Dhaamsa Oromoo Hundaaf: Mootummaan Wayyaaneen ifaaf ifatti waraana Oromia irratti labsee jira

Dhaamsa Oromoo Hundaaf
====================­­==
Mootummaan Wayyaaneen ifaaf ifatti waraana Oromia irratti labsee jira. Naannoo Oromiyaa humna waraana jalatti bulchanii olaantummaa isaanii mirkaneessuuf murteeffatanii jiru.
Kanaan booda hoggantoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra waan gahuuf deemu tilmaamuun sammuu nama dhukkubsa.

Kanaaf uummati Oromoo qophii barbaachisaa ta’e hunda gochuu qaba.

1. Maatiin Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Federaalaa keessaa ijoollee qabdan dhaamsa ijoollee keessaniif dhaamuudhaan akka isaan saba isaanii irratti hinduulle gorsaa

2. Hiriyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Federaalaa keessaa kan qabdan dhaamsa kana dabarsaa

3. Ijoolleen Oromoo Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Federaalaa keessa jirtan fi kan dhaamsa kana dubbisaa jirtan dhaamsa kana waliif dabarsaa.

4. Poolisiin Oromiyaa fi Qeerroon qabsoo jalqabame finiinsaa

5. Yeroon kun yeroo Oromoon akka sabaatti waraanni cimaan irratti labsame waan ta’eef yeroo kamiinuu caalaa tokkummaan Oromoo barbaachisaa dha

Namooti ergaa kana dubbistan waliif dabarsaa. Yoo share gochuun isinii hindanda’amne inbox waliif godhaa.

Via: Dhábasá Wakjira Gemelal


Gochaan Wayyaanee yoomiyyuu hin dagatamu!!
Jettee jettee “iddoo duriitti deebina” jechaa jirti. Iddoon durii sun iddoo itti Oromoo miila ciran ta’uu hubadha!!!


ያሳለፍነውን የደስታ ዘመን ለማስመለስ ጠንክረን እንሰራለን ስትል የኢሃድግ ሥራ አስፈጻሚ የሆነችው እና በቅጽል ስሟ ሞንጆሪኖ ተብላ የምትታወቀው ወይዘሮ ፈትለወርቅ አሳሰበች።

ዘገባው ደርሶናል።

እንደሚከተለው ቀርቧል።