ONN: Amajji 15,2020-Lidataa: Olmaa Mana Murtii Lidataa guyyaa har’aa  ilmaan Oromoo mana hiraarsaa Qilnxoof.

ONN: Amajji 15,2020-Lidataa: Olmaa Mana Murtii Lidataa guyyaa har’aa  ilmaan Oromoo mana hiraarsaa Qilnxoof.

Guyyaa har’aa Amajji 15,2020 manni murtii Lidataa ilmaan Oromoo galmes Koloneel Gammachuu Ayyaanaa jalatti himatamaa turan nama 19 irratti beellama guyyaa 9 qabee jiraachuu nuuf himan. Ilmaan Oromoo dabaan hidhamanii jiran kunneen harka Cancalaan hidhamaniin dhaadannoo

“-ABO’n dhaaba keenya!
– OPDO’n waan gabaatti dhiyaatu mara gurgurti! OPDO’n Haadha manaa ishees nii gurgurti!
-Oromoo ajjeesaa Xoophiyaan ijaaramtu hinjirtu!
– Komaand Post Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa irraa haa kaafamu fi rakkoolee Oromoo hedduu irratti” dhaadannoo dhageessifachuu isaanii nuuf gabaasaniiru.

Ilmaan Oromoo kun waggaa tokkoo oliif yakka tokkoon alatti mana hiraarsaa Mayikaalaawwii irraa hanga mana hidhaa Qilinxootti hidhamaanii amma Qilinxoo jiru. Hiraarfamtoonni Oromoo kunneen maqaan isaanii

1, Kiisii Qixxummaa
2, Nimoonaa Injiguu
3, Amaanu’el Beekkataa
4.Biqilaa Damee
5, Fiqiruu Dassee
6, Gadaa Roobaa
7, Biqilaa Garbaa
8, Daawwit Muluu
9, Usmaan Hasan
10, Ungulaa Baqqalaa
11, Lalisaa Fiqaaduu
12, Lammeessaa Taakkalaa
13, Toleeraa Aagaa
14, Abdii Dafaa
15, Carinnat Tafarraa
16, Wadaajoo Malkaamuu
17, Malkaa Wiirtuu
18, Dorombos Cuukkoo
19, Fayyeeraa Mokonnin

Gootota akkanaa haala hammaataa keessatti, bobaa diinaaf harka diinaa keessatti uummata ofiif sagalee ta’an kan qabu Oromoon, isaanif ammoo uummatni sagalee ta’ee akka mana hidhaa irraa baafatu gaafanna! Beellama ilmaan Oromoo kana irratti Oromoonni hedduu argamanii dhaddacha dhaggeeffataniiru

Oromia News Network – ONN


Dhugaa qabda taanaan homtuu sin sodaachisuum dhaadannoo hidhamtoota qilinxoo

Via: Tolii Wallaggaa Nekemte