Hayyuu Seeraa: Waa’ee Faayidaa Addaa Oromiyaan Finfinnee Irraa

Hayyuu Seeraa: Waa’ee Faayidaa Addaa Oromiyaan Finfinnee Irraa Qabuu Seerri Bahe Jedhamu Gaaffiilee Ijoo Uummata Oromoo Gaafate Hin Deebisne

Finfinnee irraa
Dr Tsegaye regassa Ararsa

Faayidaa addaa Oromiyaan magaalaa Finfinnee irraa Argattu ilaalchisee, Manni Marii Ministeerotaa FDRI walgahii gaafa Waxabajjii 20/2009 geggeesseen dhimmoota seera ta’anii tumamuu qaban jedhee yaade irratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’uota Uummataaf dabrsuuisaa ibsa kaleessa baaseen beeksisee jira. Dhimmi kun Mana Maree Bakka Bu’uota Uummataan seera ta’ee bahuu isaatiin duratti qaamota dhimmi ilaaluu hundana irraatti akka mariyatamus ibsamee jira, Mootummaan naannoo Oromiyaa. Qabiyyee ibsa kaleessa bahe sanaa irratti hundaa’uudhaan, hayyuu seeraa fi xiinxalaa siyaasaa Dr. Tseggaayee Araarsaa haasofsiisnee jirra.