ONN : SQ ADOOLESSA 11 2019 Ilmaan Oromoo hedduu mooraa leenjii waraanaa

ONN : SQ ADOOLESSA 11 2019 Ilmaan Oromoo hedduu mooraa leenjii waraanaa Xoollayiifi Sanqalleetti guuruun dargaggoota, maanguddootaafi daa’imman hedduu dararaa jiru. Mootummaan OPDO “hiriira balaaleffannaa” jechuun akka uummanni Oromoo ABO baaleffatu gochuurratti argamu. Kanaanis aanaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti hiriira kana dirqamaan uummata baasanii geggeessaa jiru. Godina Wallagga Bahaa keessaa magaalaa Naqamtee fi aanaalee kaan keessaa mootummaan OPDO uummata hidhuufi dararuu jabeessee itti fufeera. Lixa Shaggar magaalaa Amboo fi aanaalee adda addaa keessatti haaluma wal fakkaatuun “isin ABO deeggartu” jechuun nama hidhuun jabaatee itti fufeera. Kibba Lixa Shaggar magaalaa Walisoo keessaa hidhamanii kan turan gariin bakka biraatti geeffamanii gariin murtiin dabaa akka itti darbe gabaafame. Baha Shaggar Aanaa Boosat keessatti qaamni nageenyaa mootummaa “isin Shaneedha” jechuun deeggartoota ABO dararaa jira. Godina Horro Guduruu Wallaggaa keessaa mootummaan sabboontota Oromoo hidhuun gara mooraa leenjii adda addaatti geessaa jira.

1 Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.