ONN: SAGALEE QEERROO Dhimma qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fi dhimma buqqaatota

ONN LIVE | SAGALEE QEERROO HAGAYYA 14 2019 Dhimma qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fi dhimma buqqaatota ilmaan Oromoo bakka addaa qubsiifamanii jiran irratti

OMN: Oduu Galgalaa ( Hagayya 14- 2019)


Hagayya 14,2019) Dararaan Hidhaa Mootummaan #EPRDF Miseensota#ABO Irraan Gahaa Ture Ammaallee Akkuma Itti Fufetti Jira. Akka kanaan Ji’oota Lamaan dura guyyaa Sooma hiikkaa/Eidl-Fixir maatii isaa dubbisee Iddoo hojii isaatti deebi’aa kan ture Ogeessi Kaameraa/
camera man ONN Jaalataa/Jalaaladdiin Abdulqaadir Godina Wallaggaa Lixaa Ona Begii Magaalaa Begii bakka Qashamaandoo jedhamutti Waraana Mootummaa EPRDFn Kaampii Waraanaatti hidhamuun dararaan hamaan erga irraa gahaa turee booda, Mooraa Waraanaa keessaa baasuun Waajjira Poolisii Onichaatti geessuun ammaan tanas Waraanni Mootummaa biyya bulchaa jiruu dararaa hamaa akka irraan gahaa jiru maddeen dubbataa jiru

Adem Misoma


Yooyyaa! Sagantaan keenya eegaleera!

– Bu’aa qormaata seensa yunivarsitiifi komii jiru…

– ‘Blacklist’ keessa jirta jedhanii na qabani…” – Artist Saalihaa Saamii

– “ Wanta ‘ Blacklist’ jedhamu hin beeknu…”- Ambaasaddar Diinaa Muftii

– Odeessaalee biroo waliin

Dhiyaadhaa!


Artist Saalihaa Saamii Gibtsi buufata xiyyaaraa Kaayirootti hidhamtee sa’a 13 booda gadhiifamte

Artisti Saalihaa Saamii Kaanaadaa irraa gara Itoophiyaa deemuun uummata Walloo qe’ee isaanii irraa yeroo garaagaraa buqqifaman gargaaruuf magaala Finfinneetti konsartii qopheesitee turte.

(bbcafaanoromoo)–Haa tahu malee Finfinnee irraa gara Gibtsitti imalaa osoo jirtuu magaalaa Kaayirootti osoo buufata xiyyaaraatii hin bahiin uggurmauun sa’aatii 14’f hidhamtee gadhiifamuu ishee namoota dhimmicha hordofaa turan irraa iyyaafanneera.

Sababni ittiin hidhamte beekamuu baatus akka yeroodhaan gadhiifamtuuf namoota hedduun kallatii garaagaraan yaalii gochaa turaniiru.

Hayyuun seeraa Ameerikaa jiraatu Heenok Gabbisaa akka gadhiifamtuuf dhiibbaa gochaa turree kunis milkaa’eera jedhe.

”Akkuma isheen gadhiifamteen bilbilaan argadhee dubbiseen ture. Sa’aatii 13 oliif hidhamuu isheefi waan nyaatamuufi dhugamu akka hin arganne natti himtee ture.”

Saalihaan maaliif hidhamte?

Saaliyaan mootummaa amma jiru waliin rakkoo qabdi jedhee hin yaadu kan jedhu Heenook Itoophiyaa nagaadhaan galtee bahuu yoo dandeesse Gibtsiinis nagaan galtee bahuu waan isheen dandeenyeef hin jiru jedhe.

Haa tahu malee, kanaan dura mootummaan duraanii yeroo aangoo aangoorra ture namoota Gibtsi irraa qaxxamuruun imalan qabamanii hidhamuu qaban jedhe galmeessee mootummaa Gibtsiif kan kenneru jira ture.

Saalihaanis yeroo dheeraaf gama aartiinis uummata Oromoof waan baay’ee hojjettee jirti waan taheef tarii galmee kanaan dura qabamuu qabu jedhee mootummaan Itoophiyaa mootummaa Gibtsiif kennee ture sana keessa jiraachuu dandeessi.

