Oromia: Magaalaa Naqamtee keessa mana mootummaa/Bete Mangistii/Keessatti halkan

Oromia: Magaalaa Naqamtee keessa mana mootummaa/Bete Mangistii/Keessatti halkan edaa jeneraalli maalummaansaa hinbeekamne ajjeefamee buluu beekameera.

Ajjeechaan kun galma mootummaa magaalichaa fuuldura rift vaalii yuunversitiitti kan argamu bakka qubsuma agaazotaa keessatti akka raawwate beekameera.Erga Abbaan Torbee ykn humni addaa haleellaa fudhatu magaalaa Naqamtee seenee guyyaa arfeffaa keessatti namni afur haleelamuu beekameera.

Haleellaa kanaan jeneraala tokkoofi basaastonni lama kan du’an yommuu tahu tokko ammoo haalaan haleelamee hospitaalatti yaalamaa jiraachuu maddeen Qeerroo Leeqaa gabaasanii jiru.

Haleellaa Gabayyoo irratti fudhatameen kan barraage obboleessisaa Sabsibeen awwaalcha dhiisee akka Finfinneetti baqatee jirus beekameera.Sabsibeen ergamaa diinaa loltoota agaaziif soorrata kennuun beekamu yommuu tahu yeroo garaagaraattis akeekkachiifameera.Ammas haleellaa kana sodaatee qabeenyasaa gurguratee baduuf akka jedhaa jiru keessa beektotni eerniiru.

ONN:Caamsaa 09/2018


Qabsaahaan oromoo Jaal Jabaluu Abbaa Waarrii shira Diinni xaxxeen lubbuun isaa darbbe.Jaal Jabaluun Dhalatee kan guddate Godina Iluu Abbaa Boor Ona Dhidheessaati yeroo ta’u umurii isaa ijoollumaati bara 2008 humna mootummaa wayyane osoo sochii qabsoo Diddaa gabrummaara jiruu rasaasa lamaan rukutaame yaala gahaallee osoo hin argatin gara hidhaati darbamuun mana murtii deddeebi’aa erga turee booda mutiin hidhaa waggaa sagali ittii murtaahuun yeroo mutii isaa xumuree bahuun gara maatii isaa Ona Dhidheessaati deebi’ee nagaan jiraachuu yaalii taasisus hordofiiniif roorris guyyaadhaa guyyaat waan itti hamaateef itti dabaluunis gochaan ummata oromooratti raawwataa jiru daran hammaachuu isaa waan hubateef bosona mana godhatee qabsoo saba isaa itti fufuuf murtteeffatee bosona seenee sochiira osoo jiruu torbaan kana keessaa karaa ergamtoota wayyaneeti namootni dhiigaan oromoo ta’aa itti bitamuun akka lubuun isaa darbuu godhaanii jiru. Qabsaahaan Ni Kufa Qabsoon Itti Fufa !!

Qophii addaa Keemiikaalli warshaa Oomisha warqee fi Kan biroo Caamsaa 09/2018