#Oolmaa Mana Murtii Buraayyuu!
Hoogganootni, Qondaalotnii fi Galaalcheessitoonni SBO har’a Amajjii 18, 2020 Mana Murtii Buraayyuutti dhiyaatan torbee har’aa Amajjii 25,2021 tti beellamaan Murtii haqaa dhabanii Mana Hiraarsaarti deebi’an!
Dhugaan moo’ataa dha!
“Abbaan Iyyatu Ollaan Birmata” Oromoo ilmaan kee sagalee dhabaniif sagalee ta’i!

Dubbii Himaa ABO dabalatee miseensonni ABO 10 har’a mana murtiitti dhiyyaatu
[Amajji 18/2020]
Humni waraanaa PP mudde 20/2020 Itti gaafatamaa Waajjira ABO muummicha Gullallee kan tahee fi Dubbii Himaa ABO dabalatee Galaalcheesitoota SBO fi Qondaaltota ABO baayinni isaanii 11 tahan mana jireenyaa isaanii keessaa barii lafaa sa’aatii 6:00am ykn sa’aaatii 12:00 akka itiyoophiyaa irratti homaan waraanaa poolisii magaalaa Finfinnee ,Poolisii humna Addaa Oromiyaa fi Poolisii Federaalaa waliin tahuun mana jireenyaa jiraattota kanaatti cabsuun afaan qawween ukkaamsanii hidhan hanga ammaa sababa tokko malee mana hidhaa Magaalaa Buraayyuutti hidhamanii kan argaman har’a ganama kana mana murtiitti akka dhiyyaatan barameera.
Namoonni dhimma miseensota kanaa hordofuu dandeessan ganama kana mana murtii Godina addaa magaalaa Buraayyuutti hordofuu dandeessu.
1. Jaal Dr Gadaa Oljirraa Ittigaafatamaa Wajjira Muummee ABO kan Gullallee
2. Jaal Mahaammada Raggaasaa Dubbii Himaa ABO
3. Jaal Malkaa Danuu MGS fi galaalchessaa SBO
4. Jaal Ibsaa Gaaddisaa Galaalchessaa SBO
5. Jaal Ayyaantuu Bulchaa Galaalchessituu SBO
6. Jaal Yeroosan Hayyuu(Tashoomee) Itti gaafatamaa Ijaarsa siyaasaa magaalaa Finfinnee
7. Jaal Tumsaa[Asaffaa Fiqaaduu] Qondaala ABO
8. Jaal Gurmuu Ayyaanaa
9. Jaal Geesisaa kumsaa
10. Jaal Leensaa Alii
Namoonni kunneen erga hidhamanii har’a baatii tokko kan fixan tahus badiin isaanii Oromummaa isaaniin sabboontota tahuu qofaan hidhamanii dararamaa jiru.
amichi Yugaandaa waggaa afartama bulchuuf deemu sun, neetwoorkii cufee filannoo geggeeffataa turee?

The composure and bravery of @HEBobiwine is on another level. Here is the moment he was forcibly removed from his vehicle, pepper sprayed, and gunshots fired. This happened during a live press conference with major global media. There was stunned silence. (video: @VanguardAfrica) pic.twitter.com/eZEFmgARbv
— Jeffrey Smith (@Smith_JeffreyT) January 8, 2021