ONN: Oduu Idilee Oolmaa Oromiyaa Mudde 19/2017

ONN: Oduu Idilee Oolmaa Oromiyaa Mudde 19/2017



ONN:Qophii Addaa:
Gantoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo Gufachiisuu Hin-Dandeyan. Mudde 19/2017

Muddee 19/2017 Godina Qeellam Wallaggaa Magaalaa Dambii Dollootti Sochiin Warraaqsa FXG Qeerroo dargaggoota Oromoofi uummata Oromoo magaalaa Dambii Dolloofi naannoo isheetiin daran jabaatee itti fufee jira. Yakka duguuddaa sanyii waraanni agaaziin uummata Oromoo irraatti raawwachaa jirus balaaleffachuun lammii keenya wareegamaniif gaddaa guddaa isaanitti dhagaahames ibsataniru.


Sagalee Qeerroo Bilisummaa MUDDE 19 1217 , Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Torbanittii Guyyaa Sadii Facaasaa (Kibxata) Kamisaa fi Jimaata Akka Lakkofsa Sa’aa Oromoo tti Galgala Keessaa sa’aa 7:30 Iraa Amma 8:00 tti Metir baandii 16 KHZ 17840 Irratti Kan Isinii Darbu Dha.”Nuti, Qeerroon Oromoo, seenaa wareegama qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo haga yoonaatti galmeeffameef kabajaa guddaa kennaa, nutis akka dhaloota haaraatti wareegama bilisummaa baasuuf kaanee jirra.” Qabsoon itti fufa! Garboonfataan ni kufa!!


Muddee 09/2010: Kontiroobandistoota saaxiluun ammayyuu cimee itti fufeera.


Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bureetti Konkolaachisaan Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa ta’e Zayita Seeraan alaa Mootummaa Naannoo Gambeellaarraa fe’uun otoo Gara Magaalaa Goreetti imaluu eeruu hawaasni Magaalaa Buree Poolisiif kenneen to’annoo jala oole hidhaa fi addabbii maallaqaan adabame.
Zayitichis hawaasa Aaanichatti gurguramee Galiin isaa Lammiilee keenya qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif akka oolu Manni Murtii Aanichaa murtee dabarseera.

Himatamaan kun Ajajaa Dhibbaa Melkineeh Haayiluu Konkolaachisaa Raayyaa Ittisa biyyaa yoo ta’u seeraan ala Konkolaataa Raayyaa Ittisaa lakkoofsi Gabatee isaa መ.ከ 04817 ta’een Zayita seeraan alaa baay’inni isaa jaarikaana 320/Liitirii 6400 ta’uu Magaalaa Gambeellaa irraa fe’uun Gara magaalaa Goree geessee faayidaa hin malle argachuudhaaf (qarshii 20,000 fudhachuuf) wayita imalaa jirutti Aanaa Buree iddoo addaa kellaa jedhamutti hirmannaa hawaasaa taasifameen Poolisii fi Korri bittinneessaa waliin ta’uun gaafa 06/04/2010 halkan keessaa naannoo tilmaama sa’a 5:20 ta’utti to’annaa jala olchaniiru.

Manni Murtii Aanaa Burees galmee RTD/Murtoo ariifachiisaa jedhamuun beekamuun dhaddacha gaafa 07/04/2010 ooleen dhimmicha irratti raga bitaa fi mirgaa ilaaluun himatamaan himanni itti dhiyaate waakkii tokko malee waan amaneef hidhaa waggaa lamaa fi baatii lamaa fi qarshii kuma digdamaan adabeera.

Zayitni qabame tilmama qarsshii 153,600 kan baasu wayita ta’u,Zayitichi Hawaasa Aanaa Bureetti gurguramee qarshiin isaa Lammiilee keenya Soomaleerraa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif akka oolu Manni murtii Aaanichaa murteesseera.
viidiyoo kunis zayitii qabame agarsiisa

Via: Jawar Mohammed 


 

1 Comment

Comments are closed.