Oromiyaa/Ethiopia: Namni aara qabu, nama bilisummaa qabu.

Oromiyaa/ Ethiopia: Namni aara qabu, nama bilisummaa qabu

Miseensonni Dhaloota Qubee (Qubee Generation) keessattuu jajjabeen qabsoo Qeerroof Qarree #OromoProtests walitti qindeessaa turan waan tokkorratti waliigalaa turan. Kunis falammii (fight) kana keessatti namoota Qabsoo Bilisummaa Oromootiif (QBO) jedhanii manaa bahuudhaan halkan takkas taatu ala bulan irratti, yoo danda’ame kabaja itti horuu malee, duraanis qabsoo keenya qancarsuu dabalatee ammaantana yoo waa balleessan irratti duuluufii uummanni akka jibbu godhuu hin qabnu yaada jedhu dha. Kun garuu bitamtoota qottoo alagaa ta’uudhaan yeroo dheeraadhaaf dhiiga qabsaa’ota sabaa jigsaa turan kanneen akka Abbaaduulaa Gaammadaatiif Abiy Ahmad fa’a hin ilaallatu.
 
Kanneen akkasitti Dhaloonni Qubee kabaja itti horuuf dhama’aa turan keessaa, jaarroleen ammaantana appaartaamaa Badhoon kenniteef keessa ciisaa oolan tokko QBO Dhaloonni Qubee ammas itti jiru kana miidiyaa dhahamtuu badhootirratti ol bahanii yemmuu abaaran argeetan hedduu itti aare.
Faranjiin yoo mammaaktu, namni aara qabu isa bilisumma qabu dha (an angry man is a free man) jetti. Haala amma Oromoon keessa jirutti aara kan hin qabne garbicha garaa ufii ykn gowwaa fii wallaalaa malee way jiraa yaa jamaa?

Girma Gutema

Dabalataaf qophii obboleessoo Habtamu Lamu kana daawwadhaa.


Amharas and the central government of Ethiopia have established training forces. The question is, where is the rival army of Ethiopia destroyed?
They are collecting and they don’t collect it anymore.

This is crazy!!


jabhadda xoraynta Oromiya OLF ayaa lawareegtay magaalooyin muhiim ah oo ay kamid tahay Magaala madaxda gobolka Boorana iyo shacabka Oromada oo siwayn usoo dhawaysay ciidanka xoraynta Oromiya

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.