Oromiyaa: Aanaa Meettaa Roobii!

#Aanaa_Meettaa_Roobii!
Barruun kuni dheeraadha obsaan dubbisaatii waliif qoodaa dhugaa fi madaa keenya bubbullaan waan dagataamte fakkaatte fi iccitii jiru hubadha.

Aanaan Meettaa roobii akkuma aanolee kamiituu namoota baratanii aantummaa uummata qaban hedduu hoomishtee oromiyaa badhaasteetti. Faallaa kanaa ammoo aanaan tuni yeroo hedduuf nama barnoota gahaa qabuun osoo geggeeffamuu qabduu kaadiree dulloomaa aanaa kanarratti jaaraniin bukkeetti dhiibamaa geggeessaa aantummaa uummataa qabu dhabdee bara dhufaa darbaa kaadiree hattuu fi warra dantaa uummatichaa hin qabneen qofaatti qoqqobamtee uummata ishee waliin gidiraa keessummeessa turte. har’as itti jirti.

Akkuma beekkamu waggoota afran darbe kana akkuma guutuu oromiyaatti sababa fincilli diddaa gabrummaa dhoo’ee kaabinoota hedduu boolla lixan wallaalchiseetti, aanaan kunniinillee hattoota bara dhufaa darbaa ol adeemtuu Ilmaan isaa gidirsaa fi qabeenya isaa dantaa dhuunfaaf oolfachuu malee dhimma hawaasichaaf dantaa hin qabne hedduutti dammaquun qeerroo, qarree fi uummata aanichaa guutuun mormiin itti dhoo’ee ture. Jarris akkuma duraan baran uummata karaa nagaa sagalee isaa dhageesifachuu bahetti humna waraanaa waamuun doorsisaa, hidhaa fi reebichaan uummaticha hiraarsaa turaniru.

Haa ta’u malee uummatichi dhugaaf malee xiiqiif hin Jilbbiiffanne Ilmaan H/ Maaram Gammadaa fi Badhaadha Dilgaasaa fakkaattiin akka Garbii Bultoo fi Jaal #Laggasaa_wagii gaafa obsee obsa isaa fixatu manneen kaabinoota kanaa gubuun ofirraa hari’ee kan ture ta’uun seenaa yeroo dhi’ooti!

Sababaa kanaanis akkuma Ilmaan oromoo kumaatamni guutuu oromiyaa keessaa manneen hidhaa Iddoo garaagaraatti gidiraa daangaa hin qabne keessummeessaa turan aanaan tunis dararama saniif saaxilamte. Kana malees qeerroon aanaa kanaa dhugaa malee akkuma qeerroo fi qarree guutuu oromiyaa manneen hidhaa Maakalawwii fi Qilinxootti gidirfamaa turuun nii yaadatama.

Addatti ammoo sababaa kanaan
qeerroon aanaa meettaa roobii Gandoota akka warqee waleensuu, warabboo fi k k f irraa qabamanii osoo mana hidhaa Qilixootti dararama daangaa hin qabne argaa jiranuu sababaa gubachuu mana hidhaa Qilinxootin qeerroon kunneen achi keessatti gubatanii lubbuun isaanii darbiteeti.

Ta’ichi hammaatan kuni hundi kan raawwatamaa tures harka kaabinoota kanneenitiin ta’uu uummanni aanichaas ta’ee galmeen seenaa ragaadha.

Kana malee kaadiroonni kunniin bara Jaal #Laggasaa_Wagiin wareegamu akka maatii Jaal Laggasaas ta’ee hawaasni aanaa kanaa hundi ba’ee hin boonyee fi gadda isaanii hin ibsanne warra halkanii fi guyyaa doorsisaa, reebaa fi turuun qeerroo Ganda sanaallee hidhaatti guuraa turuun godaannisa adda uummata keenyatti uumaniidha. hardha garuu jarumatu maaliyaa taphaa jijjirraachuun maqaa gootota kanaan Imimmaan naachaa boo’aa uummata keenyatti dacha’ee biyya saamaa jira.

