Oromiyaa: Sololi’aa Kiyyoon Dadhabe!

Oromiyaa: Sololi’aa Kiyyoon Dadhabe!

Lafuma waaqni isheef laateetti deemanii adamsu. Ajjeesuu barbaadu. Ajjeesanii fooneessuuf tattaafatu. Soorratanii qaama taasifachuuf maggalu. Foon isheef kiyyoon gaadu. Firaaf hiriiyootashee olla ishee kiyyeessee harka nyaatee baretu Sololi’aa kanatti gama. Sololi’aan kun gamnuma muuxannoof gamnuma uumamaa qabdi.
 
Sinbirroo Waggaa dheeraaf bosona waaqni laateef sana mandheefatee jiraatudha. Sinbirroo ogeettii kanatti kora wal waamu. Akka itti kiyyeesanii qaban yaadaa oolanii yaadaa bulu. Akkaataa dhabama Sololi’aa sanaa karaa salphaa filachuuf; Kana wayya, sana wayya yaada jedhu uumanii irratti wal falmaa oolu. Inni tokko “maluma waggaa dheeraa dura Sololi’aa akka isaa ittiin qabnetti dhimma baana” yoo jedhu; inni akka gootaa, akka beekaa of godhu tokko ammoo “lakki sun mala nurratti baramedha. Tooftaa haaraa nuu barbaada” jedha.
 
Guyyaa guyyaan dabaree itti wal furanii ajjeesuuf; yoo gootoman ammoo harkumaan fayyaa Sololi’aa kanaa qabachuuf lafa jiruuf jireenya isaa dhaqu. Utuu Sololi’aan kun isaan hinxuqin, isaantu xuxxuqee dhabamsiisuuf maggala. Shira shiraa oolanii, xaxaaf daba meeqa irratti yaalaa oolu. Kiyyoo kiyyeessanii akkuma obboleessa isaa ittiin qaban sanatti guyyaa mara yaalu. Obboleessa isaa qabanii akkatti dhabamsiisan beeka; muuxannoo fi ogummaa waaqni laateef beekumsa addunyaa kana jijjiiru baatee waan jiruuf sammuu kiyyeessituu dursee yaada. Waan isa dhaamsiisu, waan isa gaaga’ee ilmaan isaa isa jalatti bineensa nyaachisu beeka.
 
Malaaf tarsiimoo isaa ilmaan isaa barsiifata. Akka gowwonfamuu hinqabnes guyyaa hunda fuudhee gaafa bobba’us gaafa manatti galus nii barsiifata. Ilmaan isaa isaaf dhaga’an akkuma isaa ogeeyyota hedduus hore. Ilmaan isaa dubbii isaa tuffatan kanneen diinaaf kiyyeeffamanii sossobban qabamaniif nii gadda. Gadda isaa yeroo gara yerootti of keessaa baasees of keessatti ukkaamsees nii dhageessifata. Ilmaan isaa isa dhaga’anii hafan yeroo mara balaarraa bararuuf gorsaaf barnoota siyyaasa jireenya isaa sana gadi fageessee barsiisa.
Icciitiin Sololi’aa kana humaa hanga ammaa hinbaramne. Icciitiin jireenya isaa, icciitiin kiyyoo garaagaraa injifachuu isaa baruuf qorannoon guyyaa mara nii taasifama. Sun matumaa hinbaramne. Icciitiin Sololi’aa sanaa akkuma icciita waaqaaf icciita kolfa Saree sana. Icciita kana qabatee jiraachuu isaan akkanni of kabachiisu, akka diinni abdii kutee dhiisuuf daandii saaqeera. Gaadduun Sololi’aa kanaa akkuma nyaachuuf ilkaan gadi yaasanii, gorora coccobsaa jiraatanitti hafuuf dirqamani. Kiyyoos qopheessanii akkuma ittiin qaban yaaluudhaan; kiyyicha keessa midhaan facaasuun akka inni midhaan nyaachuu dhaqee kiyyicha seenee qabamu yaalii guddaan bara kana taasisameera.
 
Kiyyichas hidhanii midhaan sanas kiyyoo sana gidduutti facaasan. Sololi’aan kun ilmaan isaa (Cuucii) horatee qabu mara baraarsuuf daandii kiyyichi jiru irra duubaan utuu itti oofanii barrisee irra darba. Kanneen ilmaan isaa isaaf abboomaman kiyyicharra gaafa inni barrisee darbu duukuma barrisanii darban. Akkuma barootaa dheeraa duraa ilmaan isaa midhaan diinni kiyyoo keessatti facaase sana funaannachuuf barrisuu dhiisanii midhaan sana bu’atan muraasni nii qabaman.
 
Sololi’aan kun “midhaaniin gowwonfamanii qabamuu ilmaan isaa fi qabamuu firoota isaa gaafa arge hedduu gadde. “Utumaan isinitti himuu diinaaf soorrata taatuu?” jedhees warra hafe gorfata. Gamnuma sanyii isaa lafa irratti hanbisu barsiisa; gamnuma lafarraa hortee isaa daguuguu hanbisu leenjisa. Mala diinaa jala bu’ee tokko lamaan shaakalsiisee barsiisa.
 
