Qeerroo Oromiyaa: Stand up against Military Junta/ Mengistu H/Mariam the II

Qeerroo Oromiyaa : Stand up against Military Junta/ Mengistu H/Mariam the II

Qeerroon Oromoo kan dhiigakeeti kaffalte jijjiiramni Kaadiree PP if OPDO’n gufatee jira. Kaadireen har’a bayyanattee lafee fi dhiiga ilmaan oromoo kumaatama itti dhabaman irratti hiriira deeggarsa Koloneeel Abiyyi jette bakka hundaatti lafa dhiituu barbaaddi. Kun tasuma dura dhaabbatamuu qaba.
Tarkaanfii har’a qeerroon baha oromiyaa #Awwadaayitti fudhataman bakka hundaatti itti fufuu qaba. #Viva Qeerroo Harargee. Har’a deeggarsa Abiyyi gara mormiitti jijjiiranii jiru. Haalli kun bakka hundatti itti fufuu qaba. Dhiiga qeerroo irratti kaadireen pp sirbuu hin qabdu.

Tolchaa Jabeessa Gurmmessa

KMN:- Guraandhala 20/2020 #updated_Awwadaay
====================================
Suuraawwan dabalataa gocha guyyaa har’aa waraanni mootummaa harargee bahaa magaalaa Awwadaayitti umatarratti raawwateedha. Namoonni kunneen mana yaalaa gara garaa keessatti waldhaanamaa akka jiraniidha ergaan KMN gahe kan ibsu. “Kanaaf qeerron naannawa sanaa dirmannaa godhaafii nuuf jedhaanii. Hiriira dirqiidhaan naaf baahaa jedhaniit qeeyroo teenya akkanatti tuman”

ይህ በዛሬዉ እለት በመስራቅ ሀረርጌ አወዳይ ከተማ የመንስት ሰራዊት በህዝቡ ላይ ያደረሰዉ ተጨማሪ ምስሎች ነዉ:: እንዚህ ተጎጂዎች በተለያየ ቦታዎች የህክምና እርዳታ እየተደርገላቸዉ ሲሆን “የመንግስት ወታደሮች ጭካኔ ድሮም ዘንድሮም ተመሳሳይ መሆኑን እና ለዉጡ የአፍ ብቻ ነዉ ያሉት መረጃዉን ያደረሱን ምንጫችን የአሁኑን ለየት የሚያደርገዉ በግድ ሰላማዊ ሰልፍ ካልወጣችሁ ብለዉ ህዝቡን እንዲህ መጨፍጨፋቸዉ “ነዉም ብለዋል::

KMN Kush Media Network


Magaalaa Jimmaatti Waajjira ABO/OLF banamu wajjiin walqabate Qeerroo Jimmaa Hiriira Diddaa Abiy Ahmed, Bilxiginnaa gaggeessaniiru!!

Dhaadannoo Hiriiricha;

1. Abiy Goojjaamitti Dhalate Jimmatti guddate Jimmaa bakka hin bu’u,
2. Maallaqa Bilxiginnaa Jimmaatti Miliyoonaan ergaa jirtu Ni nyaanna yeroo Filannoo geesse ABO, KFO, PBO, Jawar Mohammed filanna,
3. Command post Wallagga, Gujii, Boorana, Jimmaa irra hatattamaan kaafamuu qaba,
4. Jawar goota Wayyaanee Maqaleetti galche Bilxiginnaa Mana Kaadirootaatti galche,
5.Akkuma har’a Addi Bilisummaa Oromoo ABO/OLF Simanne, KFO fi Jawar Mohammed Simachuuf qophii xumurree jirra,
6. Qeerroo Jimmaa Hoogganoota keenya JAWAR MOHAMMED, JAAL DAWID IBSAA, B/J KAMAAL GALCHUU, DR. MARARAA GUDDINAA, JAAL MARROO CINAA JIRRA,
7. Bilxiginnaa Deeggaruun Dhiiga Mootii Abbaa Jifaar, Jaal Elemoo Qilxuu, Mullis Abbaa gadaa, J. Waaqoo guutuu, Laggasaa wagii, Baaroo Tumsaa, Jaal Magarsaa Bakrii, Jaal Nadhii Gammadaatti……qoosuudha,
8. Maqaa Jimmaatiin Hoogganaa Paartii KFO Dr Mararaa Guddinaa irratti qoosuun hatattamaan dhaabbachuu qaba,
9. Bilxiginnaa qoosaa Dhiisi ABO, KFO, PBO, JAWAR jalaa karaa gadi dhiisi..fi..kkf
Qeerroo Jimmaa Qoricha Bilxiginnaa!!

Waliif qoodaa Kaadiroota Bilxiginnaa, Dabballoota Bilxiginnaa, Bitamtoota Bilxiginnaa, Hattoota Bilxiginnaa, Gantoota, Bilxiginnaa, gurguratoota Bilxiginnaa biraan ga’aa?

Sagalee Qeerroo Oromiyaa Magaalaa Jimmaa irraa!!

Ituu Tiyya