“Ambootti dhallanne male nuti Amboo miti, Wallaggaatti dhalanne male nuti Wallaggaa miti Oromoon tokko” dhaadannoo Qeerroo, Qarree fi uummata magalaa Amboo har’aati.
OBN Sad 24, 2011 – Buqqaatiifi Ajjeechaan Lammiilee Oromiyaa Lixaatti raawwatamaa jiru akka dhaabbatu Jiraattoonni Magaalaa Amboo gaafatan.
Hiriirri nagaa buqqaatiifi Ajjeechaa lammiilee Oromoorra gahaa jiru balaaleffatu Magaalaa Ambotti bahamaa jira. Duuti Poolisoota Oromiyaa fi Lammiilee Oromoo haa dhaabbatu dhaadannoon jedhus dhagahameera.
Buqqaatiin lammiilee nagaas nu dhukkubsaa waan jiruuf Mootummaan fala waaraa akka kennus gaafannaa jedhan. Kan gabaase Rippoortara keenya Yeroon Toleeraati.
OBN Afaan Oromoo
እኛ አምቦ ተወለድን እንጂ አምቦ አይደለንም ወለጋ ተወለድን እንጂ ወለጋ አይደለንም ኦሮሞ ሁሉ አንድ ነው። በአምቦ ሲሰሙ ከነበሩ መፈክሮች።