Gama biraan ammoo, ”namootni saba biraa ishee hin jaallanne maqaa sobaa biraa itti maxxansanii yeroodhaaf achi keessatti ugguramtee akka turtu gochuu danda’u shakkii jedhun qaba. Kun tarii dhugaa, sobas tahuu danda’a.”

Amma jijjirama biyyatti dhufe jedhamu kana keessa ammoo mootummotni lamaan odeeffannoo kanaan dura ture irratti waan wal hubachiisan natti hin fakkatu.

Amma garuu akka hiikamtuuf Imbaasiin Itoophiyaa Kaayiroo jiru akka gadhiifamtuuf hedduu akka ishee gargaaran natti himteetti jdhe.

”Ambaasaaddaroota dabalatee namootni garaagaraa deeggarsa naaf godhaniiru na jette.”

Imbaasii Itiyoophiyaa

Imbaasiin Itiyoophiyaa Kaayiroo jirus Saalihaa Saamii yeroo gabaabaaf ugguramuu ishee barreessuun marii Imbaasichi qondaaltota Gibtsii dhimmichi isaan ilaallatu waliin taasiseen gadhiifamuu ishee ibseera.

Fuula Feesbuukii Imbaasichaa irratti, Imbaasiin Itiyoophiyaa akka isheen gadhiifamtuuf haala mijeessuu isaaniif mootummaa Gibtsii galateeffateera.

Maatii fi dinqisiifattota ishees baga gammaddan jedheera.

Haatahu malee, Saalihaa Saamii maaliif akka hidhamte bal’inaan gaafachuuf yaallee ishee qunnamuu hin dandeenye.


Naannoon Tigraay qabxii barattoota kutaa 12ffaa irratti komii kaase

Hogganaa Biiroo Barnoota Naannoo Tigraay Dr Injinar G/Masqal Kaahisaay

Naannoon Tigraay qabxii biyyaalessaa barattoota kutaa 12ffaa irratti komii kaasuu isaa Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Tigraay BBC’tti himan.

Hogganaan Biiroo Barnoota Naannichaa Dr Injinar G/Masqal Kaahisaay BBC’tti akka himanitti qormaanni biyyaalessaa yeroo kennamaa turetti ”bakkeewwan biyyattii tokko tokkootti keenninsi qormaataa hanqina qaba” ture jedhan.

Akka hogganaa kanaatti naannoo Tigraayitti yeroo qormaanni kenname naamusa qormaataa hordofeera.

”Haa ta’u malee, naannoolee tokko tokkotti naamusa hin eegne ture,” jechuun qormaataa hatuun akka ture himu.

Hanqina mul’ate jedhan irratti yeroos Ministeera Barnootaaf beeksisanii akka turan dubbatu.

”Komiin naannoo kenyaafi naannolee biraa irraa ka’e osoo deebii hin argatin qabxiin ifa ta’eera. Kanaanis komii qabna,” jedhan.

Duratti Maas Miidiyaan Naannoo Tigraayiifi boodarras Kominikeeshiniin Naannoo Tigraay miidiyaa Tigraay waabeffachuun akka naannichi qabxii gadhiifame hin fudhanne barreessanii turan.

Haa ta’u malee, inni ”Naannoon Tigraay qabxii biyyaalessaa barattoota kutaa 12ffaa hin fudhu” jedhame sirrii miti jechuun Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Tigraay BBC’tti himaniiru.

Daarektarri Olaanaa Eejansii Qormaata Biyyaalessaa Obbo Araayaa G/Igzaaber gama isaaniin qabxii irratti komii isa ka’ef erga qorannoon taasifamee booda deebiin ni kennama jechuun BBC’tti himaniiru.

Qormaati biyyaalessaa kaleessa gadhiifamuun hordofe qabxii qormaata ‘Scholastic Aptitude’ irratti komiin ka’eera.

Barnoota kana irratti komii barattoota, barsiisota akkasumas barsiisota irraa dhufe adda baasuuf koreen hundaa’uu isaa Obbo Araayaan himaniiru.

Qabxiin guddaa barattoota kutaa 12ffaa barana galmaa’e 645 yoo ta’u, lakkoofsi barattoota 600 ol fidanii 59 dha.

Barattoota barana qormaata biyyaalessaa qoramuuf kanneen galmaa’an kuma 322 fi 717 keessaa kuma 319 fi 264 qoramuu isaanii odeeffannoon eejansicha irraa argame ibsa.


