ONN : Sagalee Qeerroo Fulbaana 20 2018
Hawaasni Oromoo biyya German wayta simannaa ABO fi WBO gaggeeysan.
Warri haqaa biyya abbaa isaati gale
Odeessaa ONN :Fulbaana 20/2018
Ganama har’aa kan dhimma walitti bu’iinsa Naannoo Buraayyuun wal qabatee kan hidhamee ture komaandeer Seeyfuu bilbilaan hasoofsiiseen ture. Komaandeer Seeyfuu akka naaf himanitti rakkoo dhalatee Qeerroo Oromoo irratti tarkaanfii fudhachuu dhabuun rakkoon nurraa ga’ee jira jechuun sabalamooti Oromoo hin ta’iin waan Feedeeraalatti iyyataniif ajaja komishinii poolisii Oromiyaa komishineer Alamaayyoo Ijiguun hidhamu naaf himee jira. Gabaasaa guutuu duuba dhiyeessina.
Gabaasaa: Raajii Guddaataa