Oromoo: Oromoon lola hin ilaallannee lolaa turee, eeyyee dhugaadha!!

Oromoo: Oromoon lola hin ilaallannee lolaa turee, eeyyee dhugaadha!!

Yuunbarsiitii Walloo Kamisee Damee Kombolchaatti kaleessa jechuun 03/03/2020 Bakka bashannanaa Mana Puuliitti tapha irratti Barataa Oromoo tokkoof Barataan Amaaraa tokko wal lolanii,Barataan Oromoo Barataa Naannoo Amaaraa rukutee gaggabse.yeroo Sun dubbiin laaftuu turte.mucaan Amaaraa kan yoosi gaggaba jedhame gaggaba hin taanee du’a ta’e.Amma kunoo Barataan Naannoo Amaaraa Sun Lubbuun isaa dabarteera taphumarratti.dhalataa Gondar yo ta’u reeffii Amma Gara iddoo dhaloota isaa Gondaritti galaa jira.asirratti wannii dhaamuu fedhu;
•Haala Naannoon lamaan Amaaraaf Oromiyaa jechuu keessa waliin jirru quba qabna.Tarii dubbii tapha irratti lubbuun Namaa baate tana gara biraatti Warrii Siyaasaa jijjiiree Ijoollee Oromoo ta Yuunbarsiitii Gondar jirtu miidhuun ni mala.kanaafuu Ijoolleen Oromoo kan Yuunbarsiitii Naannoo Amaaraa keessa barattan dammaqaa.kopha-kophaa hin deeminaa.haala kamiiyyuu Dammaqiinsaan laalaa.

#Hubachiisa:Barataan Oromoo kan Tapha irratti Lubbuun Barataa hiriyaa isaa harkaatti baate Dhalataa HORROO GUDURUU WALLAGGAAti.Maatiin Shaambuu jiraatti jechaa jiran.Maqaan isaa #Fiqaaduu_Faqqadaa jedhama jedhan.Barataa waggaa 1ffaa yo ta’u,Natural Science barata.Kaleessa yeroo tapharratti Mucaan Amma du’e kun gaggabu,Poolisoonni Naannoo Amaaraafi Poolisiin Mooraa Yuunbarsiitii miidhaa Jabaa irraan geettee turte.sadarkaa lubbuutiin dhufte.haa ta’uu malee Poolisii Federaalaatiin yeroof baraarameera.Amma Kombolchaatti kophaatti hidhameera.miidhaa jabaallee miidhameera.Maatii fi Uummanni Oromoo Lubbuu Barataa kanaa haa baraarruu.yo kan hidhamu taatellee Naannoo Sun keessaa akka baafamee Naannoo Oromiyaatti hidhamu tumsa haa goonuu!

BARATTOONNI OROMOO KAN YUUNBARSIITII WALLOO JIRAN HAALA YAADDESSAA KEESSA JIRU.MARAAFUU QUBA HAA WAL QABAANNUU OROMOOF OROMIYAA!
Dhiiroo Garbii


Yeroo hundaa OPDOn Oromoo sabboonaa sabaaf yaadu, dhugaaf dhaabatu dhabamsiisuu barbaaddi. Abdii Ragaassaa ama dhugaa akka ta’e Abdii qaamaan beekuun barbaachisaa miti. Suura kana ilaaluun gahaadha. Qotee bulaa irraa baadiyyaa kessatti dhalatanii guddatanii, saroota OPDO kamitu qotee bulaa bira akkasiti dhaabataa? Ijjoollee iyyeessa bira dhaabachuun saroota OPDOf qaaniidha. Abdiin kanaaf jaallatama. Abdii hidhuun jibba Oromoon OPDOf qabuuf furmaata hinta’u.

Bedassa Tadesse


Gurmuun Gumaa Nyaatu
Wallaggaatti Buna, Hargargeetti Jimaa Guba!