Osoo dhugaan fi seerri jiraatee jiraatee kaabinoonni kunniin yakka uummata kanarratti raawataa turaniif kan seeraan gaafatamuun irra ture malee inumaa aangoo olaanuuf kan kaadhimaman miti.

Amma garuu Kaadiroonni kaleessa qabeenya waloo uummanni kun waliin qabu kanneen akka bargamoo fi k.k.f maallaqa hedduutti gurguruun “aanaan teessan aanaa daandiin Asfaaltii bu’ee jiru irraa kilomeetira muraasa qofa fagaatti daandii asfaaltii isiniif hojjachiifna” jechuun osoo uummatichaaf daandii cirachaallee haala hin hafin bara dhufaa darbaa uummata goyyoomsaa qabeenya uummataa dantaa mataa isaanif oolfataa kan turan fi uummata aanaa tanaa biratti seenaa xuraa’aan kan beekaman har’a qafara dabarsuun akka waan uummanni madaa kaleessaa sana dagateetti maaliyaa taphaa jijjiirratuun kuuwwan magaalaa gurguddaa jiraataa jiru. Kuuwwan ammoo ammas aanittuma tana keessa taa’aniitu qabeenya uummatichaa qorquun uummata dararu.

Kaadiroota yeroosis ta’ee isaa as uummata keenya gidirsaa, saamaa fi qabeenya uummata keenyaa dantaa dhuunfaaf oolfataa turanii har’allee itti jiran hunda maqaa fi ragaa guutuu waliin yeroo dhi’ootti Iccitii isaanii isiniifan maxxansa.

Ammaf garuu Seenaa obbo #Didhaa_Gaarii isa amma bulchaa aanaa tanaa ta’ee muudamee haa Ilaallu.

#obbo_Didhaa_Gaarii aanuma meettaa Roobii Ganda Huqqoo Harootti nama dhalate yoo ta’u dandeettii fi barnoota gahaa tokko malee bara dhufaa darbaa nama sirna Iyaadigitti maxxanuun aanaa kanas ta’ee aanolee ollaa kanneen akka Meettaa Wal_qixxee fi kanneen birootti uummata saamaa fi saamsisaa, qeerroo hedduu hidhaatti guursisaa, addatti ammoo aangoo isaatti fayyadamuun nama quuqama sabaa qaban doorsisaa fi doorsisiisaa kan tureedha. Kana malees nama bara isaa guutuu ergama dhaabni isaa itti kenne dirqamaanis ta’ee tooftaa addaan uummatatti fe’uu malee dantaa hawaasa irraa dhalateef gonka hin quuqamnedha.

Kana malees #obbo_Didhaa_Gaarii nama gama kamiinuu sirna Iyaadig du’arraa oolchuu irratti muuxannoo bara dheeraa qabudha. gocha isaa kananis bara dhufaa darbaa qeerroo quuqama sabaa qaban kaadiroota aanaa sanii waliin wal ta’uun adamsee warra gooftolii isaatitti laatuun kam beekamudha.

Fkn. bara 1997 hanga 2007 ti nama dhimma filannoo irratti sagalee uummataa hatuu fi hachisiisuun beekamu yoo ta’u Osoo firiin sagalee uummataa qaama dhimmi Ilaaluun lakkaawamee adda hin ba’in uummata burjaajessuu fi aamilee buusuuf kaadiroota gandaa fi aanaarra jiran walitti qabuun namaa qabeenya uummatan sirbee sirbisiisaa qoosaa fi taphataa turedha.

Gochoota inni fi fakkaattonni isaa bara 1997 filannoo booda raawwataa turan umurii koo xiqqaatin wantan yoomillee hin daganne keessaa tokko erga filannoon darbee booda akka waan diinni addaa uummata keessa jiruutti Ganda Goolaa Gurjii jedhamtutti uummata nagaa keessa deemuun kaadiroota isa fakkatan waliin rasaasa kumaatamaan dhukaasaa uummata dirqamaan wal ga’ii waamee akka sirbanii sirna yaadig leellisan taasisaa ture.

Addatti ammoo akka waan abdiin uummata oromoollee opdo malee hin jirretti nama uummatatti lallabaa turedha.

