Site icon Kichuu

“Osoo Horiin Hin Galin Hattuun Mooraa Guute!”

Hattuun

“Osoo Horiin Hin Galin Hattuun Mooraa Guute!”

Kufaatiiin siyaasaa fi Diplomaasii garee mootummaa Biltsiginnaa muudate baayyee guddaa tahuu hiriira har’aatu ragaa dha. Maaliif? Qabxiilee muraasa yaa ilaallu,
 
1. Turkii fi Itoophiyaa
Suuraaleen hoogantoota Turkii,,Chaayinaa fi Raashiyaa qabataamanii bahan ergaa dogoggoraa kan dabarsanii dha. Turkiin Itoophiyaa keessatti industriwwan uffataa muraasa ijaaruu irraan kan hafe fedhii guddaa Itoophiyaa keessaa hin qabdu. Haalli siyaasaa Itoophiyaa jeeqamuu agarraan fuula ishee gara Somaaliyaa fi Sudaanitti deebistee jirti. Guyyaa Jimaata darbes waliigaltee daldalaa fi investment biliyoona hedduu Sudaan waliin mallatteesun ishee kanaaf ragaa dha. Kanaaf hariiroon Turkii fi Itoophiyaa kan ittiin dhaadatan miti jechuudha.
 
2. Chaayinaa fi Itoophiyaa
Chaayinaan hariiroo daldalaaa fi investment gaarii Itoophiyaa wajjiin qabaataa turte. Tahus projektoonni hedduun liqaa Chaayinaa irraa argamaniin ijaaramaa waan turaniif liqaa sana Itoophiyaan deebisuu hin dandeenye. Dabalataan, haalli nageenyaa amansiisaa waan hin taaneef, warshalaeen Chaayinaa baayyeen Itoophiyaa keessatti kasaaranii jjru. Karaa hariiroo Diplomaasiis yoo tahe Chaayinaan mootummaa Biltsiginnaa caalaa Sudaan fi TPLF wajjiin caalaattii hariiroo qabdi. Keesattuu Sudaan fi Sudaan kibbaa keessaa qabeenya guddaa waan qabduuf sababa abidda Itoophiyaa keessatti gubattee kasaartuf hin qabaattu.
 
3. Raashiyaa fi Itoophiyaa
Hariiroon Raashiyaa fi Itoophiyaa bara Dargiitii as kana hunda miti. Qorraa dha. Raashiyaan ega waraana Qabbana’aaa keessatti moo’amtee eegalee waggoottan 30 darban Iraan fi Sooriyaa waliin yoo tahe malee naannoo Gaanfa Afrikaatti dhiibbaa kana jedhamu qabaachuu hin dandeenye. Dabalataan, hariiroon Raashiyaa wajjiin mootummaan Itoophiyaa Abiyyi Ahimad qabu kan sadarkaa protocol irra darbe miti. Faallaa kanaa garuu Raashiyaan mootummaa Egypt wajjiin hariiroo bal’aa qabdi. Karaa waraanaa, tikaa, daldalaa fi Diplomaasii Egypt fi Raashiyaan aannaani fi garaa dha. Itoophiyaan ammoo Egypt akka diinaatti farrajjee jirti. Kanaaf, hariiroon Diplomaasii Raashiyaa wajjiin jirus kan sadarkaa suuraa irra darbee mootummaa Abiyyi Ahimad utubuu danda’u miti.
 
Itoophiyaan gargaarsa karaa hundaa Ameerikaa fi Awurooppaa irraa argataa jirti har’as. Awurooppaa fi Ameerikaa abaareen michummaaa Raashiyaa fi Chaayinaa wajjiin tolfadha jechuun mana keessa jiraatan ofirratti gubuudhan addaa miti. Suuraa Raashiyaa fi Chaayinaa hammatanii bahuun doorsisa busha’aa yoo tahe malee hiikaa biraa hin qabaatu. Raashiyaa, Chaayinaa fi Turkiinis hariiroo Diplomaasii biyya kufaa jirtu wajjiin eegaluun isaanii hin beekamne.
 
Karaa biraatiin, dantaan Ameerikaa fi Awurooppaan Gaanfa Afrikaa keessatti qaban kan biyyoota Raashiyaa fi Chaayinaati olii dha. Kunis haalli yoo hammaachaa adeeme biyyoota sadeen olitti tuqaman caalaa Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaatu caalatti xiyyeeffannoo guddaan hordofa jechuudha.
Walumaagalatti, gochaan mootummaan raawwataa jiru makmaaksa “Osoo Horiin Hin Galin Hattuun Moora Guute!” jedhu nama yaadachisa.
Ajaahib Jimaa Tooboo

Hiriirri aangawoota PP VISA dhorkaman mormuuf waamame fashale

Breaking
Abbaa irreen, PPn dhiittaa mirga namummaa uummata biyyattii irraan geessisaa jiru akka dhaabu Amerikaan gaafachaa ture. Qeerroo aangootti isaan baase kaan hidhanii, kaan ajjeesanii jiraachuu fi kumaatamnis WBOtti makamee hidhachuu ifoomsan. PPn uummata biyyattii humnaan hiriira mormii murtee Amerikaa baasuuf turte. Kun hundi jalaa fashalee jira. Uummatni dideera. Amma bakka hedduutti waraanaan dirqiin uummata yaasaa jiru.
Didi Didi
Exit mobile version