ONN: Qeerroo Booranaa magaalaa Hiddii Lolaa, Caamsaa 3, 2018

ONN: Qeerroo Booranaa magaalaa Hiddii Lolaa, Caamsaa 3, 2018

ONN: FXG Godina Booranaa magaalaa Hiddii Lolaatti Guyyaa Har’aa Geggeeffame. Caamsaa 3, 2018.


GAADDISA DHUGAA : CAAMSAA 03 2018 Gaaffi fi Deebii/ Miseensa Shanee Gumii GS-ABOfi Dubbi-Himaa Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Toleeraa Adabaa. Kutaa 2 ffaa..


(SBO/VOL Camsaa 3/2018) Sochii Warraaqsa FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa!!
🔯Warrii Gaaffii Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo gadi Xiqqeessitan, Gaaffiifi Dhaadannoo Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa kana dhaggeeffadha, Waliif dabarsaa!!
1 hidhamtoonnii siyaasaa waraana wayyaanee Komaandii poostiin ukkanfamanii achii buuteen dhabaman, barattootni Oromoofi ilmaan Oromoo hundi Oromummaafi ilaalchaan yakkamanii manneen hidhaa biyyatti cufa keessatti argaman haalduree tokko malee haa hiikkaman.
2. Haaromsa hayyama Kampaanii #SheHuseen_Allaammuddiif Mediroki Omishaa Warqeefi akkasumas Oromiyaa keessatti omisha abaaboo, dhagaa ijaarsaafi lafa qonnaa dabalatee saamichaa uummata keenyarratti gaggeeffamaa jiru atattamaan dhaabbachuu qaba, qabeenyaan saamamee uummata keenyaaf deebi’uu qaba, SheHuseen_Allaammuddiin Seeraatti dhiyaachuun yakka saamichaafi keemikaala Kampaanii isaa keessaa bahuun yakka sanyii balleessuu uummata Oromoo irratti rawwataa jiruuf itti nuuf haa gaafatamu!!
2. Ajeechaan uummataa nagaa moyaaaleefi Oromiyyaa irraattii rawaatama jiru ni balaleefana, qaamootni yakka waranaa Oromiyaa cufa irratti rawwatanii uummata keenyarra fixaa turaniifi ammas jiran aangoo gadi lakkisuun seeraatti haa dhiyaatan.
3. Komandii postiifi waraanni wayyaanee Oromiyaa irraa kaafamuu qaba.
4. Mootummaan itoopiyaa gaafii uummataa keenyaa deebisuu dhiiseefi utuu uummatni keenya hidhamaa, ajjeefamaafi saamamaa jiruu du’aa dawaanna maqaa jedhuun oliif gadii figaa jiruu ni mormiina!!
Gaafiin keenyaa ammas deebifamaa hin jiruu kanaf Qabsoon keenyaa daran ciimsinee ittii fufna nuti hagaa namoonnii qabaman hiikamanniittii dareettii deebinee hin baranuu jechuun mormii dhageesiisaa turaaniiruu
5. Kana maalees mootummaan kun afasniin nuu sobaa waan dubbatamaa jiruu tokkollee hojiitti hiikkamaa waan hin jirreef, caalaatti immoo uummataa keenyaa dhummaa jiruu caalisee ilaaluun nu gadiisiisee jiraa jechuun warraaqsa FXG finiinsuun abbaa irree wayyaanee sirna EPRDF dhadaannoo dhageesiisaniin balaaleffata olaaniru!!
Qabsoon Itti fufa Garboomsaan ni kufa!!
Injifannoon Uummata Oromoof!!

ONN: Caamsaa 3,2018-Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa

ONN: Caamsaa 3,2018-Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa