Pirof. Izqeel Gabbisaa: ‘Sabboonummaa Oromoo ititee

Pirof. Izqeel Gabbisaa: ‘Sabboonummaa Oromoo ititee humna biyya ijaaruurra ga’e, ofitti qabuu feesisa’

Sabboonummaan ‘waan Oromoon Bahaafi Lixaan, Kaabaafi Kibbaarraa walakkaa jaarraaf dubbataa fi jiraataa jirudha’ jedha barataan Yunvarsiitii Finfinnee Abdii Gammachuu. “Ijoollee durbaa Sabboontuu, ijoollee dhiiraa ammoo Sabboonaa maqaa jedhu maatiin moggaafatanis hedduudha.”

(bbcafaanoromoo)–Akka Abdiin jedhutti sabboonummaan jiruufi jireenyaa keessattis hojiidhaan mul’ata.

“Aadaa, seenaafi eenyummaa saba ofiitiin boonuurra darbee waantota kana dhabamsiisuuf aggaaman dura dhaabbachuun safartuuwwan sabboonummaa hojiin mul’atanidha,” jedha barataa Abdii.

Sabboonummaan Oromoo eessaa ka’ee eessa ga’e? Biyyaaf yaaddoodhamoo humna biyyi ittiin ijaaramuu danda’udha? Gaaffiiwwan kana irratti BBC Afaan Oromoo hayyoota iyyaafateera.

Hiika jecha ‘Sabboonummaa’
Yunvarsiitii Jimmaatti barsiisaafi qorataan Afaaniifi Aadaa Darajjee Fufaa (PhD) jecha ‘Sabboonummaa’ jedhu hiika itti kennu. “Sabboonummaa jechuun eenyummaa keetiifi saba irraa dhalatteen boonuudha,” jedhu.

Akka Dr. Darajjeen ibsanitti, sabni sun aadaa, seenaa, afaanii fi ogummaa qaba; wantoota qabeenya sabichaa ta’an kana beekanii ittiin boonuufi ofitti amanamummaadhaan simachuudha sabboonummaan.

Hayyuun Seenaa fi Xiinxalaan Siyaasaa Pirof. Izqeel Gabbisaas sabboonummaan Oromoo hiika isaafi sadarkaa inni keessa darbee har’arra ga’e ibsu.

Jechi ‘sabboonummaa’ jedhu jechoota lamarraa dhufe -‘sabaan’ kan jedhuufi ‘boonuu’ kan jedhudha. Sabboonummaa jechuun sabaan-boonuu jechuudha jedhan.

Akka hayyuun kun ibsanitti, namni maatiisaarra darbee gandasaa jaallata; gandasaarra darbee ammoo kutaasaa jaallata.

Namni kutaasaa jaallattu ammoo naannoosaas ni jaallata waan ta’eef, kun waanuma jiruufi nama waliin uumamedha. Akka kanattis yoo hubatame sabboonummaan biyya ijaaruufillee ni gargaara jedhu Pirof. Isqeel.

Sabboonummaan afaan Ingiliziitiin ‘Nationalism’ isa jedhamu yommuu ta’u, kan namoonni aadaa tokkoofi ilaalcha tokko qaban mootummaafi bulchiinsa ofii jaallatan ittiin filachuudhaaf socho’ani akka yaada Pirof. Izqeelitti.


Sabboonummaan Oromoo yoom jalqabe?
Sabboonnummaan Oromoo yoom akka jalqabe sirriitti adda baasanii beekuun hin danda’amu ta’us, uumamuusaatiif sababiin haala siyaasa yeroo sana tureedha.

Sabboonummaan Oromoo yeroo akkasii jalqabe jedhanii adda baasanii beekuun hin danda’amu. Haata’u malee, bara 1973 yeroo Addi Bilisummaa Oromoo ABO’n ijaaramu ture kan akka dhaabaatti jalqabe jedhan hayyuun kun.

Dhaabni sabboonaa ta’e yeroo sana keessatti wayita ijaaramu ammoo wanta yeroon sun gaafatu irratti qabsaa’uudhaaf ture. “Yeroo sanatti Itoophiyaan olaantummaa saba tokkoo jalatti ijaaruun warra kaan garuu balleessuudhaaf kan tolfame waan tureef Oromummaan baduuf ga’ee ture.”

Kanaaf, sabboonummaan Oromoo yeroo sanatti sirna Nafxanyaa balaaleffachuuf ijaarame. Kun ammoo Oromoos walitti fiduun afaan, aadaafi eenyummaan sabichaa akka deebi’ee jabaatu taasise jedhu.
Sabboonummaan bara 1991 boqonnaa biraatti ce’e
Sochiin sabboonummaa bara 1991 boqonnaa biraatti ce’e akka Pirof Isqeel jedhanitti. Hireen mirga ofiin murteeffachuu heeraan deggarame jechuudha.

