(Oromedia, Naqamte, 26 June 2020) Daarektera Baankii Daldala Itoophiyaa Distriktii Naqamtee guyyaa kaleessaa qabamee hidhame.

(Oromedia, Naqamte, 26 June 2020) Daarektera Baankii Daldala Itoophiyaa Distriktii Naqamtee guyyaa kaleessaa qabamee hidhame.

Daarektarichi Ob Caalaa Gammachuu kan qabamee hidhameef guyyaa ummanni mormii ibsachuuf gabaa lagate waan baankiin akka cufame waan godheef ta’uun hmamaa jira.

akkum beekameu, torbab dabre uummatni magaalaa Naqamtee ajjeechaa seeraan ala mootummaan PP Oromoo irraatti raawwataa jiru, mormuuf gabaa cufatee turuun kan yaadatamu.Torban gabaan cufame sana baankiinis cufaa ture.

Hogganootni Komaandi Postii(Kantiibaa, General RIB irraa, ajajaa poolisii godinaa fi magaalaa, ajaja poolisii humna addaa) Caalaa waamanii baankii akka banuuf itti dhaadatan. Innis ‘isiniyyuu qawwee baattanii soodattu waan ta’eef anis sodaadheen cufsiise’ jedhe.

“Dafii bansiisi, yeroo dhihootti immoo gatii kee argatta,” jedhanii itti dhaadataa turan

Akkuma kanaan, guyyaa kaleessaa, jechuun Waxabajjii 25 bara 2020 bakka hojii isaa waajjira keessaa qabamee akka hidhame beekameera.

Via:Dábessá Gemelal


Suuraan Haa Dubbatu!
===============
HAPPY OROMO DAY!!


he growing movement of the Oromo people is a movement of the Oromo younger generation. It is, therefore, a movement that will shape the future,


Oromo and Sidama clear demand: freedom and equality