#ODUU_AMME!!
Caasaan shoroorkeessaa ABN ofii jedhuu qoorumsaa hachiisisuu isaa mirkaneeffanneerra!
Inniis akka armaan gadii fakkattaa….
Jalqabaa bocklet code isaa wolii fakkeessuun guyyaa qoorumsii eegaluu dursunii jechuu…
1,chemistry nama 1041 100 keessaa 100 naannoo amaarattii.
Naannoo oromiyaa namaa 1 qofa
2,Bilology 3794 100n 100ttii naannoo amarattii.
N/Oromiyaa 26 qofa
3,civic 1439 100n 100ttii N/amaraa
N/oromiyaa 11 qofa.
Manneen barnootaa gochaa kanneen keessaa hirmatanii immoo…
1,hewi zone 49
2,Baahirdar 19
3,east gojam 5
4,matakal 4
5,south gondar 1
6,horo guduru 1
7,wolayita sodo 8
Kanaaf mootummaan dhimmaa kana ariitiin ilaalee qoorumsiichaa haaqsiisuu qaba.

Adem Misoma

የፈተው ችግር መሠረቱ አብይ አህመድ ነው:: ለምን በል; ከትምህርት ሚንስትሩ ጀምሮ እስከ ታችኛው ድረስ የአማራው ነፍጠኛ ልጆችን ሆን ብሎ የመደበው እሱ ነው:: ምክንያቱ ደግሞ ኢትዮዽያን ከፍ ከፍ የሚያደርግና ብሔርተኝነትን (በተለይም ደግሞ የኦሮሞ ብሔርተኝነትን) የሚያቀጭጭ ብሎም የሚያጠፋ የትምህርት ፖሊሲን ለማስፈፀም እንዲመቸው ይደግፉኛል ብሎ የሚያስበው አሚሮችን ስለሆነ ነው::
Faajjii Dhugaa

SBO Hagayya 14, 2019


WBO, 11 Hagayya 2019, 2019) Ajajaan WBO Zoonii Lixaa

umamnni Oromoo hidhannoo isaa jabeeffatee qabsoo bilisummaa Oromoo akka fiixa baasu waamicha godhe. Ajajaan WBO Zoonii Lixaa, Jaal Marroo Dirribaa gaaffii fi deebii gaazexeessaa Dhaabasaa Waaqjiraa waliin godheen haala qabsoon hidhannoo keessatti argamu ibseera.

Humni diinaa ummata Oromoo akka malee gidirsaa jiraachuu kan ibse Jaal Marroon, roorroo keessaa bahuuf warraaqsa kaleessaatti deebi’uun dirqama ta’uu jabeessee hubachiise.

“Namoonni hedduun ‘jijjiiramni fashale’ jedhu. Jijjiiramni duraanuu hin turre,” kan jedhe Jaal Marroon, “waanti hin turre, hin fashalu. Warruma nu ajjeesaa turetu, bakka waljijjiirate; bakka jireenyaa ittiin tolfate,” jechuun haala jiru qeeqeera. Akka Jaal Marroon ibsetti, “jijjiramni kan dhufu, sirnaa fi humna cunqursaa buqqisuuni.”

“Amma akka arginutti..qabsoon gidduutti daguun dhaabbatee ture, Amma sun haroomfamee jira. Warraaqsa kaleessatti deebinee rakkoo nu mudate keessa bahu qabna; hojiin agarsiisuu qabna,” jechuun Ajajaa WBO Zoonii Lixaa, Jaal Marroo Dibbibaa dhaamsa jabaa dabarsee jira.

Guutummaa Gaaffii fi deebichaa toora kana irraa dhaggeeffadha! Dubbisanii Seenaaf kaawwachuun dansa!! Dubbii ajayiba hanga dhumattii dubisi koree geggesitoota abiyi irraa arganne. Gootummaa irraa maayii! Urjicha murataa! Siidaa cichoomina kaayyoo! Bu’uura aantummaa sabaa! Dambalii onnee guutuu! Qabsaa’aa Jaal Marroo/Kumsaa Dirribaa!!!