Jimaa fi Bunni Utubaa Dinagdee Uummata Oromooti!
Gurmuun Gumaa Nyaatu Uummata Oromoo dinagdeen hunkuruuf jimaatti kaa’e! Gurmuun kun yeroo siyaasan moo’amu humna Uummata cabsuuf wan danda’u hundaan tattaffacha jira!

Gurmuun kun bara dabre waliigaltee Adda bilisummaa Oromoo waliin qaban diigee atakaroo dhalateen humni tokko akka bosonatti hafu godhe! amma maqaa olaantummaa seeraa jedhuun nageenya naannoo sana booresse Uummata bahaaf gala dhowwe! kuni itti yaadamee hojjetame! Sababa nageenyi boora’een Uummanni naannoo sana buna guraachuus ;ta’ee hojii kamuu hojjechuu hin dandeenye! humna hidhateetu bosonaa fi buna keessa jira jechuun qabeenya Ummata gubaa ture! Gurmuun kun haala kanaan Uummata beelaaf saaxile! Uummata hojjetee of jiraachisuu bira dabree nama gargaruu danda’u akka harka nama eeggatu godhe!

Jimaan bunatti aanee Utubaa dinagdee Oromoo guddaadha! keessattuu baha Oromiyaatti jireenyi Uummata jimaan walqabata! Madda galii guddaadha! alattis ergamee biyyaaf sharafaa alaa argamsiisa!

Gurmuun kun Oromoo dinagdeen lamsheessuuf malee Jimaa waliin dinummaa! hin qabu! Oromoo jilbiifachisuuf humna Oromoo diinagdeen laaffisuuf irratti hojjecha jira! Akka Uummanni kun harka mootumma eeggatu gochuuf kana raawwata! Ofumaa Uummata beelaaf saaxilee yoo na filatte ; raashina , zeeytii, Sukkara sif kennaa jedha!

Abadan kun hin ta’u


Oromoon lola hin ilaallannee lolaa turee, eeyyee dhugaadha.

Sabni oromoo erga koloonii absiiniyaanoota jalaatti kufee, mirgaa eenyummaa isaa fi abbaa biyyuummaa isaa mulqamee aadaa fi eenyummaa ambii itti feeteen ba’aa diinaa baatee jiraataa as gahee. Kana keessaatti eenyummaa fi aadaa oromoo isa bareedaa fi faayaa tahee gabroomfataan saamuun oromummaa mulqaanii akka kan habaashootaa taheetti dhimmaa itti bahaa turaan.

Haa tahuutii kana keessaa Oromoo gootummaa isaa itti fayyaadamuun rasaasaa fulduraa dhaabuun mootonni aangoo isaanii tiksiifataa hin turree hin jiruu. Mootummaan garboomsaan saba oromoo dirree lolaa fi qonnaa qofaatti gad deebisuun sadarkaan jireenya hawaasa oromoo akka hin guddannee fi jijjiiramni rogaa maraa akka oromoo keessatti hin uumamnee taasiisaa as gahaan. Kanaanis saba oromoo jaarraa tokko duubatti harkisanii bituu imaammata jedhuun akkasumaas magaala irraa fageessuu ilaalcha jedhuun oromoo data isaa loltuu keessattillee daangeessuun iddoo du’aa qofaatti dhimma itti bahaa turaan. OROMOON TIKSEE AANGOO ISAANII TAHEE AS GAHEE.

Biyyaa Itoophiyaa jedhamte kana keessaatti mootumma habashaa kana hambisuuf adda waraanaa oromoon itti hin hirmaannee jiruu. Ilmoon hiyyeessaa garbummaan hiraarsitee hiyyuumni fi gadadoon siyaasaa cabsiitee guuranii gara dirree lolaatti erguun addaa fi laphee isaanii rasaasaaf boombiif kennuun dhiiga isaanii gabroomsaa oromoo harmaaf harka kutee biyyaa oromoo kan ofii taasifachuuf deemuuf dhangalaasaa turaan.

