Oromia Media Network :OMN: ዕለታዊ ዜና (July 19/2019)

Oromia Media Network :OMN: ዕለታዊ ዜና (July 19/2019)


BREAKING!
Muummichi Minstiraa Dr. Abiy Ahmed ammas badhaasa haaraaf kaadhimame.
Badhaasa haaraa kanaaf kan kaadhime dhaabbata Chatham House Prize jedhamu biyya Inglizitti argamuu dha. Dr. Abiy badhaasa kanaaf kan kaadhimame araara Eertiraa waliin bu’e, walqixxummaa dubartootaa dhugoomsuuf hojii hojjete, hidhamtoota siyaasaa hiikuu fi dirree siyaasaa bal’isuuf tarkaanfii hoggansi isaa shaffisaan fudhateen akka tahe ibsameera. Dr. Abiy waliin badhaasa kanaaf kan kaadhimaman biroon namoota lama yoo tahan, tokko BBC irraa kaan ammoo muummittii minstiraa biyya Iceland tahuun gabaasa dhaabbatichi har’a baase irraa hubatameera.