Pirofeesar Mararaa Guddinaa: ‘Filannoo keessaa bahuu keenyatti hin gaabbinu’

Pirofeesar Mararaa Guddinaa: ‘Filannoo keessaa bahuu keenyatti hin gaabbinu’

“Abdiinis, hawwiinis, abjuunis laga gama jira” kan jedhan Piroofeesar Mararaa Guddinaa, ammatti siyaasa keessaa bahuuf yaada akka hin qabne dubbataniiru.

(bbc)—Dura taa’aa Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) kan ta’an Piroofeesar Mararaa Guddinaa sosochii baratttoota Itoophiyaarraa kaasee naannoo walakkaa jaarraatif siyaasa biyyattii keessatti hirmaachaa jiru.

Dhaabni isaanii Koongirasiin Federaalawaa Oromoo ‘dhiibbaa mootummaatin’ filannoo biyyaalessaa marsaa jahaffaan ala ta’uu kan himan Proofeesar Mararaan, adeemsa dhaabni isaanii filannoo keessaa itti bahefi imala siyaasaa isaanii irratti BBC walin turtii taasisaniiru.

‘Mariiwwan waliigaltee fiduu hin dandeenye…’

Dhaabni isaanii filannoo keessaa bahuuf murteessusaatin dura waggoota sadan darbaniif mariiwwan siyaasaa heddu dhaaba biyya bulchaa jiru dabalatee qaamolee garaagaraa walin taasifamaa turuu Piroofeesar Mararaan himu.

Mariiwwan kunneen keessaammoo kan Ministirri Mummee Abiy Ahimad irratti argamanis akka jiran, haata’u malee mariiwwan taasifaman gama waliigaltee biyyaalessaa uumutiin bu’aa kan hin argamsiifne ta’uu dubbatu.

“Mootummaan kan barbaadu ‘humni ADWUI keessaa bahe jijjirama biyya kanaa olaantummaan gaggeessuu qaba, isa nujalaa hin tuqinaa’ kan jedhudha. Abjuu biyya kana nutu itti fufee bulchuu qaba jedhuun ala deemuu didan.

”Nutimmoo kan hidhamaafi dararamaa turre akkasumas gatii guddaa itti kaffallefi dhiigni ijoollee Oromoo gadi nam’aa ture sirna kana jijjiiruufi” jedhan.

Sababni milkaa’uu dhabuufi itti fufiinsa dhabuu gaaddisa dhaabbilee siyaasaa Oromoos kanuma ta’uu himu.

Garaagarummaan dhaaba isaaniifi dhaaba biyyattii bulchaa jiru gidduutti uummame kunis hidhamuu miseensootasaaniifi cufamuu waajjiraalee isaaniitif sababa ta’uu dubbatan.

“Wanti filannoof barbaachisu kan durirraa adda ta’efi fooyya’e hin jiru” kan jedhan Proofeesar Mararaa Guddinaa, filannoon nageenya fiduu akka qabu, sirni dimokiraasii akka dhalatu gochuu akka qabu akkasumas bulchiinsi gaarin diriiree qalbiin uummataa gara diinagdee biyyaa guddisuutti akka deemuu taasisuu akka qabu himu.

Filannoon biyyaalessaa marsaa jahaffaa dhimmoota sadeen kunneen hanga hin fidnetti filannoowwan kanaan duraarraa garaagarummaa akka hin qabne himu.

Kanaafis murtee dhaabni isaanii filannoo bara kanaan ala ta’uuf murteessetti akka hin gaabbine dubbatan.

Gama biraatin dhaabni biyya bulchu sababni paartileen siyaasaa filannoo biyyaalessaa marsaa jahaffaa keessaa bahan dhiyeessan bu’uura kan hin qabne ta’uu himee ture.

“Siyaasa keessaa bahuuf yaada hin qabu…”

Waggoota sadi dura bara ADWUI mana hidhaatii yeroo bahan siyaasa keessaa bahuuf yaadanii akka turan kan himan Proofeesar Mararaan, ammatti garuu siyaasa keessaa bahuuf yaada akka hin qabne dubbataniiru.

“Siyaasa keessaa bahuuf tokkoffaa akka hin taanetti abdii kutuun sirra jira. Lammaffaammoo ‘nagahe, kana caalaa waan guddaa fiduu hin danda’u, warra kaanittan dabarsa’ jettee karaa qaxxaamuraarra gahuu qabda. Amma yeroon ilaalu achi gahuun dadhabe” jedhu.

Ammatti siyaasa keessaa bahuuf yaada akka hin qabne kan himan Proofeesar Mararaan, “qabsoon biyya kanaa karaa walakkaa jira. Laga hin ceene. Iddoo itti walirraa baanu miti” jedhan.

Gama biraatin hirmaannaa siyaasa biyyattii keessatti qabaniin isaanifi dhaabni isaanii naannoo Oromiyaafis ta’e akka biyyaatti gumaacha gaarii taasisaa turuu kan himan Proofeesar Mararaan, “Akka qabsaa’aatti hoomaa hin jedhu.

