ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa Muddee 6/2017




ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa Muddee 6/2017


Odeessaa

Mudde 6/2017 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Qondaalaa M/B Baamsootti mormiin FXG Qeerroo barattoota Oromoofi uummata Oromoon daran jabaatee itti fufe. Qeerroon barattootni mana baruumsaa sadarkaa 2ffaa fi sadarkaa 1ffaa haala kanaan gaafii mirga Abbaa biyyummaafi hidhamtoonni siyaasaa nuuf haa gadhiifaman, waraanni uummata keenyarratti banamee nurraa haa dhaabbatu jechuun dhiyeeffachuun Gaaffii kanaaf deebiin yeroo gababaa keessatti nuuf kennamuu qaba jechuun sirna bulchiinsa wayyaanee Aanaa Qondaalaa muddanii qabaniru . Akkasumas gaaffii keenyaaf deebiin hanga nuuf deebi’uttiifi gaaffiin barattoota Yuunibarsiitiis deebi argatee gara barbootatti hanga deebi’anitti nutis barnoota keenya addaan kutanii jiraachuu maddeen gabaasaniru.



Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*