Kana malees akka uummanni boruuf adeemsa sirna diimokiraasii hordofee marsaa itti aanuuf sodaa tokko malee nama bakka na bu’a jedhu hin filannee sodaachisoo fi doorsisaan nama sirna Iyaadig uummatatti fe’ee gidiraa kessummeessisiisaa turedha.

Akkuma kana bara 2007 Gaafa #obbo_Gurmeessaa_Ayyaanoo dhimma duula filannoof aanaa kana dhufee sagalee guddistuun “amma booda uummanni aanaa kanaa akkuma uummata oromoo kutaalee kam keessa jiruutti nama nuuf ta’a jettan sagalee keessaniin filattanii akka kaadiroota fi kaabinoota bara dhufaa darbaa isin saamaa fi Ilmaan keessan gidirsaa turan ofirraa kaastan” jedhu Obbo Didhaa Gaariis nama abdii kutannaadhan “warra kuuwwaniif Iblaanyi malee anillee lafa nan qaba galeen qotadha” jedhee ragaa ofitti bahaa turedha.

Garuu akkuma harka bare doolutu sosso’a jedhan sana gaafa filannoon ga’u ergama gooftolliin isaa olii itti kennan ba’achuun Ganda dhaloota Isaa Huqqoo harootti akka bakka bu’aan paartii faalla Iyaadig hirmaatanii sagalee uummata isaanii hin kabachiifne dantaa dhuunfaan goyyoomsee, kuuwwan ammoo humnaan hariisisee naama sagalee uummataa 100% akka barbaadetti korojoo Sirna Iyaaditti guurrateedha.

Ammas warri paartii “bilginnaa” wanti isaan nama yakkamaa kana deebisanii aanaa kanarratti bulchaa aanaa taasisanii muudaniif waa hedduu karoorfataniitudha.

1,namni kuni sirna kana keessatti nama sagalee uummataa hachisiisuun muuxannoo olaanaa qabu waan ta’eef muuxannoo isaa kanattis gargaaramanii har’as akkuma kalee hannaa fi dirqamaan sagalee uummataa saamuun bara aangoo isaanii dheereffachuuf kan qiyyaafataa jiraniidha.

2, sirni Iyaadig kaleessa mormii uummataan kasaaraa siyaasaa fi diinagdee keessatti kufee booda namoota afaan keenya dubbataniin nutti dhufuun du’arraa of oolchee waan ta’eef uummata kaleessa gochaa nama kanaa jibbee balaalefataa ture fi tarkaanfin ofirraa kaase sana haaloo ba’uuf kan muudaniidha.

_Kanaaf uummanni aanaa kanaa Falli isin qabdan ammas yoo dhuguma seerri biyya tana keessatti hojiirra oolaa jira ta’e akka namonni yakkamoo kunneen qaamni dhimmi Ilaallatu aangorraa kaasee seeraaf dhi’eessuun yakka raawwataa turaniif akka itti gaafataman mormii keessan karaa nagaan qaama dhimmi ilaalutti dhi’eeffadha.

_kana malee qaamni Godinnarraas haa ta’uu akka oromiyaatti namoota yakkamoo bara dheeraaf uummata gidirsaa turan osoo beektanuu uummatarratti aangoomsitan yoo dhuguma filannoo bilisaa biyya tana keessatti geggeesineetu akka uummanni haaqaf, laaqa hannaaf, doorsisa tokko malee sagalee bilisaatin nama bakka na bu’aa jedhe haa filatu jettanii yaaddan yerootti namoota yakkamoo kana aangorraa kaasaa.

hanga guyyaa uummanni nama isaa ta’u filatee bakka buufatuttis ammoo nama dantaa uummata kanaa tiksuu danda’uu fi quuqama uummataa qabu akka baaka buustan kabajaan isin gaafanna!

Kun hin taane taanan garuu uummanni akkuma beektan sanatti ofirraa kaasaa badii fi kasaaraa dhufuuf ammoo itti gaafatamaan Isin warra osoo beekuu yakkamaa uummatarratti aangoomse ta’uu quba qabaadha.
By Sanyii Sanagaraa