Kunis yoomii jalqabeeti.
•bara mootii Yohaannis keessa oromoonni walloo gam tokkeen fi oromoonni guduruu akkasumaas Oromoonni Gojjaam walfaana guuramanii daangaa biyyaa habashaatti kan duulaan, maahadistootaa tigree waliin wal dhabaan loluuf deemanii mataammaa irraatti wareegaama qaalii baasaa turaan. Jalqaaba irraatti duula oromoo fi oromummaa cabsuu Tewodiroos cabsuuf eegalee fiixaan baasuuf kan oromoota guduruutti duule yohaannisiif dirqaamanis haa tahuutii lolaa isaan hin ilaallannee diina isaanii tumsuun kan lolaan oromoota danuudha. Garuu lollii sun injifannoo oromooti jechuun hin danda’aamu.

•Akkasumaas osoo miniilik qe’ee oromoo ibiiddaan daareessuu osoo oromoo manaa waliin gubuu kan diina isaa bineensa harmaaf harka isaa muree hiriiree oromoota dursaa cabsamaan ykn kolooneeffataamaniitu dirqiin miniliik waliin deemee mirguuma jiraachuu argachuf jechaa, xaaliyaaniin adawaa irraatti lolee, malee Adawaan lolaa oromoo ilaallatuu hin turree. Inumaayyuu waanti sirriin haala yeroo sanaatiin xaaliyaanii waliin wal tahiinsa uumanii mootummaa nama nyaataa absiiniyaa ofirraa kaasuutu waan sirrii turee. Tahuus garuu oromoonni deemanii lolaan dirqiisifamaniiti malee jaalatanii mitii, oromoonni yeroo sana gaafa duula jedhamanii barbaadamaan akka baqataanii holqaatti galaa turaan beekamaadha fkn isaan keessaa taaddasaa birruu abbaan isaa lolaa sana keessaatti du’uu beekaamaadha, garuu kanneen akka qusee diinagdee baqaa lafa turee qabamee dirqiin fuudhaamee hirmaate.

Kanaaf lollii Adawaa lolaa oromoo ilaallatuu mitii. Injifannoon suniis uummata gurraacha bakka hin bu’uu. Garuu warrii goobanni biyyaa ijaaruuf oromoo ganee jedhanii seenaa gurraacheessaan adawaan kan keenya jedhuu. Jala muree isiinitti himuuf Adawaan kan Oromoo mitii.
“Adawaan oromoof eelaadha malee seenaa miti.”
Sababni ammoo, loliichi lola gabroomsaa lama gidduutti taheedha.
Miniilik mataan isaa ani gurraacha mitii negrodha jechaa turee.
Weeraartuu lamaatu gaanfa Afrikaa qooddachuuf walwaraane malee gurraachaaf adii hin turree.

•ammaas lolaa xaliyaanii kan lammaaffaa gaafa ilmaan baalabbaataa fi nafxanyaa maasafiintoonni lafa oromoo saaman baqatanii kaan ammoo baandaa tahuun xaaliyaanii jala galaanii gootoota oromoo basaasaa turaan oromoon xaaliyaaniin wal tahiinsa uumee, akkaata itti biyyaa habashaan ijaarte ofirraa diiguu, fkn kanneen akka”western oromo confederacy” leenca gurraach fi kkf jedhaaman dalagaan sana osoo dalaguu qabuu oromoon gam lamaaniyyuu firaa dhabduu tahee hubaannoo malee xaaliyaanii lolee baasuun mootii duraan lafee isaa qorqaa turee ofirraatti deebisee. Kuniis loliichi oromoi kan hin ilaallannee ykn immoo kan sabboonummaa oromoof gatii hin qabnee, kan mirgaa xaaliyaaniin kenniiteef deebisee mulqee, kan yeroo hin eeggaannee turee.

