Oromiyaa keessatti lammiin Oromoo wareegamaa jiran hedduu dha.

Oromiyaa keessatti lammiii Oromoo wareegamaa jiran hedduu dha. Kanneen armaan gadii kunneen erga walquunnamtiin hawwaasaa irraa citee ajjeefaman.
Hanga ammaatti maqaa lammiilee Oromoo 166 galmeessinee jirra.


“Hidhamtoota siyaasaa Oromoo kanneen akka Amaan Filee, Dassuu Duulaa, Waaqoo Noolee, Gadaa Gabbisaa fi Bilisummaa Araarsaa yeroo ammaa kana buufata Poolisii magaalaa Buraayyuutii baasanii gara Qajeelcha Poolisii Godina Addaatti darban haa jedhamu malee qabatamaan bakka isaan buusan hin beeknu.
Waajjirri Poolisii magaalaa Buraayyuu hanga ammaatti namoota kana sadan seeraan ala hidhee jiraachuun beekamaadha. Koomishinii Poolisii Oromiyaatu isaan barbaada jechuun isaanii kijiba.
Koomishiniin poolisii Oromiyaa dhimman hidhamtoota kana itti barbaadu hin qabu jedhee jira. Kana jechuun waajjirri Poolisii magaalaa Buraayyuu namoota kana mirga isaanii sarbee jiraachuu mirkaneessa. Namoonni manni murtii bilisa gadhiise kun hatattamaan gadhiifamuu qabu.”
Lammii Beenyaa


Godina Arsii Lixaa Aanaa #Shaashamannee Malkaa Burqaatti Sirni Falaa Adeemsifamaa Jira.

Malkaa Jiddiyyoo Jalli Gooddaa,
Homaa Hin Taatanii
Baatanii Jedhe Goofataan.

Hombolichi Doole Jira
Tokkichi Mooye Simaa
Araara’o Araara’o Rabbiyyoo.

Kaayyoon Sirna Falaa Kanaa Vaayirasii Koroonaa Waaqni Addunyaa Irraa Akka Deebisu Kadhachuudha.


Oromiyaa keessatti lammiii Oromoo wareegamaa jiran hedduu dha. Kanneen armaan gadii kunneen erga walquunnamtiin hawwaasaa irraa citee ajjeefaman.
Hanga ammaatti maqaa lammiilee Oromoo 166 galmeessinee jirra.

Hubachiisa: Daataan kun kan maqaan nu gahedha malee, kanaa oltu waraana mootummaan ajjeefamee jira
……
Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti dhiyeenyaan haala uummata isaa Oromoo hordofuun ajjeechaa guyyaa guyyaan saba isaa Oromoo irra gahu bakka waliin galmeeffataa jira. Daataan kun kana dura kan bahe waliin walitti dabalamee jira. Kana dura namoota muraasa arganne uummataaf ifa godhaa turre. Guyyaa guyyaan ajjeechaa raawwatu itti dabalaa adeemuun har’a 166.irra gahee jira.
Ajjeechaan kun erga mootummaan kun intarneetii fi bilbila balleessee asitti.

1. Bokkosaa Oliiqaa, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

2, Xiixaa Silgaa Hojjetaa Mootummaa Garjeedatti, du’e.

3, Ganjoo Mollaa Goobanaa-Garjeedaa Gabaa Kamisaa-Q/bulaa

4,Phaawuloos Horroo-Ubbur Shollaa-daldalaa

5, Namoota 8 Kan Maqaa Isaanii Adda Hin Baafamne Ganda Dollaa,Shebellii Fi Kollii Keessatti Bakka Qonnaa Isaaniitti Kan Du’an.