Warri diina isaa fooneeffatanii nyaachuu barbaadan gaafii kiyyoo Fo’aatti haalluu cilee dibanii bosona dhaqu. Sanaan booda; kiyyicha hidhanii midhaan kiyyatti facaasanii duubaan itti oofu. Fiiganii qabuu waan dadhabaniif mala garaagaraa malatan isa olaanaa guyya guyyaan uumanii lafa jireenya isaa deemanii adamsu. “Anis hanguma waaqni naa laate jiraachuufan uumamee; na nyaachuuf maa dhamaataa na dhiisi” jedhee nii kadhata. Jarri kisaaraa isa qabachuuf baaftu guyyaa guyyaa hunda obsitee ammas diddee itti deddeebiti.
 
Sololi’aan ogumabadhaadha qabu kun “an soorratuma waaqni naa laaten soorradha! Midhaan keessan hinbarbaadu!” jedhee dida. Kanaaf kan isa dandeessisees muuxannoo jireenya yeroo dheeraa qabu sani. Jigduus mukarraa tolchanii midhaan itti rarraasuun yoonni midhaanicha kutu Jigduun sun dhagaa dugdarratti hidhame baatee akka irratti jiguuf yaalii nii taasisu. Kanas inni nii beeka. Midhaan jarri ittiin qabachuuf waan gadditeef fakkaattee qabattee deemtu mara nii dida. Waan hunda diduu isaa kanaan gaafa aaran jarri dadhabbii karaa dheeraaf yeroo warqee qisaassessanii hojii manaa dhaabanii bosona deeman sanaaf aaranii abaaru.
 
Ammas galanii “akkuma Sinbirroo hedduu qabannee; Sololi’aa dhumayyuu qabataa turree isa kana akkamuma qabnee fooneeffachuu dadhabne?” jedhanii ofitti aaru. Mala biraas baafatanii bulu. Ganamas akkuma amala isaanii mala haaraan Sololi’aa kanatti dhaqu. Rasaasaan muka irratti rukutuuf lafa jireenya Sololi’aa kanaa deemu. Sololi’aan kun sanas isa biraa rasaasni akkamiin akka ajjeesaa ture, akkamiin akka of biraallee dhabe cimsee waan beekuuf gaafa jara Qawwee baattu argu, lafa jarri hinarginetti bosona waaqni isaa isaaf uume keessa cala’u jedhee harkaa bada.
 
Sololi’aa kana dhumarra kiyyoon dadhabuu isaa fi rasaasnis dadhabuu malaaf shirri dadhabuu irratti walii galu. Mala dhumaa godhanii akkatti Koochoo/Gooblaa isaa ittii hurgufan Koochoo lamaan irraa caccabsanii sochii isa dhorkuu irratti walii galan. Kanas yeroo yeroon akka ta’uuf saganteeffatanii tartiiba Koochoo/Gooblaa Sololi’aa kanaa caccabsanii irraa baasan Koochoo isaa 2f Sololi’aa addaan baasuuf aggaamu.
 
Kana dhugoomsuufis waan gabaabaa tolfatanii ittiin rukutuuf yaadan. Mokoliyaa(Muka gabaabaa) qopheeffatan kanaanis Sololi’aa kanarraa jalqaba Koochoo bitaa isaa irraa baasanii “Kochoon kankee miti kankooti!” jechuuf karoorsan. “ati Koochoo dhuma waan jedhamu hinqabdu; kan keenya kan ati kan kooti jettu” jechuu yaalan. Kanaafis murxuxxee tolfatanii gara Sololi’aa kanatti darbatan. Koochoon isaa akkuma inni leenjifate ta’ee fii aniif inni qaama tokko adda hinbaanu jedhee itti marate. Murxuxxeen kun bira darbe. Humaa irra deddeebiin yaalanii dadhabanii dhiisan. Koochoon mirgaa Sololi’aa kunis akkuma Koochoo bitaa sana ta’e.
 
“malli keenya kunis hindandeenye” jedhan. Kanaan booda ammas mala biraa malan. Sololi’aa kanaan dura midhaan nyaachuutti kiyyoo isaanii seentee guyyaa du’aa; guyyaa gorraa’aamuu eegdu sanatti Summii raatessu dibne bakka inni jirutti gadhiifna jedhan. Malli kun mala ajaa’iba mala ittiin qabamu jedhame. Kanaafuu Sololi’aa dhuma akkasaatti summii raatessu dibanii lafa jireenya isaa geessanii lakkisuuf ba’an. Akkuma jedhanis taasisan. Sololi’aan booji’amtuun sagalee waamichaa dhageessisaa gara Sololi’aa sun jiran deemte. “kottu, kottu, kottu” sagalee jedhus dhageessiste.Sololi’aan sun ammas mala kana hubachuudhaan sagalee isaas afuura isaas dhoksatee hatattamaan bosona sana keessa bade.
 
Dhumarra waan hundaan yaalanii dadhabanii Sololi’aa kana maqaa balleessuu jalqaban. Sololi’aa Seexanaati, Sololi’aa Caattoo, Sololi’aa jeedalaa jedhanii maqaa balleessuuf yaalan. Maqa balleessii isaaniittis bakka utuu hinlaatin of kabachiisee jiraachuu itti fufe. Sololi’aa Kiyyoon dadhabe jedhamees maqaan mogga’eef. Sololi’aan kun boris hinqabamu; warra kiyyoon qabameyyuu barsiisee yeroonni harka warra fooneeffachuuf kunuunsaa jiruutii baasu fagoo miti.
 
Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin.
Waxabajji 7,2019 Oromia Qeerroo Media OQM: OromiaQeerroomedia Adammisoma DAANDIIN QABSOO DHUGAA OROMOO ABO {WBO} QOOFA page kana fi garee kana follow like Share Comments godha tolle akkasumma Telegaram
By Adam Misoma