedhamtuun Finfinnee keessatti gamoowwan 4 ijaarsisaa jiraachuun irra gahameera. Adiyaam kun abbaa ‘Sunshine Construction’ kan ta’e obbo Saamu’eeliif saajjatoo (niitii dabalataa) yoo taatu,

gamoowwan kana kan ijaarus ‘Sunshine Construction’ dha. Adiyaam ‘Ethiopian Cargo’ fayyadamuudhaan konkolaattota ammayyaawaa Jarman irraa qaraxa malee galchitee gurguruudhaan beekamti.
– Mana jireenyaa hojjetootaa jedhamee gamoowwan Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa ijaarsise namoota sanyii tokkoo qofaaf kan kennamee fi gamoowwan kana ijaaruuf dhaabbanni caalbaasii mo’ate dhiifamee kaampaanii TPLF kan ta’e ‘Afro-Tsion Construction’f kennamuudhaan maallaqni miiliyoonaan lakkaa’amu badeera.

– Hogganaa sab-qunnamtii uummataa daandii xiyyarichaa kan ta’e Baaltabeet hojjetaa daandichaa utuu hin ta’iin Daandii Xiyyaara Itoophiyaa irraa miindaa fudhata.

– Daandii Xiyyaarichaa keessatti kutaan diijitaalaa kutaa itti siyaasni adeemsifamu godhamuudhaan ogeessonni IT 120 qacaramanii sabaahimaalee irratti sabaa fi saba walitti buusaa oolu. Gidduu kana ammoo nurratti beekamuu danda’a jedhanii 60 irraa hir’isaniiru.
– Biyyoonni baay’een daldala seeraan alaa qoricha, ilka arbaa fi albuudota gati-jabeeyyii waliin walqabataniif daandii xiyyaarichaa irratti akeekkachiisa kennaniiru.

– Daandichi ijaarsa mana hojjettootaaf jedhamee Baankii PTA irraa doolaara miiliyoonaan liqeeffatee garuu manichi utuu hin ijaaramiin maallaqni walakkaan isaa eessa akka gahe hin beekamne.
– Nyaataa fi bakka bultii imaltoota Hajii yeroo darbe imalli isaanii jalaa gufateef jedhamee qarshii miiliyoona 2.4 daandiin xiyyaarichaa ramade hoggantootatu qooddate. Yeroo kun ta’u imaltoonni Hajjii buufata xiyyaaraa keessatti nyaataa fi irriba utuu hin argatiin turan.

– Hooteelonni daandiin xiyyaarichaa hojjechiise yeroo oodiit godhaman maallaqni baay’ee guddaan kan bahe yoo ta’u, qarshiin miiliyoona 45 ol ta’u eenyuuf akka kaffalame hin beekamne.

Miky Amhara by Amharic Afaan Oromootiin ana Kaalid Ahmedin

Tulluu Hiyyeessaa



ESAT News In Depth The Crime Network In METEC November 15,2018