Maalifan bara hamma kana qabsoo keessa ture yennaan jedhus waan itti gaabbu hin qabu. Amma humnakoo gumaachaan dhufe” jedhan.

Imalli qabsoo isaanii naannoo jaarraa walakkaa kan lakkoofsise Proofeesar Mararaan, qabsoon isaanii garuu laga osoo hin ce’in akka jiru dubbatu.

“Qabsaa’aan qabsoo laga ceesisuu danda’uu qaba. Qabsichi laga hin ceene. Abdiinis, hawwiinis, abjuunis laga gama jira. Kanaaf qabsoo itti fufna” jedhan.

Yeroo ammaattis dhaabni isaanii Koongirasiin Federaalawaa Oromoo sochii taasisaa jiraachuu himuun “hamma humna keenyaa rakkoo gadhee keessatti, siyaasa dhiphate kana keessatti hamma dandeenye yaalaa jirra. Hamma dandeenye qooda fudhachaa jirra” jedhan.

Dhimma Ripablika Oromiyaa ijaaruufi Itoophiyaa dimokraatessuu…

Yaadawwan faallaa lama ripabliika Oromiyaa ijaaruu yookin Itoophiyaa dimokraatessun sabaaf sablammoota biroo walin akka biyyaatti itti fufuu kunneen jedhan hayyuulee Oromoo gidduutti garaagarummaa uumaa turaniiru. Ammas yaadawwan lamaan kunneen kallattii garaagaraan ni dhagahamu.

Garaagarummaan yaadaa hayyoota Oromoo gidduutti mul’atu kun dantaa uummata Oromoo miidhaa turuufi ammas miidhaa jiraachuu kan himan Proofeesar Mararaan, garaagarummaan yaadaa kun amma dhiphachaa jiraachuu dubbatu.

“Akka durii walirraa fagoo hin jiran. Amma sabni Oromoofi beekaan Oromoo karuma lachuu hamma kooraa gubbaa geenyetti, hamma sabni keenya bilisa bahetti karaa lachuu fudhachuuf waan qophaa’e natti fakkaata” jedhu.

Akka fakkeenyaattis “ABOfaan yeroo Eertiraadhaa galan ‘siran dimokiraasii biyya kana keessatti ijaaruuf yaalamaa jiru kana keessatti qooda ni fudhanna’ jedhanii dhufan. Yaadni walitti dhiyaachuu jalqabee ture. Osoo mootummaan balbala cufuu baatee karaa baay’ee deemna ture” jedhan.

Proofeesar Mararaa Guddinaa eenyu?

ALI bara 1948 godina Shawaa Lixaa Tokke Kuttaayee bakka jedhamuutti kan dhalatan Proofeesar Mararaa Guddinaa, namoota siyaasaa buleeyyiifi gameeyyii biyyattii keessaa tokkodha.

Qabsoo karaa nagaatiin maqaa gaarii kan horatan namni kun bara mootii Haayilasillaaseetti sosochii barattoota Itoophiyaarraa kaasee hanga ammaatti siyaasa biyyattii keessaa qooda fudhachaa jiru.

Boodarras miseensa Sosochii Soshaalistii Guutuu Itoophiyaa /MEISON/ kan turan Proofeesar Mararaan, bara mootummaa dargii waggoota torbaaf hidhamaniiru.

Digrii jalqabaa isaanii Yunivarsiitii Finfinneerraa mummee barnootaa Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil addunyaatin, digrii lammaffaa isaanii Saayinsii Siyaasaan Yunivarsiitii Ameerikaa biyya Ijipt argamurraa akkasumas digrii sadaffaa /PhD/ isaanii biyya Neezarlaanditti baratan.

Yunivarsiitii Finfinneetti waggoota dheeraaf barsiisummaan kan tajaajilan namni kun barruuleefi kitaabilee siyaasa biyya Itoophiyaa irratti xiyyeeffatan maxxansiisaniiru.

Kana malees dhaabbilee siyaasaa akka Koongirasii Biyyaalessaa Oromoofi Koongirasii Uummata Oromoo hundeessun hoogganaa kan turan yemmuu ta’u, amma immoo dura taa’aa Koongirasii Federaalawaa Oromooti.

Filannoo biyyaalessaa bara 1997 adeemsifamerratti injifachuunis waggoota shanif miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa turaniiru.

Filannoo bara 1997 irratti dhaaba isaanii Koongirasii Biyyaalessaa Oromoo dabalatee gurmuu paartilee siyaasaa Tokkummaa Humnootii Dimokraatawaa Itoophiyaa /Hibrat/ hogganaa turan.

Yeroo ammas gamtaa dhaabbilee siyaasaa MADRAK jedhamuun beekkamu dura taa’aa ta’uun tajaajilaa jiru.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.