ONN ADO23’2017 QOPHII ELEMO QALII

ONN ADO23’2017 QOPHII ELEMO QALII


Giinciidhaafi Amboo
Naqamtee fi Najjoo
Arsiidhaafi Baale
Gujii fi salaale
Jalduufi Walisoo
Mandii fi Gullisoo
Booranaaf Mooyyaalee
Jimmaadhaafi Baale
Harargeefi Mattuu
qaanessitan gantuu
hunduu falmaa jira
wal harkaa fudhatee
bineensa Wayyaanees
garaan guggubate
qabsoon itti fufa
tasa hin laaffatu
haleeli diina kee
akka biyyaa baatu
tooftaa jijjiirretu
karaa itti cufna
karuma dandeenyuun
qabsoo itti fufna
Qeerroo jajjabee koo
si’i Abdiin keenya
qalii gumaa baasi
hin fudhatin beenyaa
Eeboo fi gaachanaan
diina ofirraa qoli
jedheen si eebbisa
Injifannoon gali
tokkummaan yoo lolle
diina biyyaa baafna
takkaa lamaan qallee
Faajjii keenya kaafna!!!
============
Waloon: Hidhannoo Gootaa

Via Facebook