ONN:Oduu Amma Nu Gahe Muddee Fi OMN: Oolmaa Oromiyaa fi Haala Calanqoo

ONN: Oduu Amma Nu Gahe  Fi OMN: Oolmaa Oromiyaa fi Haala Calanqoo.

ONN:Oduu Amma Nu Gahe Muddee 11/2017

(SBO/VOL Muddee 11/2017) Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Calanqoo lafaa seenaa, Aradaawwaan Dusee fi Garmmaam jedhaman irratti Waraanni Liyyuu hayilii Somaaleefi Makalaakiyaan Wayyaanee Yakkaa Duguginsa Sanyii (Genocide) uummata Oromoo irraatti gaggeeffameen Lubbuun Ilmaan Oromoo hedduun akka wareegame ifa ta’eejira. Mootummaan Abbaa irree Wayyaaneefi Mootummaan Naannoo Somalee Yakka waraanaa uummata Oromoo irratti banaan itti fufinsaan gaggeessuun lubbuu ilmaan Oromoo barbadeessaa, qe’eefi qabeenyaa irraa buqqisaa duula sanyii balleessuu itti fufinsaan gaggeessa jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa wayita yakki ulfaataan akkasii kun uummatarraatti gaggeeffamaa jiruu tarkaafii uummatarraa ittisuu fudhachuu hanqachuun isaafi Caalatti iyyuu utuu uummaatni Oromoo ifatti guyyaa Saafaa waraanni irratti banamee dhumaa jiruu warra uummata waraanaan fixaa jiran waliin ayyaana Sabaafi sablammootaa jedhee kabajaa jiraachuun yaakkaa uummata Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiruu kanaaf gaafatama jalaa akka hin beene hubachiisa. Guyyaa har’a yakka waraanaa ilmaan Oromoo Harargee Bahaa Calanqoo irratti gaggeeffameen ilmaan Oromoo hedduu Wareegaman keessaa kanneen maqaan adda baafamanii jiran:
1. Haarun Hasan
2. Abdala Isaa
3. Muummee Adamtu
4.Tofiq Abdo
5. Mikaa’el Abdo
6. Abdiisaa Saalii
7. Abbaa Abdi Saalii kanneen jedhama kan keessatti argaman ta’uu ifa ta’ee jira. Yaa uummata Oromoo bakka jirtan hundaa of ittisuufi uummata keenya ittisuuf halkanii guyyaa itti yaadamuu qaba. Uummatni keenya dhumaa jiruuf halkanii guyyaa boqonnaa malee haa dirmannu.
Wareegamtoota keenya Gumaan isaanii Bilisummaa haa ta’u. Maatii fi firoottan isaaniif jajjabina haa kennu,


The following is list of 15 people killed by Agazi in Chalanqo today with their place of birth.
Arra Calanqotti kan wareegaman akka himamutti nama 17 gahuu isaaniiti. Isaan leessaa 15 isaan kana.

Maqaa Wareegamtoota guyyaa arraa Calanqotti wareegaman Ganda itti dhalatan waliin
1, Abdii Saalii Hassan (Duusee)
2, Saalii Hassan Ibroo (Duusee)
3, Abdallaa Isaaq Ibroo (Duusee)
4, Haarun Hassan Ahmed (Duusee)
5, Mikaa’il Abdoo Hassan (Duusee)
6, Muummee Aadam Hassan (Duusee)
7, Toofiq Abdoo Hassan (Duusee)
8, Feesal Isaaq (M/Calanqo) Umrii #10
9, Abdumaalik Ussoo (Gutaa)
10, Saanii Yuuyyaa (Duuyda Elaa)
11, Mohammed Abdallaa (Bakkajjo)
12, Taajuu Yaasuu (Duuyda Elaa)
13, Jaarraa Naasir Aadam (Waleensuu)
14, Mohammed Shaamil shek Mohammed (Duuyda Elaa)
15, Mohammed ykn Awwadaay (Eela habroo)
Namoota Lama yeroodhaaf Maqaan addaan hin baane

Saphaloo Kadiir


OMN: Oolmaa Oromiyaa fi Haala Calanqoo (LIVE) Mud 11, 2017