Proud Little Oromia, Menisota-:- OSFNA 2021

Proud Little Oromia, Menisota:

OMN: OSFNA 2021

OSFNA


Proud Little Oromia, Menisota

Leta Kenei Aga bade yoo xiqqaate
Sa’aatii 12 booda oromoota waalin waal arge
Aaddee Najat Hamza galatooma

Walaloo fi Lataa Qana’ii
 
Walaloon anaaf hiriyaa koo an itti dubbannaan inni natti dubbatuudha jedha waloo Lataa Qana’ii.
”Yeroon gadduu fi gammadu, quuqqaa koo waanan ittiin baafadhu. Ofirra darbees quuqqaa uummata Oromoo ibsuuf na gargaara.”
 
”Walaloodhaan ofiikoorra darbee uummatan itti tajaajila waan ta’eef gara fuulduraatti walaloo kana cimsee waantota haaraa itti dabaluun kana caalaa fooyyessee uummata koo ittiin tajaajiluuf sagantaan qaba.”
Kitaabas dabalee barreessuufi sagaleedhaanillee walaloo adda addaa hojjechuuf karooran qaba jedhe.
Barata kutaa torbaa ta’ee walaloo barreessuu akka eegalee fi walaloo Obbo Zalaalam Abarraa ammoo kutaa 12ffaatti dhagahuu hime Lataan.
 
”Yeroon walaloo Obbo Zalaalam dhagahetti waltajjii adda addaarratti walaloo dhiyeessuu jalqabeera.”
Dhugaan jiru garuu ergan walaloosaanii dhagahee hamilee guddaa horadheera, miira gaarii fi jabinaa na keessatti uumeera jedhe.
”Akkaataasaan itti jechoota itti fayyadaman, jiruu hawaasaa ibsan, akkisaan itti dhiyeessan hunduu fakkeenya naaf ta’eera.”
 
Akkasaanii ta’uuf akkan barbaadu, sadarkaasaan amma irra ga’an irra ga’uuf akkan hawwu na godheera jedha Lataan. Keessattuu ergan isaan walin walbaree waliin haasa’uutti ka’ee, hamilee guddaa natti horaniiru.
”Akkan jabaadhee hojjedhee, qixasaaniillee qaqqabuuf akkan hawwutti dhiibbaa narratti uumaniiru.”

‘Hojii inni jalqabe itti fufsiisuudhaan Haacaaluu yaadachuu qabna’- Waloo Lataa Qana’ii

Walaloowwan miira uummataa hawwatan dhiyeessuun kan beekamu waloo Lataa Qana’ii, hojiiwwan Artist Hacaaluu Hundeessaa keessattillee akka hirmaate BBC’tti himeera.

Keessattuu geerarsa Artist Haacaaluun galma barkumeetti geerare keessatti walakkaansaa walaloo inni kenneef akka ta’e himeera.

Haacaaluu waliin bara yuunivarsitiidhaa baratu akka walbaran kan himu waloon kun, wayita sana gorsi Haacaaluu hamilee akka ta’eef dubbata.

Waloo Lataa Qana’ii hanga ammaatti kitaaba lamaa fi CD walaloo tokko kan qopheesse yoo ta’u, biyya keessaa fi biyya alaatti waltajjiiwwan hedduurratti walaloo dhiyeesseera.

Hacaaluun michuusaa akka ture kan himu Lataan, erga inni ajjeefamee waggaan tokko kun isaaf akkam akka turee fi dhimma hojiisaarratti yaada kana nuuf qoodeera.

”Jireenya koo keessatti yeroon itti dhukkubsadhe ture”

Erga Hacaaluun ajjeefamee waggaan tokko darbe kun baay’ee ulfaataa ture kan jedhu Waloo Lataa Qana’ii, ”akka Oromoottis akka dhuunfaattis yeroo ulfaataa dabarsine,” jedhe.

”Akka dhuunfaa kootti waan baayyeen itti miidhame. Jireenya koo keessatti kanin itti dhukkubsadhe wagga tokko dabarsine kana keessatti.”

”Haacaaluu waliin kana booda deebi’ee wal hin argu jedhee yaaduun akka malee keessakoo na miidhe.”

Haacaaluu waliin wagga kudhan dura yeroo Yuuniversitii seene akka walbaree fi isaan walbaruun akka hamilee itti hore hima waloo Lataan.

”Akkuma walbarreen baayyee walitti dhiyaanne. Innis walaloo koo baayyee akka jaallatu natti hime. Yoo jabaatte guddachuu dandeessa, Oromoof bu’aa buusta jedhee na jajjabeessa ture. Innis waan harkaa qabu natti hima. Walitti dhufeenyi keenya haala kanaan cimaa dhufe.”