•kan biraan maatiin oromoo hundii keenya kan beeknu duulaa baha itoophiyaatti somaalee waliin waraansa tureedha. Godaanniisni isaa hunda keenya keessa jiraa, lolaa oromoo cabsee kan mootoota habaashaaf sabni oromoo waardiyyaa tahee, kan siyaasaa warraa lixaatiin oromoon garlamaanirraayyuu amantaa dhabuun karaa lamaan itti dhumaa tureedha. lolaa kanarraatti oromoon waliitti fufiinsaan waggaa 70 oliif adda isaa rasaasaf gochuun somaaleedhaan wal waraanaa turee. lollii kun kan oromoon silaa walaakka garboomsaa fi somaaleetii bahee waliitti gad lakkiisuun ilaaluu qabu turee. Somaaleen hanga fedhees tahuu mootummaa nafxanyaa caala nutti dhiyaatu, seenaa gurraacha waliin hin qabnuu turee. garuu ilmaan oromoo ilmaan haadha hiyyeessaa waliitti funaananii geessuun waraana somaalee fulduraa dhaabuun garboomfataan ficcisiisaa turee. hanga hardhaatti dhallii oromoo somaalee loluuf bahee hafee lakkoofsi hin ibsuu. Lollii kuniis guutummaa guutuutti lolaa oromoo ilaallatuu hin turree.

°bifuuma wal fakkaatuun lolaa dargiif ertiraa gidduutti adeemsifamaa tureen humna waraana dargiin dirqiisifamanii dirqaama biyyaati jedhamuun garbummaan dargiin adda waraanatti erguun, humnaa bilisummaa tigrootaa fi ertiraanootaa lolaa kan turee oromoon lakkoofsa hin qabuu. Bara dhufaa darbaa afaan qawweetiin dirqisiifamuun oromoonni baraa dargii bahaa itoophiyaa gammoojjii sahaaraa #Kaarraa_miillee keessaatti fi ertiraa #karaan keessaatti dhumaataani awwaalcha fi galaata dhabaan seenaan haa dubbaatu.
Dhumaatii kana dhoksuun garuu dargiin yeroo dirqiin nama mandaara keessaa ijoollee xixxiiqqoo funaanee lolaatti bobbaasuu garee jalee isaatiin, hawuusoon sirbisiisee nama gowwoomsaa turee. Akkas jechuun
“Be misrak #keramarraa
be samenu #kareni
Temaskirolinal
jegninatachini” jechuun uummaata dhumaate irraatti geeraarsiisaa turee.
Kuniis loliichi kan oromoo ilaallatu akka hin taane ragaa nuuf bahaa.

•kan biraan lolaa ilmaan oromoo wal waraansa itoophiyaaf ertiraa gidduutti dirqaamanii deemuun wareegama qaalii kaffaalaaniidha. Mootummaa eenyu akka tahee osoo hin beekijn gabroomfataaf, eenyuuf akka lolaan osoo hin beekiin, faayidaan oromoon irraa argaatu maaliidha osoo hin jedhiin lolaa gaaga’atti deemuun dirqiin lubbuun oromoo miliyoonaan harcaate. Gaaffii malee, kaasaa malee, galaata malee, kisaaraa fi daadhabbiin oromoon biyyaa tanaaf kafaalee gatiu dhabsiifamee oromoon biyyaa diiga jedhanii holoola cabsoo fi shiraa oromoo irraatti oofamee. Kuniis loliichi ilmaan oromoo hanga 65,000 ol tahaan irraatti dhumaan kun kan oromoo hin ilaallannee tahuu nu agaarsiisaa.

Ammaas oromoon lola isa hin ilaallannee irraa of eeguu fi ilmaan isaa dhowwuu qaba.

Wal dhabdeen egypt fi ethiopia gidduu jiruu dhimmaa dantaati malee, waldhabdee innikaa walirraa qabaan hin jiraan. Humni lamaaniyyuu yoo fayidaa walii waliif kabajaan oromoo caala walii isaanii dhaadheessu, beekamtii waliif kennuu, ni sobuu malee waliis hin waraanaan. Dhimmii isaan irraatyi waldhabaan, dhimmaa dantaa egeree oromoo xuquudha kanaaf sabni oromoo akka sabaatti maaltu na baasaa jedhee yaaduu qaba malee, lolaa diinoota lama gidduu seenee nyaatamuu kana kan darbee irraa barachuu qaba.