Oromoon bara sanatti biyya kan ofiisaa osoo ijaarrachuu danda’uu sabaafi sablammoota biroo waliin tokko ta’ee sirna federaalizimiidhaan buluudhaaf filate jedhu.

Haata’u malee, ol aantummaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay waan tureef fedhiin federaalizimii jiraatus Oromoon haccuuccaa jalatti hafe.

Akka Pirof. Izqeel jedhanitti, Oromoon aadaafi duudhaasaa deebifachuutti deebi’e. Kana gochuudhaan sabboonummaan Oromoo Nafxanyaa balaaleffachuu dhiisee Oromoo jaallachuutti, Oromoo ijaaruutti ce’uu ibsu.
Bara 2014 booda gara biyya ijaaruutti ce’e
Sabboonummaan aadaafi eenyummaa guddifachuuf gaggeeffamaa ture bara 2014 irraa kaasee dhaloota qubeetiin Itoophiyaa ijaarutti ce’e jedhu.

Akka Pirofeesar Izqeel jedhanitti, sabboonummaan dhaloota qubee kun kan ofiisaatiif barbaadu sabaafi sablammoota biraatiifillee akka barbaachisu agarsiiseera. Kanaaf, gara mirga siyaasaa, walqixxummaafi dimokiraasii hundaaf mirkaneessuutti ce’e.

“Kana jechuun sabboonummaan bilchaatee achii as bahe jechuudha. Kun ammoo sadarkaa biyya ijaaruudhaaf barbaachisurra ga’eera,” jedhan.
Sabboonummaan Oromoo waan gochuuf akeeke
Sabboonummaan sadarkaa kana keessa darbe 2012 irraa kaasee akka mul’ateetti Itoophiyaa haaraa ijaaruuf ture, jedhu Pirof. Izqeel.

“Itoophiyaan haaraa kun sirna federaalaa jalatti sabaafi sablamoonni hunduu walqixxummaafi walkabajaan waliin ijaarani ”jedhu.

Kun erga jijjiiramni tokko tokko ADWUI keessatti ta’ee namoonni tokko tokko bahanii karaarraa waan gore natti fakkaata jedhu Piroof Isqeel.

“Sabboonummaan dhaloota qubeen as gahe kun hooggantoota mootummaatiin sirriitti hin hubatamne. Yeroo ammaa xinnoo akka dadhabsiisuu gochaa waan jiran natti fakkaata.”

Akka waggootan afran darban keessa mul’atetti sabboonummaan Oromoo Itoophiyaa haaraa ijaaruudhaaf barbaachisaadha. “Gaaffii gaafatame yoo ilaallee waan heerri Itoophiyaa kenneef, waan heeronni mirgoota namoomaa lafarra jiran kennan ture. Kun ammoo eenyummaa, abbaa biyyummaas, dinagdees ilaalchisee ta’uu danda’a.”

Biyyi kunis akka haaraatti ijaaramuutu isheerra jira. Biyyaa heeraafi seera irratti hundoofteefi mirgoota namoomaa, walqixxummaa ummataa eegdu, bilisummaa ummataa mirkaneessitu taatee ijaaramuu qabdi jedhu Pirof. Izqeel.

“Kun akka galma ga’uuf yeroo wareegama guddaa kaffalaa ture Qeerroon Oromoo ummata kan biraa tokkotti hin buune. Nu waliin jiraadhaa jechuun hamaa irra gahuu malurraa eegee biyya haaraa ijaaruudhaaf malee Itoophiyaa kaleessaa deebisuudhaaf miti.”

Ummata isa keessa jiru ofitti qabee mirga isaaf barbaachisu isaaniif ni barbaachisa yeroo jedhu, sabboonummaan kun bilchaatee as bahe waan ta’eef biyya haaraa ijaaruudhaaf. Boodarra garuu akka hin taanetti fudhatame jedhan.

Hogansarra kan jiran ilaalcha duriitiin waan ilaalaniif sabboonummaan Oromoo biyya diiga jedhanii ilaaluun karaa biraarra deemuu jalqaban jedhu.

Warri akka yaaddootti ilaalan sirrii akka hin taane kan ibsan Pirof. Izqeel, innumaattuu humna biyya kana ijaaruudhaa waan ta’eef ofitti qabamuutu furmaata jedhan.

Seenaa kana keessa darbee Sabboonummaan Oromoo biyya sabaafi sablammootaa wajjin ijaaruudhaaf, isaaniifis ammoo hiiroo/wiirtuu ta’uudhaaf akka inni ka’e hubachuu barbaachisa, akka Piroof. Izqeelitti.

