#Qaallittii – Bakkuma Durii Akkuma Duriitti – Hidhaa Oromoo Qaqqaalii

#Qaallittii – Bakkuma Durii Akkuma Duriitti – Hidhaa Oromoo Qaqqaalii

What an elder sees while seated.

A young person can not see even after climbing a tree .

“ Uganda proverb “


Qeerroon Bilisummaa Oromoo godina Jimmaa mootummaa ce’umsaa Oromiyaa ABOn labse tumsuun ejjennootiin hojjetaa jira.

Oda Labsi Fajji


Ministeera Nageenya Bilxiginnaa kan turte Aadde #Mufariyaat_Kaamil Sababa Haakimaatiin ijoollee ishee guurattee gara Biyya Jermenii akka qajeelte/deemte himamaa jira.
Haateyu malee deemsi Ministeerittiidhaa shakkii baay’ee uumeeti jira.ሙፍሪያት ከሚል


Hubchiisa
Kaaba shawaa iddoo kaleessa itti haleelamtetti salphina ishii dhokfachuuf bilxiginnaan uummata walitti qabdee reenjarii itti uwwistee WBO boojinee jechuuf jirti.
Bakka sanatti WBO booji’uun hafee Namni madoo slphaayyuu madaaye hin jiru.
 
 
Tulluu Hiyyeessaa


Jaal Alamaayyoo Diroo Hayyuu Argaa Dhageettii Manguddoo Kabajaa Hidhaa fi Doorsifni Isaaniif Hin Mallee dha. Har’a Ganama Sadaasa 1, 2020 Mana Isaaniitii Butamuun Buraayyuu Iddoo #Maazagaajaa Jedhamutti Ukkaanfamaniiru.
Tulluu Hiyyeessaa


#Qaallittii – Bakkuma Durii Akkuma Duriitti – Hidhaa Oromoo Qaqqaalii
___
Har’a gara ganamaa Qaallittii bu’ee hooggantoota keenya dubbiseen ture. Ji’a afuriin booda wal argaa keenya jalqabaa ta’uusaati. Isaaniin arguuf haalli mijachuufi akkan danda’u ergan baree hirribuu nan qabne. Ganama arguun ni danda’ama jennaan sa’a tokkotti achi ga’eera an. Balballi banamee kan ol nu naqan garuu sa’a shanitti. Ulaagaa barbaachisu guunnee erga seenneen booda jalqaba iji kiyya Jawaar faana walirra buute. “Eessaa baate?” Naan jedhe fageenyarrati akkuma na argeen, kolfasaa sana kolfaa. “Bakkuma riphneetii morma mullifanne.” Deebiikoo ture. “Akka Guyyoo waa dhandhamuutu sirra ture.” Jedhee kolfa dheeraa tokko kolfe. Akkuma beekamu Jaan qoosa jaallata. Akkan yaadeef osoon haammadhee itti marmee dubbisee fedhii koo ture. Garuu daangaatu ture. Shiboon walitti nun dabarsu.
 
Achiis Shamsaddiin halaalarraa na argee.. “Hello brother, from another mother.” Naan jedhe. Anis itti siqeen harka kiyya akka booksiitti aboottifadheen harkasaa shiboon gama jiru tuqee nagaa gaafadhe. Namootni achi turan muraasi isaan arfan, jechuunis Jawaar, Baqqalee, Hamzaafi Shamsaddiiniin kopha kophaatti qabatanii.. ergaa maatiifi firaa, akkasumas waan biyyaafi jiruuf jireenyaa itti haasa’uu turan. Anis shamsaddiin biraa akkuman deebi’een, Baqqalaa intalasaa Boontuu faana haasa’u addaan kuteen nagaa gaafadhe.
 
