Oromiyaa: Baga Geessan! Ebla 15 Ayyaana GGO!!

Oromiyaa : Baga Geessan! Ebla 15 Ayyaana GGO!!

OMN: KABAJA GUYYAA GOOTOTAA MAGAALAA AMBOOTTI (Eebla 15, 2019)

Ebla 15. 2019
GGO magaala Ambo


#GGO Amboo Goototni Ilmaan Oromoo Suuraa gootaawwan qaqqaalii Mootummaa EPRDF kanaan lubbuun darbe Jaagamaa Badhaanee fi kaan hojjechiifatanii jiru. Koloneel Gammachuu Ayyaanaa akka hiikamuu qabus gaafataa Baayinarii suuraa isaan hojjechiifatan

Waajjira Adda Bilisummaa Oromoo
Lixa Shaggar, Amboo



Calluma jedhaa dhiisaa
Jarana maal taatanii?
Goototaaf hin boo’iinaa
Facebook’tti yaatanii.
Duutiifi awwaalchi gootaa bar
Jireenyatti qoodamaa
Warra seenaa hojjeteef
Akkamittiin boo’amaa?
~
Warra dirree qabsootti
Dhiigaan barreesse maqaa
Warra lammiif of laate
Wareegamtoota haqaa
Warra morma isaaniitti
Gonfoo eenyummaa dirate
Gabrummaan jiraachuurra
Warra du’uu filate….
Isaaniif hin boo’iinaa
Iyyitanii ijibbata
Gootni foonsaatiin miti
Hojii isaatiin jiraata!
~
Warruma jiruuf boo’aa
Warra lammiif hin taane
Warra maagaan jallinaa
Garaa isaaniitii hin baane
Warra jibba elmatan
Jaalalli isaanii gu’ee
“Uuuuu…” jedhaa iyyaafii
Warra akkasiitu du’ee!

Leta Kenei Aga


#Ebla_15 Ayyaana #GGO magaalaa Amboo agarsiisa ITF Teakwondo wajjiin. #ABO waliin fuuldurri keenya ifaadha💚


Haadha Oromoo Artist Ilfinesh Qannoo
Qeerroo Amboo
Qeerrensowwan
Abdii Bilisummaa
Qeerroo ilmaan waara jabaa
Nuuf jiraadhaa

Kullee Firii Warra Tuulamaa

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.