Mee Caqasaa Dhugaa lafa jirtu!!Maanguddoonni, abbootiin Gadaa fi qeerroon kaabaa fi lixa Oromiyaa kaleessa waajjira ODP fi ABOtti argamuun yaaddoo ibsataniiru.

Mee Caqasaa Dhugaa lafa jirtu!! Maanguddoonni, abbootiin Gadaa fi qeerroon kaabaa fi lixa Oromiyaa kaleessa waajjira ODP fi ABOtti argamuun yaaddoo ibsataniiru.

Bakka buutonni kanneen lolli akka dhaabbatu, waraanni ummata keessaa akka dacha’u, waliigalteen ABO fi mootummaa hojiitti akka hiikamu, waliigaltichis ummataaf akka ibsamu gaafatan.

ODP irraa Dooktar Girmaa Amantee fi Dooktar Alamuu Simee, akkasumas Koomiishinara Koomiishinii Poolisii Oromiyaa Alamaayyoo Ijjiguu fi namoota biroo argatanii mariisisaniiru.

Hoggansa ABO irraa ammoo miseensa Shanee Gumii ABO obbo Jabeessaa Gabbisaa fi namoota biroo waliin mari’atan.

Bakka buutonni kanneen preezdaant Lammaa Magarsaa fi hayyu duree ABO obbo Daawud Ibsaa guyyaa biraa arguuf beellama qabataniiru.

Maddi: OS


Dr Abiyyii Akkana jaanii Oromo qodun Rakkisamitii Dinonnikenyaa