Site icon Kichuu

Uummatni Oromoo Oromiyaa Bahaa keessaa ammallee rakkoo hamtuu keessatti kufee jira. 

Uummatni Oromoo Oromiyaa Bahaa keessaa ammallee rakkoo hamtuu keessatti kufee jira.

The Amazing changes in Hararge, Oromia so far…

This is our version of “Medeme” + “love” + “peace” + “widening political space” + “Transformation” 
#Hararge #Oromia #SecurityFirst #TheRightToLife

Via: Najat Hamza


[SQ, Adoolessa 4,2018] Uummatni Oromoo Oromiyaa Bahaa keessaa ammallee rakkoo hamtuu keessatti kufee jira.

Maqaa waraana Liyyuu Ayilii sumaalee jedhuun, yakka daguuggaa sanyii uummata Oromoo Oromiyaa Bahaa irratti waggoota dheeraaf adeemaa ture addatti ilmaan Oromoo guyyaa tokkotti bulchiinsa Lammaa Magrsaa jalatti qe’eef qabeenyaa isaanii irraa buqqaa’an Oromoonni Miliiyoonni tokkotti siqan akka rakkataa jiran beekamaadha. Yakka sana kan raawwate maqaa waraana Liyyuu Ayilii sumaalee ha ta’u malee bobbaan isaa mootummaa EPRDF kan waggoota dheeraaf adeemsa dhokataan Oromoota lafarraa kaasaa tureen adeemaa turee ittis jira.

Ji’oota muraasa daraban ilmaan Oromoo manaaf qabeenyasaa walitti gubanii, morma kutanii araddaasaa irraa ari’uu cinatti, maqaa uummata buqqa’een OPDO maallaqa uummatarraa nyaatanii gadadoof uummata keenya kan caalutti saaxilanii rakkina hedduuf darbatanii dhiisan.

Guyyaa har’aas jechuun Adooleessa 3 2018 ganaamaa qabee waraanni maqaa Liyyuu Ayilii sumaalee jedhuun Oromoota 200 irratti mana gubuun Loon dabalatee lubbuu nama hedduu haala suukanneessaan dabarsee jira.

Hubadhaa! Wayiita ajjeechaan akkanaa raawwatu Oromoota akka waan walitti garaa jabaataniitti caasaaleen Mootummaaf deggartoonni harka lafa jalaan Mootummaa utubaa turan miidiyaadhaan gabaasullee kan callisan hiratti “Tasgabbaa’aa!” Jechuun akka uummanni hinfalmanneef uummata ukkaamsuu irratti karaa miidiyaa garaagaraa fayyadamanii lubbuu Oromootti qoosuun jabaatee adeemee.

Kanaaf uummantni Oromoo bahaa hanga lixaatti yakka ajjeechaa nurra gahaa jiru bahee akka falmatu Qeerroon gabaase

Araddaa Baabbilee

via: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Exit mobile version