6. Daagim Ittaanaa Qellem Wallaggaa Sayyootti Amajji 30,2020

7. Tolasaa Abarraa Fidaa, reeffama nama sadii 3 waliin bakka fannifamee bineensi qaama isaanii nyaateeti Amajji 30,2020 kan argaman, Lixa Wallaggaa Gullisoo

8. Abdiiwaaq Argaa Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

9. Arfaase Abdiisaa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

10. Bashaatuu Boodanaa Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

11. Caalaa Daangalaa Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

12. Bekele Guutee. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

13. Gammachiis Naadoo. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

14. Hawwinee Jaallataa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

15. Qananii Sardaa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

16. Kiilole Daandii. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

17. Amanu’eel Kumarraa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

18. Kumaa Geetachoo. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

19. Likkee Irranaa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

20. Hambaa Gaaddisaa, Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

21. Galaanee Itichaa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

22. Dagaagaa Fiixaa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

23. Gaaromee Furii. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

24. Dorgee Bookaa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

25. Carraa Tolesa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

26. Birmadummaa Kebede. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

27. Bultumee Disaasaa. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

28. Boonsituu Akkattii. Amajji 30,2020 Qellem Wallaggaa Gidaamiitti

29. Abdii Mootii Amajji 20,2020 Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Asaabiitti obbileessa waliin du’e.

30. Ittaana Mootii Amajji 20,2020 Lixa Wallaggaa laaloo Assaabiitti obboleessa waliin

31. Guyyaasaa Tasfaayee Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Ganda Gumbiitti Amajji 31,2020 waraana mootummaatin rasaasaan ajjeesame!

32. Naa’ol Misgaanaa kan jedhamu nama Garaajii keessaa hojjetu guyyaa har’aa Gurraandhala 1,2020 magaalaa Naqamtee naannoo Boordiitti lafa hojii isaatii waamanii rasaasaan ajjeesan.

33. Jootee Taaddasaa Lixa Wallaggaa Najjootti Amajji 31,2020 obboleessa waliin ajeefame.

34. Taammiruu Taaddasaa Lixa Wallaggaa Najjootti Amajji 31,2020 obboleessa waliin ajeefame.

35. Beenyaa Nagaasaa namni jedhamu Horro Guduruu Jaardagaa jaarteetti ajjeefamuu Gurraandhala 1,2020 gabaafame

36. Kadir Ushee namni jedhamu Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessaa galgala sa’a 5:00 G.c/11:00 E.C tti Amajji 29,2020 waraana mootummaan ajjeefame

37. Obbo Bultii Qixxaataa jiraataa Lixa Wallaggaa Qilxu Kaarraatti Amajji 29,2020 ajjeefame

38. Daani’el Eeliyaa Qellem Wallaggaa ona Anfilloo bakka Dollaa jedhamutti Gurraandhala 18,2020 waraana mootummaan obboleessa isaa faana ajjeefame.

39. Darajjee Eeliyaas Qellem Wallaggaa ona Anfilloo bakka Dollaa jedhamutti Gurraandhala 18,2020 waraana mootummaan obboleessa isaa Daani’el faana ajjeefame.

40 Galaanaa Eeliyaas Gurraandhala 17,2020 Qellem Qallaggaa ona Gaawoo Qebbee araddaa Sichaawoo keessatti rasaasa waraana mootummaan ajjeefame.

41, Elsay Dingata Godina Qellem Wallaggaa onaa Daallee Waabaraatti (araddaa collee) keessatti Gurraandhala 20,2020 rasaasa waraana mootummaan ajjeefame.