Guyyaa Haleellaa Xiyyaaraa Begii Irratti boombii roobsan sana ture. Wal ga’ii seena-qabeessa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaatiin durfamuun murtoo jabaa tokko dabarsuun kan goolabame ture. “Loltoota ABO irratti injifannoo barbaadame gonfachuun maaliif dadhabame?” ajandaa wal gahichaa ture. Qondaalonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, hoggansi tika waraanaa fi siivilii akkasumas eksipertoonni duula waraanaa fi tikaa marii sanarratti qooda fudhataniiru.
#Hirmaattonni marichaas kufatii isaaniif sababa kan jedhan nama tokkotti quba isaanii akeekaniiru.

Namni qubni itti akeekamu kunis duukaa bu’aa kumaatamaa, wabii miliyoonotaa, mataa bowwoo cunqursitootaa kan ta’e, gootaa fi kennaa dhaloota ammaa hogganaa WBO Zoonii Lixa Oromiyaa, Jaal Marroo/Kumsaa Dirribaati.
#Hirmaattota keessaa gariin isaanii miira injifatamuu, gaabbii, jibbiinsa sababa hin qabne jabduun akkasumas aarii hadhooftuu dhiiga isaan tufsiiseen Jaal Marroo irratti jibbinsa yoo kabsan mul’ataniiru.

#Nama kana dhabamsiisuu dha_ ee, lafee dugdaa ABO rukutuuf nama kana dhabamsiisuu qabama yaada jedhuun #murtoo seena-qabeessa ta’e irra gahan.
#Boqonnaan marii iiti aanu akkamitti, hoggansa eenyuutiin, tooftaa waraanaa itti opireeshinichi raawwachuu qabutu eegalame. #Koreen tokko duula kana milkeessuuf hundeeffame.
#Koreen kunis Muummicha Ministeeraa Abiy Ahmadiin kan durfamu yoo ta’u ogeessa tika waranaa fi siivilii cimaa ta’e kan hammate ture. Opireeshinni Ameerikaan hoggansa Obaamaatiin birkii CIA Convert Action Wage’n Osamaa Bin Laaden irratti taasifames akka fakkeenyaatti fudhatame.

#Itoophiyaatti hojii basaasaa gama bilbila butuun raawwatamutti Dr Abiy kan gitu W/Sillaasee W/Mikaa’el malee kan hin jirre ta’uun isaa muummichi koricha hogganuuf aangoo qofa osoo hin taane dandeettii fi haamilees kan itti qabu isa taasisa. #Abiy Ahmad bilbila harkaa Jaal Marroo GPS trace or tap taasise. #Jeneraalli waraana Itoophiyaa tokko bilbila Jaal Marrootti bilbile. “Filannoo lama qabda: harka kennuu yokaan du’uu” jechuun doorsisa, akaakeekkachiisaa fi dhaadannoon guutameen itti dubbata.

#Gootichi onneen guutuu kun akkuma yeroo kaanii sirriitti kolfeet, “rakkoon kan furamu mariin malee doorsisaan miti” jedhee deebisa. #Jalqabumayyuu kan bilbilame Jaal Marroon harka akka laatuuf carraa kenniufiif osoo hin taane GPS’n adda baasanii iddoo jiru adda baafamee akka rukutamuuf waan ta’eef hennasuma helikoopterri haleellaa boombii eegale.
#Haleellaa boombii kana booddee deebisee bilbileef. Ajjeefamuu Jaal Marroo mirkaneessuuf ture; sagaluma Jaal Marrootu dhagahame.

#Amanuun isaanitti ulfaate. Oppireeshinni muummicha ministeeraatiin hogganamu, tika waraanaa fi siiviliin deeggaramee hogganaa riphee lolaa tokko irratti qaaxxeffate ni fashale.
#Sabaa himaaleen akka ESAT, OBN, OMN fa’aa dibbee injifannoo rukutuuf jecha qophiirra turani. Ermiyaas Laggasee, Siyyum Tashoomee, Addisuu Araggaa, Taayyee Danda’aa hamma Jawaar Mohaammaditti Oromootti boohicha; diinatti immoo oduu gammachuu himuuf sagalee qarataa turan.

#Garuu , hayyichi saayinsii waraanaa fi ogeessa tikaa fiixa irra jiru; fakkeenya dhaloota har’aa kan ta’e gootichi Jaal Marroon bilbila isaa kan biroo irratti divert godhee fayyadamuun opireeshinicha ‘Yaalii Seena-qabeessa’ akka jerhamu taasise.
Taatee Seena-qabeessa!!