“Eessaa baateyaa?” Naan jedhe Baqqeen akkuma na argeen. Kanaan dura yoo wal agarru “Warra goda keenyaa jirtaayaa?” Jedhee natti kolfa. Achi nagummaa abbaafi haadha kiyyaa na gaafatee nagaa natti dhaama. (Dur gaafa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Najjoo barsiisu maatii kiyya faana walitti dhufeenya cimaa waan qabuuf. Abbaa kiyya faanas yeroo lama sadii hidhamaniiru. Inumaayyuu bara jalqaba OPDOtti kaadirummaa gale, Zelaalem Jemaalee bakka tokkotti isaan hidhee nyaata malee oolchee akka isaan bulche abbaankoo natti himee ture.) “Da’oo keessaa baatanii mumullachuu eegaltaniyaa?” Naan jedhe fuula ifaadhaan. “Maal goonaree haaluma qilleensaa ilaallee as baane”n jedheen.
 
Hamileefi jabinni isaanii osoo ala kana jiraatee jedheen hawwe. Miirri isaanii jabaadha. Shamsaddin sababa reebichaaf dhukkubsatuyyuu waan furdate fakkaata. Jawaar garuu huuqqateera. Huuqqinni isaas Ispoortii hojjechaa furdina xiqqoo itti yabbatte harcaasaa jiraachuu hubadheera. Rifeensi mataa isaa garuu kan durii caalaatti addaateen arge. Harriin garmalee itti heeddummateera. Rifeensa gurraachatu qubaan lakka’amuu waan eegale fakkaata. Umurii 34tti akkana ta’uun isaas siif yaaduurraan akka ta’e hin dagatin! Harrii waggaa 50 olitti beekna. Kan yeroo kanaa kun sumaafi jechuufi.
 
Dhumarratti Hamzaan argadhe. Sagaleesaa guddaa sanaan “Ee bada gurbaa maan taate? Jarri goofaree sirraa buustee? Miskiin.. nama biraa fakkaatte beeki?” Naan jedhe kolfaa.. rifeensa kiyya ilaalaa. Achiis haala jireenyaa na gaafate.. anis ittin hime. Anis nan gaafadhe. Innis naaf deebise. Achiis dubbii keessa, baga hidhamne naan jedhe. Yaadni isaa hidhamuun gammachuu ta’ee osoo hin taane, bahuunis injifachuunis akka hin oolle jala muree erga natti himeen booda, hidhamuun isaanii baaqaaf callaa akka adda fo’eefi daandii egereetiif akka of qopheessaniif isaan gargaaruu naaf ibse. Akkan hubadhetti, kan goota fakkaataa bahee gola riphe, kan hoogganaa fi tiksee of fakkeessaa bahee hoolota bakkeerratti gatee jijim jedhe, kan maqaaf qofa fokkoraa baheefi amma eessa buuteen dhibe heedduu xiinxalee ta’innaalaan jedhe. Kana garuu anatu jedhe isa miti. Maalif akkan akkasitti yaade beekuu baadhus akkasittan hubadhe. Kun immoo mirga kooti.
 
Hundumaayyuu ergan dubbisee daqiiqaa muraasa waliin haasa’een booda bakka isaan jiran gadhiiseen bahe. Bakkichi Zoonii 6 jedhama. Dallicha keessatti namoonni yuunifoormii diimaafi keelloo uffatan ni mullatu turan. Namoonni diimaa uffatan warra itti murtaa’e ta’uufi, warri keelloo uffatanimmoo warra beellamarra jiran ta’uu har’an hubadhe. Yetoo nuti isaan arginetti garuu, arfan isaaniiyyuu huccuuma idilee uffatanii turan. Inumaayyuu Jawaar Eye glass baby face gootee isa mullistu tokko godhatee ture. Qashtii ta’ee jechuu kooti.
 
Eegdonni moorichaa ijoollee Oromoo ta’an kabajaan nu keessummeessanis, kaan garuu ormummaasaa mullisuuf dalga nu ilaalaa turan. Kana hundumaatti xumura godhee yeroon mooricha gadhiisu sa’atiin 6 ta’eera. Ani achii deemus garuu Qaallittin bakkuma isaa durii jira. Akkuma isaa duriis ijoollee Oromoo qaqqaalii dallaa tokko keessatti daangessee hidhee jira. Anis borumtaa dallaa kanaan ala jiru abjoochaan gara mana kiyyaatti fuula naanneffadhe. Barruu kanas mana kiyya taa’een si dubbisiise. Waan dubbistee ulfaadhu! Yeroo gaarii!