Oromiyaa : Oduu nama gadisisu kan me numa dhagaha

Oromiyaa: Oduu nama gadisisu kan me numa dhagaha

OROMO TV Yaada Ummataa 2018


Oromiyaa: Arsii lixaa Magaalaa Shaashamannetti Simannaa Xiinxalaa Siyaasaa fi Daarektara OMN Obbo Jawar Mohammed fi Jila OMN’tiif taasifame.


Simannaa Jawaar fi Oolmaa M/Shaashamannee
=====================================
Oromiyaa: [OBN 06 12 2010] Komishinarri poolisii Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Ijjiguu ibsa kennanin magaalaan Shaashamannee ammaa tasgabooftee jirti jedhan.Magaala Shaashamanneetti namoonni wal dhiibun fi wal irra ejjachuun lubbuun nama 3 darbe jira.

Guyyaa har’aa simannaa jila Jawaar Mohaammadiif magaalaa shaashamanneetti qophaa’e irratti namootni walidhiibuu fi walirra ejjechuudhaan lubbuun namoota sadii battalumatti kan darbe yoo ta’u, namoota hedduu miidhamuu Hooggannaan Biiroo Dhimmoota Komunikeshiinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Nagarii Leencoo ibsani jiru.

Komishinii poolisii Oromiyaa irraa akka qulqulleeffatanitti boombiin qophii har’aa irratti qabame hin jiru jedhan Dr Nagarii Leencoo.

Balaa kana sababeeffachuun qaamonni qeerroo fakkaachuun gochaa farra nageenyaa hojjechaa jiran kan jiran yoo tahu, qaamonni qeerroo fakkatanii tarkaanfii fudhatan yommuu Nama Nagaa irratti boombii waliin qabne jechuu lubbuu nama balleessanii jiru.

qaamolee yakka kana dalagan to’anaa seera jala olaanii jiru jedhan Dooktar Nagarii Leencoo

Dabalataanis komishiniin poolisii Oromiyaa Alamaayyoo Ijjiguu ibsa kenneen magaalittiin ammaa tasgabooftee jirti.

Rakkoo kanaan walqabatee dhimmoota jiran poolisiin qorachaa jiraachuu ibsuun qorannoon yeroo xumurametti kan ibsamu ta’uu komishinarichi ibsaniiru.

wanti raawwatame oloola sobaan kan wal qabatuu boombin qabame akka hin jirre ibsaniiru.

Oromiyaa

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.