Pirezidantiin duraanii Zimbaabuwee Roobart Mugaabe umrii 95’tti boqotan

Pirezidantiin duraanii Zimbaabuwee Roobart Mugaabe umrii 95’tti boqotan

Pirezidantiin duraanii Zimbaabuwee Roobart Mugaabe umrii isaanii 95’tti boqotan.

Roobart Mugaaben erga biyyi isaanii walabummaa argatte nama jalqabaa biyyattii bulchanidha.

Sababni du’a isaaniis dhukkuba akka ta’e maatiin isaanii BBC’f mirkaneessaniiru.

Obbo Mugaaben waggaa 30’f aangoorraa erga turanii booda Sadaasa bara 2017 aangoo irraa waraanaan kaafamuun isaanii ni yaadatama.

Ministirri Barnootaa Zimbaabuwee Fadzayii Maheree fuula tiwiitara isaanii irratti ”Biyyeen sitti haa salphatu Roobart Mugaabe,” jechuun barreessan.

Mugaabeen A.L.A Fulbaana 21 bara 1924 biyya yeroos Rodeeshiyaa jedhamtee waamamtutti dhalatan.

Waan mootummaa Rodeeshiyaa qeeqaniif bara 1964’tti osoo mana murtiitti hin dhihaatin waggoota 10 olif hidhaarra turani.

Bara 1973 osoodhuma mana hidhaa keessa jiranii paartii waliin hundeessan, Zimbaabuwee Afrikaan Naashinaal Yuniyeen (Zanu), haa hoggananiif pirezidantii ta’un filaman.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.