Yaa uummata Oromoo; uummata keenyaa Godina Baha Oromiyaa (Harargee), Kibbaa Oromiyaa (Booranaafi Gujii)fi Kibba baha Oromiyaa (Baalee)f dirmannaan meeshaa waraanaan deeggarame godhamuufi qaba!!
1. Aanaalee Oromiyaa hunda irraa poolisootni Oromiyaafi milishoonni lakkofsan murtaa’aa ta’aan hidhannoon guutameefi dirqama gara godinaalee uummatni keenya weeraramaa jiraniif haa dirmataniif.
2. Korri bittinneessaa Oromiyaaf hidhannoon guutameefii Uummata keenyaa ittisuuf haa bobbaafaman!!
3. Uummaatni Keenyaa Godinaalee caqafaman keessatti argaman kanneen hidhannoo qabaniif rasaasni haa bitamuuf, kanneen meshaa hin qabne haa hidhachiifaman!!.
4. Uummatni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessatti argamuu tokkummaa isaa jabeeffachuun duula uummata keenyarratti gaggeeffama jiru qolachuuf deegaarsafi tumsa qindaa’aa ta’ee gochuun uummata keenya cina haa dhaabbatnu!!
5. Uummatni Oromoo Addunyaa irratti argamtan sagalee uummata keenyaa ta’uun yakka ulfaata (genocide) uummata keenyaarratti gaggeeffama jiru addunyaaf haa saaxillu, uummata keenyaaf dirmannaafi tumsa barbaachisuun akka dirmattan dhaamsa lammummaa dabarsina!!
6. Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo ofiif wal hubannoo guddaa uumuufi uummata keenyaa rakkoo keessaa baasuuf ciminaan hojjechuu gaafata. Yaa’iin araaraa karaa seera qabeessa ta’een rakkoo siyaasaa biyyatti furuufi mirga uummata keenyaa kabachiisuuf Mootummaa Itoophiyaafi ABO gidduutti torbee darbe Ertiraatti eegalamee akka milkaa’uuf hunduu dirqama barbaachisu akka bahuu dhaamsa dabarsina. Hanga ammatti dhimma kana ilaalchisuun adeemsii hoggansi ABO Hayyuu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaan durfamu itti jiru harka dhibbaan (100%) kan deeggaramuufi dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa illee deeggaruufi cina dhaabbachuu kan qaban ta’uu gadi jabeessinee hubachiifna!!
ONN:ONN/TVOMT: Tooftaan OPDO Biyya Alaa Dura Abbaranii Guyyaa Itti Aanuu Dhiifama Gaafatan Jedhaniii Faarsuudha Adooleeysaa 15/2018
Waanti kun irra deddeebi’aa jira. Hiikkaan alaabaa nuuf hin galle moo?
Bakka tokkotti dhaabbachuu qaba. Horii qalamuuf deemutti sababni alaabaan uwwifamuuf hin jiru.

Konyaa ABO Minneapolis Minnesota Irbaata WBO Adoolessa 7/14/2018. – https://t.co/GW6X86bsbD pic.twitter.com/Qaof9LAnZO
— Kichuu (@kichuu24) July 15, 2018