Itoophiyaa warri ijaaruu barbaadanis Itoophiyaa du’aa kaasuu osoo hin ta’iin kan biyya sanaaf lafaanis, qabeenyaanis, leecalloonis taanaan kan irratti ijaaramu naannoo Oromoorratti. Biyyi haaraan ijaaramtu kun ammoo warroota Oromootti siqan hortee Kuush warra ta’anirraa jalqabuu qaba jedhu Piroof. Izqeel.

“Warri biyya sana bulchaa jiran ammas ija isaanii sirreeffatanii keessa deebiyanii ilaaluu qabu. Gurra isaanii keessaa guurii baafatanii dhaggeeffachuu qabu. Fedhii yaada isaanii keessaa bahuun osoo hin taane, waan dhugaa lafarra jirurratti ijaaruu barbaachisa.”


Sabboonummaafi Ministira Muummee
Ilaalcha Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) Sabboonummaarratti qabanirratti yaada lamatu jiru. Gariin sabboonummaa Oromoo laaffisaa jira yommuu jedhan, kaan ammoo sabboonaa ilma Abbaa Gadaa jechuun leellisu.

Kanaaf ammoo haasawwan Abiy yeroo gara garaatti taasisanii turan akka ragaatti kaasu.

Warri sabboonummaa Oromoo laaffisa jedhanii qeeqan haasaa inni Baahirdaaritti sabboonummaan saba guddaa xiqqeessee gandatti deebise jedhee ture kaasu.

Karaa biraan ammoo haasaa inni Kora ODP salgaffaa Jimmatti taa’amerratti taasise yaadachuun sabboonaa ta’uu isaaniirratti shakkiin ka’uu hin malu jedhu. Abiy sabboonummaa Oromummaa Paan-Afirikaaniizimii waliin walqabsiisanii ture kan dubbatan.

“Aadaa Gadaatti deebinee yoo tokkummaa Oromummaa keenya jabeeffanne rakkoo keenyarra dabarree kan Afirikaallee hiikuu ni dandeenya,” jedhanii ture.

Yunivarsiitii Finfinneetti qorattuun Imaammata Dhimma Nageenyaafi Tasgabbii Malihiiq Abbabaa, sabboonummaan akka ta’utti yoo ilaalame miidhaa caalaa bu’aa qaba jetti.

Sabboonummaan seenaa biyyi keenya dabarsiteefi akka biyyaatti hundeefamuu wajjin kan walitti hidhamee waan ta’eef dhugaa moggaatti dhiibuu hin dandeenyedha.

Erga ADWUI’n dhufee waan ummatarratti fe’amee osoo hin taane, biyyi kun yeroo ijaaramtuu caasaa mootummaa fedha sabaan alatti cunqursaa raawwatamaaa ture dha.

Isaaf furmaata kennuuf warraaqsi ka’e hundi sabummaa bu’uura godhate ture kan jettu Malihiiq, kana gara moggaatti gatuun furmaata kennuu osoo hintaane dhugaa jiru haaluudha jetti. Sababiinsaa yeroo dhihootti baduu kan hin dandeenye utubaa siyaasa keenyaati.

Fincillii fi diddaan waggoota darban adeemsifamaa turan federeeshiniin sab-danuu akka eegamuuf seeraan gadi bu’ee hojiirra akka ooluuf ture. Haa ta’u malee, Itoophiyaan akka biyyaatti ‘eenyu nuti?’ gaaffii bu’uuraa jedhu deebisuu barbaachisa jetti qorattuun kun.

“Gara gulantaa filannoo, ijaarsa dhaabbilee dimookiraasiifi miidiyaa bilisaa jedhutti seenuuf dura gaaffiiwwan akka biyyaatti ‘nuti eenyu’ jedhu deebisuu qabna. Kanarratti ammoo shoorri saboonummaa guddaadha.”

Ammas’ sabummaan hafuu qaba’ waan jedhu dhugaa biyyattii keessa jirurraa kan fagaateefi waan saboonni wareegamaniif dagachuudha. Kun ammoo rakkoo mormaa turetti deebinee galuudha jetti Malihiiq.


The rumour that led to medical researchers in Ethiopia being killed by a mob

In October last year, three research scientists from the Ethiopian capital Addis Ababa travelled to a village called Gonji in the country’s Amhara region to investigate intestinal worms and the eye disease trachoma at a local school.

Two of them were killed by a mob who believed they were there to poison the children. Haileyesus Mulu survived, but with life-changing injuries.

For BBC Africa’s Factfinder, Fathiya Nur has been to the village to find out what happened.