ONN: QOPHII ADDAA HR 128 Marii dhimma murtii darbuu Iggita dhiittaa mirga dhala

ONN: QOPHII ADDAA HR 128 Marii dhimma murtii darbuu Iggita dhiittaa mirga dhala namaa mootummaa Itoophiyaa irratti seera tumtoonni Ameeriikaa dabarsan ilaalchisee godhame

ONN: ebla 11,2018- Oduu Naannoo Benishaangul Tongoo
===============
Wayyaaneen Oromoota naannoo Benishangul Tongoo Begii jiraatan dararuu itti fuftee

Uummata nagaa cidha qopheeffate, maaliif afaan keessaniin dubbattuu qofaaf naannoo Benishangul bakka Togoo jedhamutti caasaa wayyaaneetiin hidhamuuf dararamuu nuu gabaasan.

Gabaasa argannee akka ibsutti “amaamota dargaggoo Umar Attom Gorbaa Jedhamu Kanneen Cidha waaman waliin mana hidhaa misirrichaaf misirrittii hidhaa bulchite. Sababaan ammoo maaf afaan Oromoon dubbattu afaan oromoon sirbitan jedhaniiti.

Ammas barsisota reebdee hidhaa jirti.

1. Barsiisaa Tasfaayee Taammiruu Kan reebaman

2. Addaamuu Biyyanaa

3. Goobanaa Yimar

3. Tasfaayee Margaa

4. Alemaayyoo Bayyanee hojjetaa mishoomaa reebicha hamaan kanneen irra gahedha.

Akkasuma Ramadaan Hiikaa dubartoota liyyuu ha’ilin gudeedaman keessaa tokko. Ammas waraanni Wayyaanee naannoo Tulluu Dhoqonuu jedhamu keessaa baadiyyaa deemuun dhiirota aritee dubartoota gudeeduu itti fuftee jirti” jechuun Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gabaasan.

Madda: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo

ONN:SAGALEE QEERROO EBLA 10 2018