ONN: Hiriirri Mormii guutummaa Oromiyaatti Qeerroo Bilisummaa Oromoon labsamee eegale!

ONN: Amajji 9,2020-Oromiyaa

Hiriirri Mormii guutummaa Oromiyaatti Qeerroo Bilisummaa Oromoon labsamee eegale!

Rakkoo Lixa Oromiyaa Wallagga iratti uummata nagaa Oromoo irra gahaa jiru balaaleffachuuf, akkasuma Bosona Oromiyaa maqaa WBO sababeeffachuun Lixa Oromiyaatti qaama mootummaan gubataa jiru balaaleffachuuf dabalataan rakkoo Komaandi Post’n Kibba Oromiyaa Gujii fi Booranatti geessisaa jiru balaaleffachuudhaaf Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaadannoo “Wallaggatti Bokkaa miti Rasaasaa Roobaa jira; Dumeessi Gujii aara mana Oromoof Foon Oromooti, namaaf mana walitti gubataa jira!” Dhaadannoo jedhuun qophaa’e guyyaa Boruu Jimaata Amajji 10, 2020 labsamee jira.

Labsiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo kun jala bultii irraa eegaluun Sochiin bakkoota hedduutti adeemaa jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira. Uummatni Oromoo walii dirmachuu, wal bira dhaabbachuu fi waliif sagalee ta’uu aadaa taasifate sana bu’ura godhachuun kutaalee Oromiyaa garaa garaatti jala bultii waamicha hiriiraa irratti sochiin roga maraan adeemaa jiraachuu gabaasame.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa Kamisa Amajji 9,2020 magaalaa Harar keessatti hiriirri gaggeeffamaa turuu gabaasaaleen keenya mirkaneessanii jiru.

Kana malees Yuunibarsiitii Odaa Bultum, Yuunibarsiitii Hawwaasaa, Arsii Asallaa fi Gobbaa keessatti har’a Hiriirri guddaan gaggeeffamaa akka jiru gabaafamaa jira. Hiriirri kun duula qindaa’aa Oromoof Oromiyaa dhabamsiisuuf qophaa’e mormuu akka ta’es nuu gabaasaniiru.

Yuunibarsiitii Hara Mayaa keessatti ammoo barattoonni ajjeechaa Oromoo Wallaggaa irra gahaa jiru balaaleffachuun uffata gaddaa waan uffataniif qofa waraana mootummaan ugguramanii mana hidhaa seenuu nuu gabaasanii jiru.

Hiriirri kun guyyaa boruu Jimaata Amajji 10,2020 Qeerroo Bilisummaa Oromoon kutaalee Oromiyaa mara keessatti kan gaggeeffamu ta’uu himamaa jira.


Who say that??


WBO DURATTI!!
GOOTA GAAFA XIIQI
january 8\1\2020″Oduu tarkaanif wbo
guyya har’aa gotichi waraani bilisumma oromoo humna goleesitu abiyii ahmadin hogganamtu godina qellem wallagga aanaa laaloo assaabi iddoo dalaati wanjo jedhamtuti tarkaanif leenci boosona humna diinnarrati fudhateen loltoota diinna 129 yomu ajjessu 276 madoo gochun injjifannoo aja.ibaa galmeseera akkasumas aanaa anfiloo bakka kuuruu jedhamtuti tarkaanif goni fudhateen loltoota diinna 304 yomu ajjessu 198 madoo gochuun injjifannoo ummata oromoo boonsu galmeesse magaalale heddus to.anoo jaal marroo jalati olteti feedhu xayaran feedhu konkolatan yo dhufes wbon wbumaa horaa bulaa injjifannoo kaan umatàa oromooti

WBO WABII OROMOOF OROMIYAA


The Cornutto/ Cundhuura/ OROMO &Neftegna you declared a genocide act against Oromos But you will never ever escape from ICC or by crook or HOOK the Gadaaffi fate!!