Qilinxoo: Iyya hiraarfamtoota qabsaa’ota mana hidhaa!

Qilinxoo: Iyya hiraarfamtoota qabsaa’ota mana hidhaa!

Qabsaa’ota fi sabboontota mana hidhaa qilinxoo jira dararaan hamtun irra ga’a jiraachuu himataa jiru. Akka himataa jiranitti namoota jajjaboodha jedham moora 1,2,3 keessaa fudhani kaleessa erga reebaniin booda amma immoo gara Shawa Roobititti geessan jedhu
Kanneen moora lama keessa jiran ammoo mannillee akka itti cufameti jira kan jedhu gabaasni na gahe, mirgi hidhamaaf tasifamu illee waan egamaafi hinjirre ta’uu dhaammachuu isaanii gabaasichi akeeka.

Mana hidhaa Qilinxoo kanaan dura ilmaan Oromoo hedduun keessa gubachuun seenaa yeroo dhiyoo yoo ta’u, hanga ammaa mana hiraarsaa kana keessatti sabboonummaaf Oromummaa qofaan yakkamee ilmi Oromoo keessatti dararamaa jira.

Mana hiraasaa kana keessa Proffessora Oromoof Doktoorri Oromoo akkasuma qaqqaaliiwwan dargaggoota Oromoo hedduun kan hidhamanii jiranidha.

Hundee Senaa