Haacaaluun hojiisaa, keessattuu kanneen qabiyyee geerarsaa of keessaa qaban yoo qabaate naan mari’ata ture kan jedhu Lataan, ”kanarratti maal jetta jedhee na gaafata. Anis yaada koo nan kennaaf,” jedhe.

”Bara 2018 waltajjii galma barkumeetti qophaa’erratti wayita geerare, jalqaba waltajjii duubatti anaaf geerare. Kana jechuufan jedha jedhee gaafa naaf geeraru baayyeen rifadhe.

“Isa booda maaltu irra ga’uu danda’a kan jedhu na yaaddesse. Innis murteeffatee Oromoon rakkoo isa mudate keessa akkamiin akka ba’u ija jabinaa fi gootummaadhaan waltajjiirratti ba’ee itti hime.”

”Ergasiis galmuma barkumeetti bakka Isaayyas Afaworqii jirutti geerarsa geerare keessatti cinaa tokko anatu barreesse. Walakkaa ofumaaf barreeffate, walakkaasaammoo kanin duraan barreeseefitti fayyadame,” jedhe Lataan.

…Lubbuu biliqa baatuuf maafan gola naanna’aa

Saba koof falmee du’een Taaddasaa Birruu ta’aa

Saba koof falmee du’een Maammoo Mazammir ta’aa, Abdiisaa Aagaa ta’aa

Daandii dheeraatu na hafe kan fuuldura koo taa’uu

Booddeetti galgalee bookee fi tafkii hin lakkaa’uu

Bakka ajaan baay’atu bakka tortoraa fi raqaa

Allaattii fi saree malee kan biraa maaltu dhaqaa

Jedhee bakka inni itti geeraru akka barreesseef dubbate waloo Lataan.

”Kan darbe caalaayyuu geerarsa akkanaa Kanaan gara fuulduraatti waan baayyee waliin hojjenna jennee sagantaa wajjin qabna ture,” jechuun waan waliin karoorfatanii turan hima.

Ergaa xalayaa..

Waloo Lataa Qana’ii waggaa tokkoffaan guyyaa Hacaaluu Hundeessaa itti ajjeefamee yaadatamuuf wayita jedhutti xalayaa Hacaaluuf jedhee barreessee tureen miidiyaa hawaasummaarratti ijoo dubbii ta’eera.

Xalayaa bifa walaloon qophaa’e kana maalirra ka’ee akka barreessee fi xalayichi ergaa akkamii akka baatu Lataan akkaanaan ibseera.

”Duuti Haacaaluu hunda keenyaafuu hibboodha,” jechuun gaafata. ”Battala ishee dhumaa Haacaaluun itti ajjeefametti maaltu ture? Kan jedhu hundi namaa mataasaa keessatti dhukkubsata.”

”Haacaaluun goota sodaa hin beeknedha, Kanaan beekama. Yeroo sana maaltu ture laata? Maal dubbate laata? Kun hunduu hunda namaaf hibboodha.”

Polisiin kanneen ajjeechaa isaan shakku afur irratti himata baneera. Kunneenis dhimma isaanii mana murtiitti hordofaa jiru.

Xalayaa kana keessatti akka waan inni na dhagahuutti yaadeen waan keessa koo jiru baafachuuf barreesse kan jedhu Waloo Lataa Qana’ii, ”walaloo sana keessatti gootota Oromoo warra akkasaatti du’anin maqaa dhahe,” jedhe.

Aartistoonni akka keetti ‘wareegaman’ jedhe kanneen akka Eebbisaa, Usmaayyoo, Daadhii Galaan, Yooseef Gammachuufaa maal siin jedhan? jedheen gaafadhe jedhe.

Aartistoonni Oromoo kunneen daba walfakkaatuun nyaatamuu kaasuun walaloo isaa keessaa toora kana nu yaadachiise.

…Biyyootti nu maktee gaddatti nu naqxee

Akkam siif ta’eeraa Hacee bakki ati dhaqxe?

…Eebbisaa Addunyaa waliin sagalee kiiloleedhaan biyya weerartanii?

Maalfaa sirbitani maalfaa geerartani?

Usmaayyoo Muusaa, Maaramee Harqaa waliin , Jaarsoo Waaqoo waliin Musxafaa Harawwee waliin

Yooseef Gammachuu waliin Daadhii Galaan waliin teessuu dhiyaa barii?