42,Obsaa Galaalchaa Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti (Ganda Caammo) keessatti Gurraandhala 20,2020 waraana mootummaan ajjeefame
43, Daarimu kan jedhamu Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti ( Nama hojii warqeetiif as jiru) Gurraandhala 20,2020 rasaasaan waraanni mootummaa ajjeese

44, Abiraham/Adeero kan jedhamu (Dhalataa harargee lixaa kan hojiif kan jiru) Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti Gurraandhala 20,2020 rasaasa waraana mootummaan ajjeefame

45,Addisuu kan jedhamu Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti Gurraandhala 20,2020 rasaasam ajjeefame

46, Bojaa nama jedhamu Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti Gurraandhala 20,2020 rasaasa waraana mootummaan ajjeefame

47. Malkaamuu Taaddasaa Wallagga Lixaa Ona Haaruu Araddaa Goljaa keessatti Gurraandhala 20,2020 rasaasa waraana mootummaan ajjeefame
48. Taarikuu Kennasaa Waraana mootummaatiin Guraandhala gaafa guyyaa 19/2020 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Walgahii guddinaa naannoo mana jireenyaa isaatti rasaasa sadiin rukutanii ajjeesanii karaarratti gatanii deeman.

49. Dargaggoo Shanoo Muusaa Gurraandhala 23,2020 Lixa Oromiyaa Ona Ayiraatti waraana mootummaan ajjeefame.

50. Tasfaa Shaakulaa namni jedhamu Qellem Wallaggaa ona Laaloo Qilee Araddaa Malayyaa jedhamutti waraana mootummaatiin Gurraandhala 24,2020 ajjeefame.

51. Qellem Wallaggaa ona Anfilloo araddaa Waabaa -Eebbaa iddoo addaa Boogaa jedhamutti Qeerroo Dinqaa Bashaa jedhamu Waraanni garboomfataan koloneel Abiyii Gur,20,2020 ajjeesuun reeffa qeerroo kanaa gara bosonaattii harkisuun ibidda itti qabsiisuun reeffi isaa akka gubatu taasisaniiru.Haala kanaan namoonni eenyummaa qeerroo kanaa adda baasuu dadhabanii shakkuun kaadhimaa isaa kan ji’a 1 booda inni fuudhuuf qophaa’ee jiru,itti waamanii yeroo agarsiisan qubeelaa waadaa kan inni kaadhimummaaf kaa’ate irraa ilaaluun akka qeerroo Dinqaa isa kaadhimaashee ta’e,booyichaa fi iyyaan hawaasa danqamaa jirutti
himte.

52. Duulaa Saandaa Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Heenache keessatti baatii Guraandhala 2020 keessa waraana mootummaan ajjeefame.

53. Waakkennee Dagaagoo Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Heenachee keessatti baatii Guraandhala 2020 keessa waraana mootummaan ajjeefame.

54. Godina Qellem wallaggaa ona Anfilloo ganda Kuuroo keessatti Amajjii 1/2020 bakka tokkotti waraana mootummaan ajjeefaman maqaan isaanii kan armaan gadiiti. Gammachuu Shifarraa

55.Yooseef Gammachuu

56.Caraanaa Tolaa

57.Yaazawuu Mokonnin
58.Yooseef Iggazuu
59.Kennasaa Asha


Ebla 15, Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromootti eenyufaatu yaadatama?

(bbcafaanoromoo)–Guyyaan Gootota Wareegamtoota Oromoo waggaa waggaa

n Ebla 15 kabajamu kan bara 2019 guyyicha yaadachuun erga jalqabee yeroo duraaf ifatti magaalaa Ambootti yaadatameera.

Gootota fi Wareegamtoota Oromoo Ebla 15 yaadachuuf sababa kan ta’e ammoo hooggantootni olaanoon ABO 10 ta’an, hayyuu duree fi itti aanaan isaanii bara 1980tti gara Somaaliyaa osoo deemanii, baha biyyaa naannoo Shinnigaa jedhamutti haala sukkanneessaan ajjeefamuudha.

”Ebli 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhamee kan moggaaffame ALA 1984 murtii koreen giddu-galeessaa ABO Dirree Bahaa ture walgahii godherratti,” jechuun hayyuu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo – Qaama Ce’umsaa Obbo Galaasaa Dilboo BBCtti himaniiru.

