Oromiyaa/Itoophiyaa: ๐—ช๐—”๐—ฅ๐—ฅ๐—”๐—”๐—ค๐—ฆ๐—” ๐—ž๐—”๐—ฅ๐—”๐—” ๐— ๐—”๐—ค๐—˜!!

Oromiyaa/Itoophiyaa: ๐—ช๐—”๐—ฅ๐—ฅ๐—”๐—”๐—ค๐—ฆ๐—” ๐—ž๐—”๐—ฅ๐—”๐—” ๐— ๐—”๐—ค๐—˜!!
ย 
[๐—ฆ๐—•๐—ข โ€“ ๐— ๐—จ๐——๐——๐—˜ ๐Ÿฌ๐Ÿฎ,๐Ÿฎ๐Ÿฌ๐Ÿฎ๐Ÿฌ] Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG), Fincilli Xumura Gabrummaa (FXG) dhuma irratti Warraaqsi Oromoo ijoollee Oromoo ol-guddattuu akkanaafaallee dabalatee ilmaan Oromoo, qabsoowota lakkaaโ€™uun hin salphanne kumaantama hedduu nyaatee sirna EPRDF daaresse.
Oromoon ilmaan isaa kumaantamaan itti gabbaree warraaqsa geggeessus buโ€™aan warraaqsa isaatii garuu akka inni yaadeef hin taane; warraaqsichi butamee daandii gadhiisee gara hin barbaachisne irra oofamuun xumurri isaa mirga Oromoo haaluu, gabrummaa baranee diriirsuu, roorroomaa fi cunqursaa Oromoo itti fufsiisuu taโ€™e. Inumaayyuu miidhaa fi gaagaโ€™ama irra ulfaataa maddisiiseef.
ย 
Warraaqsichi qabaa baduu fi karaa maquu isaa irraa kunoo harโ€™a akkuma hunduu argu Oromoo gatii gafalchiisaa jira. Warri baroota qabsoo fi waldhaansoo bara bittaa abbaa irrummaa EPRDF waggoota 29 kabaa fi dagalee sirnichaa taโ€™anii hojjechaa turan, sochiin Oromoo sadarkaa kana ni gaโ€™a jedhanii takkaa yaadanii hin beekne, wayta warraaqsi Oromoo morma isaanii bira gahuu hubatanii fi diddaan sun of duuba kan hin deebine taโ€™uu mirkaneeffatan haala sirnicha keessa turetti gargaaramuudhaan Oromoo gowwoomsanii ykn afanfajjessanii warraaqsicha butatuun daandii ofiif barbaadan irra oofan. Dantaa Oromoo ittiin guutuuf hojjechuu irraa, dantaa sirna Itophiyummaa gaaffii polotikaa Oromoo baroota hedduuf jiraatee as gahe dura dhaabbatu ittiin god-dhaabuuf oolfatan.
ย 
Kun ololaaf ykn jibbiinsaaf osoo hin taane tokko tokkoo dalagaa biyya kana keessatti hojjetamaa jiru irraa hubachuutu dandaโ€™ama. Jijjiiramnii fi ceโ€™umsi hawwame guutuutti kufeera haala jechisiisu irra gaโ€™ameera. Warri qabsoo fi warraaqsaan sirna EPRDF dadhabsiisuu fi kuffisuu keessatti bifa dhaabaanis taโ€™u nam-tokkeen qooda duraa kennan akka ABO faa, darbee ammoo Qeerroon (Kaโ€™imman) Oromoo diina taasisamanii harโ€™a akka bineensa daggalaatti adamsamanii ajjeesamu; hidhamu; xiqqeessamu.
Addi Bilisummaa Oromoo kabajaan maleef, harโ€™a maqaan adda addaa itti moggaasamee hogganootni, miseensotnii fi deggertootni isaa ajjeesamuu irraa hanga hidhamuutti tarkaanfiin irratti fudhatama. Faallaa isaa kanneen gufuu qabsoo turan, qabsoo fi warraaqsa deemaa ture keessatti gaagaโ€™ama guguddaa saba Oromoo irratti fidan harโ€™as dalagaa badaa isaanii kaleessatti gaabbii tokko malee sirna amma jiru waliin gochuma kaleessaa san itti fufanii jiran.
ย 
Warraaqsi Oromoo karaa maquu fi butamuun akka sabaatti dhibdeelee gugurdoo isa mude kan jennuufis kanneen irraa kaโ€™uudhaani. Haalli ammaa daran walxaxaa fi ulfaataa dha. Garuu ammoo Oromoon sirreessuu fi haala fedhe keessaayyuu baโ€™uuf gaโ€™umsa itti qaba. Mirguma heerri biyya kanaayyuu kennuuf irraa osoo hin gorin Oromoon yoo ol kaโ€™ee kabajamuu mirga isaaf sagalee dhageessise waa hedduu jijjiiruu fi sirreessuu dandaโ€™a. Mirga isaas guutuutti kabajsiifachuu fi furtuu rakkoo Impaayerattii fi Godinichaa taโ€™uu dandaโ€™a.
ย 
Garuu Oromoon waan burjaajii keessa jiru fakkaata; ija irriba keessaan waan deemaa jiru waan ilaalaa jiru fakkaata. Garuu taโ€™uu hin qabu. Burjaajii fi afanfajjii darbees hirriba keessaa kaโ€™uu dha qabna. Mirga keenyaaf Sagalee keenya dhageessifachuun mirga uumamaa ti waan taโ€™eef, osoo dhumaa jirruu jirra ykn nagaa qabna jechuun waan hin dandaโ€™amneef sagalee keenyaan mirga keenya haa kabajsiifannu.

Namichi Abbaa Gadaa Booranaa taโ€™e kan #Kura_Jaarsoo jedhamuโ€ Guyyaa kaleeysaa Radioni BBC news A/Oromoo irratti dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo/WBO waan inni dubbate dhageeysanii jamaa?
Abbaan Gadaa fi Sirni Gadaas Boorana Qofatti hafte/argamti jedhanii yeroo hedduu gaafa nutti himamu dhugaa natti fakkaachaa ture!
Edaanuu Caasaa Opdotu haga yoonaatuu maqaa golgaa abbaa Gadaatiin warri kun Oromoo gowwomsaa turan.
ย 
Abbaan gadaadhaa gaafa sabni Oromoo miidhamuu fi bilaashatti/badii tokkoon maletti humna waraana Bilxiginnaatiin ajjeefamuโ€ osoo adda dureen dhoowwuu fi falmuu qabuuti inumaa warra saba keenya ajjeesuu fi mana irratti gubuu waliini qabsaayota sabichaa irratti duuluu jalqaban.
ย 
ย