#Oromia Today at Bale, The Noble Peace Prize winner Is Killing Peaceful Protesters .. Watch both side of Video ..

#Oromia Today at Bale, The Noble Peace Prize winner Is Killing Peaceful Protesters .. Watch both side of Video ..

 


Akka bineensatti ijoollee Oromoo adamsanii yeroo ajjeesan ilaalaa! Shiftaa namummaa hin qabnetu biyya weerare. Addunyaa irratti shiftaan akkanatti guyyaa adiin nama nagayaa reebee rasaasaan ajjeesu hin jiru. Abbaan Irree akka Abiy mul’atee hin beeku!

Ferhan Abdulselam


Ayyaanni IRREECHA Malkaa Sabbataa osoo hin kabajamiin hafee.Guyyaa har’aa (11/10/2020) sirni kabaja ayyaana irreechaa magaala Sabbataatti ummata magaalaaf naannoo sanaan kabajamu qabu, humni poolisii feedraalaaf Oromiyaan iddoo irreechaaf daandi karas geessu cufuun ummatni akka hin kabajanne dhorkame jira. Dabalootni PPf humni shororkeessan ummata irraa dhorkuun iddoo Irreechi itti kabajamu kana sangaa qalatani, biraa fi farsoo dhugaa iddoo kana hoteelatti jijjirani olani jiru. Kanaanis malkaa salphisani jiru.IRREECHI Malkaa Sabbataa bara dargi keessa illee addaan cite/ dhorkame hin beeku. Kanaaf ummatni magaala Sabbataaf naannoo cufti raga dha. Egaa barrii Abiyi bu’aan ummata Oromoof busee kana. Yaa sabaa salphina kana keessaa bahuuf qabsoo qofatu falaa.
Miidhaksaa Abbishuu


For how long are we going to allow these heinous atrocities by Abiy Ahmed & his henchmen PP against Oromo youth (Qeerroo/Qarree) to continue? For how long?! #AbiyMUSTGo! Demand your dignity and freedom now! #OromoMustUnite against PP fascists! #OromiaShallBeFree from PP fascists!
For how long, Oromo??!! Rise up, and get back the dignity of your people, the Oromo nation, and the freedom of your land, Oromiyaa!
RIP Awal Abduro!
OMN: ( Onk 2020) Baalee Magaalaa Roobetti hiriira nagaa qeerroo muraasni guyyaa har’aa adeemsisan irratti, dhukaasa waraanni mootummaa baneen lubbuun qeerroo tokkoo dabarte.
Guyyaa har’aa magaalaa Roobeetti, qeerroon muraasni hiriira mormii ba’uudhaan, dhaadannoo, ‘hidhamtoonni siyaasaa haa hiikaman’ jedhu dhageessisaa kan turan yoo ta’u, ahumni addaa poolisii Oromiyaa hiriira kana bittinneessuuf dhukaasa baneen
Qeerroo magaalichaa, Awwal Abdurroo jedhamu galaafateera.
‘Faallasaa ammoo guyyaa kaleessaa kaadiroonni mootummaa hiriira deggersaa jechuun, magaalicha keessatti ba’anii dhaadannoo faallaa qabsoo Oromoo ta’e, dabaala poolisiitiin dhageessisanii galaniiru. Isaan irratti dhukaasni bittinneessuuf taasifame tokkollee hin turre. Qeerroorratti garuu dhukaasa banuun, nama tokko nu jalaa galaafataniiru’ jechuun jiraataan magaalichaa OMN dubbise ni hima.
Yeroo ammaa kana qeerroon magaalaa Roobee, humnaafi yaada ititaan qabsoo finiinsuuf mariirra jirras jechuun namni kun haala magaalicha OMN-tti himeera.
 
 
 
 

1 Comment

  1. The Oromo people are tired of being killed like in and action film every day in broad day light. Being chased, killed and mass arrests are taken as norm. It is not normal. Unity is the only solution. The Killing one Oromo is equal to killing of all Oromos. Starting self deference is must at this time. Time is running out for peace politics.

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.