OPDO/Bilxiginnaan dhimma amantii keessas seentee ummata wal nyaachisuuf karoora qabdu barruu leenjii jaraa kana keessatti qalbiidhaan dubbisaa.

OPDO/Bilxiginnaan dhimma amantii keessas seentee ummata wal nyaachisuuf karoora qabdu barruu leenjii jaraa kana keessatti qalbiidhaan dubbisaa.

Gambeela rakkoon jira!

#Inbox

#uunivarsitii_Wallaggaa

“Qaamnii hidhate mooraa Wallaggaa yuuniversitii keessa jiruu gidiraa hamtuu barata oromo irran gahaa jira. Yeroo nii baranaa jennuu ‘eenyuu mooraa baaftee?’ nun jedhuu. Dhiqannee uffata dhiqaa uffannee yoo deemne ‘maliif boontu?’ nun jedhuu. Shamarraniis guyyaa irra reebicha fi jecha xiqqinan sammuu dhukkubsa oolu. Dhugaa dubbachuuf barataan mooraa keenyaa rakkoo jabduu keessa jira. Gara tokkoon maatii isa quba hin qabu. Akkasumas wanta isa barbachisu godhachuuf namni isaaf wanta barbaachisu erguu hin jiru. Sababni isaa networkin hin jiru. Bilbilli hin hojatu. Bankin hin hojjatu. Akkuma walii galaatti jiruu fi dhumatti maatii isanii quba hin qaban. Dararaa kana irraan kunoo qaamni mootummaa joollee adamsuu fi ukkaamsuu karoorfatee itti jira. Magaaluma Naqamtee kana keessatti guyyaa irra yeroo gadii baatu dargaggeessa ija kee duratti ajjeesuu, reebuu, ykn ni hidhu. Akkamiin ool deebitee baratta? Mee sammuu kamiin? Walitti callisuun kun sirrii miti. Waliif dirmadhaa. Midiyaa inuma qabna? Yoo qabaannee kootta rakkoo keenyaa ummata keenyaaf nuf ifoomsaa.”

Via:Tsegaye Ararssa


Laal fakkeessituu: Haati Wallaggaatti reeffa ijoollee ishee lakkaa’aa ooltu isheenis garumaa baasteem!! gaafas maalif hin mararfanne?

Fulqiyyee fula torbaa! Ilmaan Oromoo nyaata jirtan sun baalaa?

Oromoon qomoo ofiitiif hin laallanne, akkamittii oromoodha jedhaniin,
Baraaf FILMAANNII dhufu adda nu baasuuf jira.


ABIY yoo eessaayyuu deemee, namnii tokkoollee hin bayuuf hin jedhamuus, hin jennees.
Sababbiin isaas
1ffaa..oromiyaa keessaa Saba oromoo qofaa miti Kan jiraatu, kanaaf sabaaf sablammiin ni baha.
2ffaa… Xuuxilaan garaaf jiraatan kaabineen Maqaa oromoo dhahattuu , dirqamaanis ta’ee durgoon kaffalameefii kan bakka innii dhufetti simatan kumaatamaan waan jiraniif

3ffaa.. oromoon isumaa balaaleefachuuf bakka innii dhufettii dhufanii sagalee isaanii waan dhageesiifataniif.

4ffaa.. xayyaara innii ittiin dhufeef waraana innii yaasee fideyyuu ilaaluuf Kan deemuu kumaatamaan waan jiruuf.

Uummata biyya keessaa mitii uummatnii biyyoota alaa jiraatuyyuu , isumaa laaluuf gariin isumaa arrabsuuf gariin yeroomaa irratti dabarfatuuf jecha bakka deemeettii argamaa Kan jiran arginneerra waan ta’eef, bakka innii deemeettii namnii argamee argamuu baatee faayiidaan innii argatu hin jiru.
Sababbiin isaas oromoo Keessaa jibbammee , bahee jira waan ta’eef.

Abiy oromoo birattii goobana jaarraa 21ffaa ta’ee onnee sabaa keessattii galmaahee , sabnii guutuun kaardii ittiin awwalan qofa qabatanii guyyaa FILMAATAA eegaa jiran waan ta’eef.

Mohammednur Guye


OPDO/Bilxiginnaan dhimma amantii keessas seentee ummata wal nyaachisuuf karoora qabdu barruu leenjii jaraa kana keessatti qalbiidhaan dubbisaa. Biyyi tun biyya ummatoonni amantii adda addaa hordofan waliin jiraatanii fi amantii isaanii irrattis qoosaa hin beeyne tahuun beekamti. Muslimas haa tahuu Kiristaanni biyya keenyaa amantii isaa akka jalaa xureessan, tuffatan, yookiis akka gufuu guddinaatti ilaalan hin barbaadani. Bilxiginnaan garuu amantii isa tokko badhaadhinaaf mijaahaa, amantii isa kaan ammoo gufuu badhaadhinaa jechuun suuraa cubbuu tolchitee ummata wal ficcisiisuuf foolachaa jirti.

Dhugaan jiru garuu faallaa kanaati. Biyyi akka keenyaa tokko guddachuuf imaammata amantii irraa hin baabsawaa (amantii tokko ol qabee kaan gad qabu irraa walaba tahe) mootummaan sun hordofu qabaachuu qofatu gahaan. Gosti amantii ummanni biyya tokkoo hordofuu gufuus tahee mijaahinsa jedhamee hin fudhatamu. Fakkeenya biyyoota addunyaa kanaa kaafnee tokko tokkoon laaluun ni danda’ama ture. Sana dubbiftootaaf dhiifna. Gabaabumatti garuu summiin Bilxiginnaan deemtuun kun adeemsa dhabamsiisanii dhabamuuti. Yoo kichuutti doomuu baateef ummata keenya wal ficcisiisuutti deema.