Dhugaadha dhimmii laga abbaayi murtiin hardha murteeffamuu akkaata itti fayyaadama laggeen galtuu ykn gabbaar jedhaaman kan oromiyaa keessaa maddaanii irraatti dhiibbaa nuuf qabaachuu malaa. garuu dubbiin dubbii diinummaati, yeroo kanaatti diinni uummaata oromoo kan hangafaa fi jalqabaa itoophiyaadha, itti aansee sirna biyyaa tana gaggeessaa jiruudha. kanaaf oromoon biyyaa tanaaf sirna tanaaf dhaabbatee dhukaasee loluun haraamummaadha. kana abbaan gadaa bahee Abaaruu qabaa, abbaa seeraa lallaabuu qabaa, haati siiqqee baatee waan kana dura dhaabbatuu qabdii. Ilmaan oromoo lolaa isaan hin ilaallaanneef loluu hin qabaan. Deemsa ammaan kana deemanii oromootti dhukaasaan kana dhiisuun saba isaanii waliin hiriiruu qabuu.

kanaafiyyuu oromoon ammaas baratee dammaaqee lolaa isaa hin ilaallannee irraa of eeguu qaba. biyyaa kana keessaatti oromoon aarsaa sirrii kaffaaluu osoo qabuu garbroomfataa tiksuun umurii Itoophiyaa nurraatti dheeressuun adda dureedha.

Lollii oromoon Itoophiyaaf loluu kamiyyuu fayidaa oromoof kennuu hin qabuu. inumaayyuu miidhaa inni oromoo irraan gahuutu caala.
Jaawwii Jiillee
Galatoomaa.

Via: Dhiiroo Garbii


Godina H/Bahaa aanaa qarsaa Magalaa watar keessatti Dargaggoo oromoo Nasruu Ahmad guyyaa adiidhan ossoo ijii uummataa arguu waraani mootumaa rasaasa ittii roobsuun ajjeessanii jiru . oromoon guyyaa guyyaan ajjeefamuun kan baratameedha . humna jijjirama kana fiddee ajjeessuu fi hiidhuun yoom akka dhaabatuu naf hin galee


Malii Badiin Jimaa Fi Abbootii Qabeenya Harargee??
Mee Dhaggeeffadhaa.


Qophii ODM kutaa 28ffaa Guyyaa hardhaan keessummaan kiyya Obbo Sisaay Haayiluu jedhamu. Obbo Sisaay Hundeessa fi Hojii gaggeessaa Ol’aanaa Dhaabbata Miti Mootummaa #Hope_For_World_Children ti.Dhimmi haala yroo Oromoo fi Oromiyaa irrattis dhaamsa guddoo qabu. Odeeffannooo  dabalataaf https://www.youtube.com/channel/UCZ8iwekpRGpPmloC4VCGNzQ YouTube irratti ‘SUBSCRIBE’ fi Fuula facebook keenyas https://www.facebook.com/Miidiyaa Diyaaspooraa Oromoo- ODM/ ‘Follow fi Like’ gochudhaan nu hordofa!Odeeffannoo ragaa qabu ODM’dhaaf kennuu yoo barbaaddan immoo lakkoofsa bilbila +1-202-415-7560 nu gahu dandeessu.Warreen Ameerikaa Kaabaa fi naannoo ishee jirtaniis yeroo dhiyootti gama Raadiyooodhaan lakkoofsa bilbila 1 518-906-1784 bilbiludhaan baasii tokko malee bilisan qophii keenya hordofu dandeessu!Qophiin kun tamsaasa kallattiin isiniif darbatti kan jirudha rakkoo teeknikaa nu mudachatti jirudhaaf dhiifama gudddaa isin gaafanna.