Jireenyaa Ayaanaahoo kan barbaannee dhabnee achi jiraa tarii?

…Maal siin jedhan maaloo kanin maqaa hin dhoofnee, xinnaa fi guddaan firaa.

Waa’ee Nadhii Gammadaahoo waan dhageesse jiraa?

Waan Dabbasaa Guyyoo waan dhageesse jiraa?

”Hojiisaa isaa itti fufsiisuun yaadatamuu qaba”

Wayita isa yaadannu, Haacaaluun maal ture jennee of gaafachuu qabna jedha waloo Lataa Qana’ii.

”Maaliif nama addaa ta’e, maaliif haala kanaan Oromoo hunda biratti jaallatame? Du’i isaa maaliif akkasitti uummata dhukkubse? jennee of gaafachuu qabna,” jedhe.

”Haacaaluun goota lubbuusaarra uummatasaa jaal’atu. Nama sodaa hin qabne, dhimma Oromoorratti of duuba kann hin mil’anne.

“Yeroo rakkootti nama dhugaa uummata isaa dubbatu, tokkummaa Oromoo nama cimsee fi nama uummataaf of kenne ta’uusaa hubachuun fakkeenyasaa hordofuun yaadanna.”

”Yeroo yaadannoo ammoo sagantaama qopheessuu qofaan ta’uu hin qabu. Hojii inni jalqabe itti fufsiisuudhaan isa yaadachuu qabna.”

Osoo silaa lubbuun jiraate waan inni hojjetuu danda’u ofii keenyaa gochuudhaan ta’uu qaba jedha.

Lataa Qana’ii eenyu?

“Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaattin dhaladhee guddadhe, achumattin barnoota koo sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa baradhe.

Isa booda Muummee Seeraatiin Yuuniversitii Finfinnee seeneen waggaa shan baradhee xumure.

Ergan eebbifamee dhaabbata dhuunfaa lama keessatti hojjedheera.

Achi booda barsiisummaadhaan Yuuniversitii Rifti Vaalii hojjedheera.

BBC Media Action keessas hojjedheera. Hojiiwwan aartii adda addaa irrattis hirmaadheera.

Haga ammaatti kitaaba lama, Maal kolfa dhaloonni fi Miila kaayyoo, kan jedhaman barreesseera.

Albama walaloo CD tokko kan mata dureensaa ”Haqni dhara hin qabu” jedhu qopheesseera.

Biyya alaa fi biyya keessatti waltajjiiwwan adda addaa irratti walaloo dhiyeesseera.

”Walaloon hiriyaa kooti”

Walaloon anaaf hiriyaa koo an itti dubbannaan inni natti dubbatuudha jedha waloo Lataa Qana’ii.

”Yeroon gadduu fi gammadu, quuqqaa koo waanan ittiin baafadhu. Ofirra darbees quuqqaa uummata Oromoo ibsuuf na gargaara.”

”Walaloodhaan ofiikoorra darbee uummatan itti tajaajila waan ta’eef gara fuulduraatti walaloo kana cimsee waantota haaraa itti dabaluun kana caalaa fooyyessee uummata koo ittiin tajaajiluuf sagantaan qaba.”

Kitaabas dabalee barreessuufi sagaleedhaanillee walaloo adda addaa hojjechuuf karooran qaba jedhe.

Waloo Lataa fi Obbo Zalaalam Abarraa

Barata kutaa torbaa ta’ee walaloo barreessuu akka eegalee fi walaloo Obbo Zalaalam Abarraa ammoo kutaa 12ffaatti dhagahuu hime Lataan.

”Yeroon walaloo Obbo Zalaalam dhagahetti waltajjii adda addaarratti walaloo dhiyeessuu jalqabeera.”

Dhugaan jiru garuu ergan walaloosaanii dhagahee hamilee guddaa horadheera, miira gaarii fi jabinaa na keessatti uumeera jedhe.

”Akkaataasaan itti jechoota itti fayyadaman, jiruu hawaasaa ibsan, akkisaan itti dhiyeessan hunduu fakkeenya naaf ta’eera.”

Akkasaanii ta’uuf akkan barbaadu, sadarkaasaan amma irra ga’an irra ga’uuf akkan hawwu na godheera jedha Lataan.

Keessattuu ergan isaan walin walbaree waliin haasa’uutti ka’ee, hamilee guddaa natti horaniiru.

”Akkan jabaadhee hojjedhee, qixasaaniillee qaqqabuuf akkan hawwutti dhiibbaa narratti uumaniiru.”

Source: bbcafaanoromoo