Qeerroon Hin Rakkate Malee Rakkoo Inni Fide Hin Beeknu Nuy: Angawaa Oromiyaa

Qeerroon Hin Rakkate Malee Rakkoo Inni Fide Hin Beeknu Nuy: Angawaa Oromiyaa

Obbo Taayyee Danda’aa, sadarkaa hoogganaa itti aanaa biiroo haqaatti abbaa adeemsa dhimmoota komunikeeshinii

Komiishinni polisii Federaalaa sochii garee dargaggoota Oromoo ittiin jedhe Qeerroo Harargee Bahaa irratti qorannaa gad fagoo jalqabuu isaa komiishinera waajjirichaa kan ga’an obbo Asaffaa Siyyuum dubachuu isaanii gaazexaan Riportar Amajjii 7 bara 2018 gabaasee jira.

Qorannaa jalqabamee jedhame kana bulchiinsii mootummaa Oromiyaas ta’e waajirri haqaa kan oromiyaa kan hin beekne ta’u sadarkaa hoogganaa itti aanaa biiroo haqaatti abbaa adeemsa dhimmoota komunikeeshinii ka ta’an obbo Taayyee danda’aa ibsanii jiru.

Qeerroo jechuun dargaggeessa gaa’iila hin dhaabiin qaama hawaasaa ta’u malee Qeerroo gareen gurmaa’ee badii gesisaa jiru hin beeknu jedhan.Qerroon godina Harargee Bahaa keessa qofa kan jiru otoo hin taane guutuummaa Oromiyaa keessa jiraachuu dubbatan.

Bulchiinsii mootummaa naannoo Oromiyaa ituu hin beekin akkasumas gargaarsaaf ol iyyannaa ituu hin dhiyeeffatin attamitti polisiin Federaalaa qorannaa kana akka gaggeessaa jiru hin beeknu. Mirga seeraa fi heeraan kenname cabsaa olaantummaa seeraa kabajsisuuf jecha carraaqna jechuun akka hin danda’amnees ibsanii jiru.

Kanneen nuti Qeerroo dha jedhanii ergama addaa qaban garu uummanni of eegganaan ilaaluu akka qabu hubachisanii jiru.


DhDUOn maalitti Jira?
..Firaafis, diinafis!
Qilleensi waa halle afuufa. Jidduu kana waan DhDUOtu ususama. Gariin “Duubatti deebi’an hin jennee?” jedha. Kuun ammoo hooggansi wal-qooduu odeessa. Martuu olola hamilee ummataa fi miseensaa rukutuuf tolfamee dha. Warri keessa beeku garuu hamilee olaanaa qabu. Duubatti deebiin tasa hin yaadamu. Hooggansi qoodames hin jiru. Qabsoon tokkummaa Itoophiyaa keessatti faayidaa Oromoo kabachiisuuf eegalame tokkommaa ummataa, tokkummaa miseensaa fi tokkummaa hooggansaatiin dabaalamee duratti deemaa jiraatuu jala muranii dubbatu.
Kaleessi har’a miti. Amma siyaasa Itoophiyaa keessatti humni murteessan DhDUO dha. Dhugaa kana addunyaatu beeka. Dhaabi kun miseensota miliyoona afur qaba. Kun baayyina ummata biyyoota garii ni caala. Hiriira ummata Oromoo waliin qabu ammoo akkaan qajeelfateera. Gaafii ummataa ofitti fudhatee deebisuuf kutannoon hojjataa jira. Tokkummaa Itoophiyaa irrattis ejjannoo jabaa fudhate. Mirga Oromoo qofa otoo hin taane mirgi obboleeyyan Oromoos akka kabajamu hojjataa jira. Sun saboota Itoophiyaa hunda biraa jaalalaa fi deggarsa guddaa gonfachiise. Itoophiyaa keessatti nami martuu waan DhDUO fi hoggantoota isaa dubbata. Amma ijji addunyaatuu DhDUO fi hooggansa isaa irra jira. Dhaabichi hooggansa ija nama guutu kan hubannoo fi kutannoo qabu horate. 

Dhugaan hin haalamne jira. Hubannoon namaa qixa miti. Gariin ofumaa fagootti dubbii arga. Gariin ammoo gaafa itti mullisan arga. Murannoon namootaas wal caala. Kun ammoo raajii miti. Dhugaa jaarmaa kamuu keessa jiruu dha. DhDUO keessas kun ni jiraata. Sanaa achi garuu rakkoon hin jiru. Namuu ifaa fi bilisaan waliin dubbatee hojjata. Kallattiin jiru tokkoo fi tokko. Tokkummaa fi xiiqiin hojjatanii umurii rakkinaa gabaabsuu! Olaantummaa heeraa fi seeraa kabachiisanii dimokiraasii dagaagsuu! Sana keessatti misooma fi nagaya ummataa dhugoomsuu!
Bakka gariitti ammoo basaasi gurmaayee “qeerroon dhugaa nuyi” jechuun tokkummaa ummata keenyaa diiguuf hojjataa jira. Jarri sun Oromoo wal afaan deebisuuf waan hin goone hin qabdu. Icitii isaa itti deebina. Amma Oromoo martuu qixxee dha. Kan sobaa fi kan dhugaa hin jiru. Nami Oromoo fi qeerroo “dhugaa fi soba” jedhee adda baasu ergamaa diinati. Diina jechuun isuma. Itti dammaquu dha.

Taye Dendea