Akeekni murtee kanaas, ”gootota keenya yeroo adda addaatti qabsoo keessatti wareegaman qofa qofaan yaadachuun gahaa waan hinturreef,” hunda isaanii bakka tokkotti yaadachuuf akka tahes dubbatu.

”Jalqaba diddaa gabrummaa sabni Oromoo baadiyaatti godhe, achirraas olguddatee jaarmiyaan gurmaayee, booda kanammoo jabaachaa dhufee sadarkaa qeerroon Oromoo falmaatii asiin gahe – kanneen bakka tokkotti yaadachuu kan jedhutu akeekamee murtiin sun darbe,” jedhu Obbo Galaasaa.

Waa’ee taattee ka’umsa kabaja guyyaa kanaa ennaa dubbatan ”Hoogganoonni dhaabichaa gariin biyya alaa waan jiraniif, walqunnamtiiniis ulfaataa waan tureef, isaan sana qunnamanii, egeree dhaabichaarratti waliin mari’atanii nutti deebi’uuf bobba’aniitu wareegaman,” jedhu.

Wareegama hoogganootaan booda

Wareegamuun hooggantoota kanneenii qaawwaan dhaabicharra uumees guddaa tahuu dubbatu Obbo Galaasaan. ”Dhaabicha jireenyaafi dhabamuu jidduu seensise,” jedhu.

”Warra gaafas Dirree sana turre: qabsicha dhiisanii deemuu, wareega isaaniis gatii dhorkanii biraa deemuu ykn ammoo itti cichanii hsanga hireen isaan qunname nuunis qunnamutti, qabsicha itti fufuuf murteeffanne,” jedhu.

Akkasiin dhaabnis jiraachuu danda’e jechuun yaadatu.

Hooggantoota gameeyyii kanneen akka Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abboomaa Mittikkuu, Yiggazuu Bantii dhabuun isaanii abdii kutachiisee turuus, itti cichuun qabsicha itti fufsiisuu dubbatu.

”Wareegamuun hooggantoota kanneenii dhaabicha jireenyaafi dhabamuu jidduu seensisee ture” Galaasaa Dilboo

‘Guyyichi Oromoo maraan yaadatamuu qaba’

Waggoota 34 darbaniif Ebli 15 namoota ABO’tti dhiyeenya qabaniifi addichaan kabajamuu eegalus, namootni yaadataman hooggantoota kana qofa miti kan jedhu ammoo qindeessaan koree ayyaana kanaa fi qondaala ABO kan ta’e Lammii Beenyaati.

Jalqabbii kabaja guyyaa kanaas yoo ibsu ”Humni hidhattoota Somaalee yeroo sana ture warri Musliima ta’an gara tokkotti warrimmoo Kiriistaana ta’an gara tokkotti akka goran ajajanii, warra Kristaana ta’an irratti tarkaanfii fudhachuuf yeroo jedhan, hoogganoonni ABO yeroo sanii, amantaan adda hin baanu jedhanii waan mormanif, bakka tokkotti wareegaman,” jedha.

”Guyyaan kun guyyaa Oromoon bilisummaa isaatiif, mirga isaatiif, haqa isaatiif falmachaa ture keessatti kanneen mana hidhaa keessatti qaamni isaanii hir’ate fi kanneen akkaataa garaagaraan aarsaa kaffalan itti yaadannuudha.”

Ayyaanni kun hanga ammaatti abbummaan ABO kabajamaa haa dhufu malee, ayyaanni kun ayyaana Oromoon hundi seenaa isaa fi qabsoo isaa keessatti gootota darban itti yaadatu ta’ee Oromoo maraan yaadatamuu qabas jedha.

Seenaan gootota Oromoo kana caala akkamiin yaadatamuu danda’a?

Haalli ajjeechaa qondaaltota olaanoo ABO, kan bu’uura guyyaa yaadannoo kanaa ta’ee bifa gaha ta’een qoratamee beekamuu qaba kan jedhu lammmiin reeffi isaanii gammoojjii itti ajjeefaman irraa ka’ee kabajaan Oromiyaa keessatti awwaalamuu qabaa jedha.

