Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO jalatti qindaayee Oromiyaa fi lammiilee Oromiyaa walaba baasuudha.

Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO jalatti qindaayee Oromiyaa fi lammiilee Oromiyaa walaba baasuudha.
[SQ-onkoloolessa 31/2020]
 
Qeerroon Bilisummaa Oromoo faayidaa dhuunfaa fi dantaa namootaa kabachiisuuf osoo hin taane kan qabsoo gaggeessu Oromiyaa fi lammiilee Oromiyaa walaba bahanii akka isaan nagaan qe’ee isaanii fi biyya isaanirra jiraatan akkasumas nagaa fi tasgabbii haaraan Oromiyaa keessatti jiraatee Impaayera Itiyoophiyaa irra darbee gaanfa Afrikaaf nagaan akka jiraatuuf roorroo isaa fi lammiilee Oromiyaa irratti gaggeeffamutti xumura gochuuf qabsoo isaa ABO jalatti qindaayee kaayyooo,heeraa fi seera ABOn taliigamee qabsoo hadhooftuu gaggeessaa as gahe ammas gaggeessaa jira.
 
Qeerroon Bilisummaa Oromoo har’aa ogummaa fi dandeettii qabuutti fayyadamee ofis tahe sabaa fi biyya isaa gargaaruun kan irra jiraatu barnootaaf bahee reeffi yeroo gara manaatti deebi’u arguu caalaa wanti garbummaa akka sabaatti nurratti sirna amma jiruun nurratti fe’amee jiru eelaan hin jiru.
Qabsoon keenya amma karaa nagaa irraa gara daandii warraaqsaatti akka cee’uuf roorroon daangaa darbe Oromiyaa keessatti lammiilee Oromiyaa irratti addatti immoo Oromoota sabboontota tahan irratti raawwatamaa jiru daran Qeerroon Bilisummaa Oromoo jiraachuuf wabii dhabaa waan jirruuf qabsoo haala waliin tooftaa haaraa warraaqsa jijjiirama sirnaa fidu gaggeessuuf qophiin xumuramaa jira.
 
Jiraannu baranna hojjetannees bulla haala amma jirruun Oromoonni fi lammiileen Oromiyaa jiraachuuf wabii dhabanii haati ilmoo ishee awwaallachuu yeroo dhorkamtu arguurra duunee biyyoo dhuffachuutu furmaata jennee amanna. Qabsoo karaa heerri biyyittii eeyyamuun Mootummaaan gadaa isaa fixatee afaan qawween aangoo isaa dheereffachuu barbaadu waamicha ABO Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaaf godheef daandii yoo hin saaqne gaaga’ama mudatuu fi lubbuu baduuf akkasumas kisaara biyyittiirra gahuuf kan itti gaafatama fudhatu Mootummaa gadaa isaa fixatee afaan qawween nama ajjeesaa,hidhaa jiru kan Abiyyi Ahimediin durfamu tahuu ummata bal’aa keenyaa fi Addunyaaf himuu feena.
 
Qeerroon Bilisummaa Oromoo tooftaa qabsoo kee jabeessi of tumsi sirna kana hundeen buqqisi biyya mataa keenyaa fi Mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuuf akka jirrutti of qopheessi.
Du’a sodaa xurree Qabsaa’ota Oromoo Oromiyaaf jecha wareegaman irraa hin maqnu.
Injifannoon Ummata Oromoof.


Mee ilalaa garaa garuma hogana umata isaf bitame umatumatu marse egaa warra garaaf bitanes warruma garaatu marsee ergataa


Ethiopian dhiibba mirga namomaa keessati hala hama jirachuf akka namati oso hin tanee akka binensotatile ilalama hin jiru ilmii nama Awwalame kanatu ifa baasa


Qophii Addaa Salphiin Bilxiginan wal ganu fi iccitii Baha jirtu TPLf fi Abiy jiddu kuno |Moha Oromo

labsi qero marsa 5ffa .mofriyat kamil .sinnashow mul’ata bakka hacalu .nama 100 ol barumsara ariyama

Sinishaw Muleta – Goota Koo – ስንሻው ሙለታ – ጎተ ኮ – Oromogna Music 2020 (Official Video)