Goototni Oromoo hundaa maqaan isaanii qoratamee siidaan yadannoo dhaabachuufi qaba yaada jedhus hirmaattootni guyyaa yaadannoo kanaa BBC’tti himaniiru.

Akkuma dhirootaa qabsoo uummata Oromoo keessatti dubartootnis qabsa’aa aarsaa olaanaa kaffalaanii darbaniiru.

Akka fakkeenyaattis miseensa dubartii jalqabaa gumii sabaa ABO kan taatee Juukii Barentuu gootummaa isheet kan hedduu beekamtu yaadachuun ni danda’amaa jedha Lammiin.

Yuukeen qondaaltootni ABO walgahii osoo taa’aa jiranii wayita diinaan marfaman, diina qondaaltota irraa qolachuun dubartii goota wareegamte ta’uus yaadata.

Seenaa Aslii Oromoo fi kanneen biro hedduu kaasuun dubartootni gootummaa isaaniin yaadataman hedduun jirachuu hubannas jedha.
Qophiin kun maalif Ambootti qophaaye?
”Mormii dheeraa sirna cunqursaa kuffisuuf taasifamaa ture keessatti wareegama obbo Daraaraa Kafanii kaffalan irraa qabee hanga Jaagamaa Badhaanetti magaalaa wareegama guddaa kaffalteef seenaa qabeettii waan taateef Amboon filatamte,” jedha walitti qabaa koree qophii kanaa kan ta’e Lammiin.

”Bara 2014 fincila xumura gabrummaa magaalaa kana keessatti gaggeeffameen qeerroon 78 guyyaa tokkotti magaalaa itti wareegamaniidha.”

Mormii guddaa sirna ADWUI irratti magaalaa Ambootti dhoowee naannolee Oromiyaa kaan dhuunfateen aarsaan guddaan magaalaa kanatti kaffalamuu isaas yaadachuufi maatiin waareegamtootaas sirna kanarratti akka qooda fudhatan barbaadameeti jedhameera.

Sirna Yaadannoo Goototaa Ambootti

Ayyaanni yaadannoo gootota Oromoo Ebla 15 kabajamu kan bara kanaa kun Istaadiyoomii Magaala Ambootti bakka uummatni hedduun aanaalee ollaa, fi naannolee biraarraa dhufan kumaatamni argamanitti kabajameera.

Sirna kanarrattis hayyuu dureen ABO obbo Daawud Ibsaa, Itti aanaa dura taa’aan KFO obbo Baqqalaa Garbaa fi keessummoonni hedduun argamaniiru.

Guyyaa kaleessaa galgala jala bultii ayyaana kanaatti waajira olaanaa ABO Magaalaa Finfinnee Gullalleetti argamutti, Amboo fi magaalaalee kaanittis dungoo ibsuun gootota Oromoo qabsoo uummatichaa keessatti aarsaa kaffalan yaadataniiru.

Barataan mana barnootaa qophaayiinaa Amboo Yeroos Yeeyyii ”Oromoon akkuma gaafa gootasaa yaadatu korma qalee korma koo jedhee yaadatu, bakka barataa Jaagamaa Badhaanee itti ajjeefametti, korma qaluun gootota keenya yaadanne,” jedha.

Kanaan dura dhoksaatti gootota isaaf wareegaman yaadachuurraa bahee ifatti walitti qabamee yaadachuu isaatiin, miirri hirmaattota ayyaanichaa fi isa bira ture miira gammachuu akka ta’ees Yeroos ni dubbata.

Ganama kanas barattootni Yunivarsiitii Amboo fi manneen barnootaa magaalittii keessa jiran hedduun hiriira nagaa dhaadannoolee gootota kana faarsuufi suura isaanii qabu qabachuun Istaadiyoomii Ambootti walgahan.