Onesmoos Nasiib ykn Abbaa Gammachiis bara 1850 aanaa Hurrumuu

Onesmoos Nasiib ykn Abbaa Gammachiis 

Onesmoos Nasiib ykn Abbaa Gammachiis bara 1850

bara 1850 aanaa Hurrumuu ganda Oggee iddoo Waraggoo jedhamutti dhalatee umurii waggaa 4ti fudhatamee yeroo 8gurgurame.
Onesmoos carraa Barnootaa argatee bara 1876 biyya Suwidiin Istolokhomitti egamee ogummaa mukaa, barsiisummaa fi wangeela lallabuu waggaa 5f baratee Dipiloomaan eebbifamaa.
yeroo afaan oromoon barrsseeuun yakka ta’etti kitaaba 7 kan barreesse, kan hiike fi kan maxxansedha.
bara 1930 otoo hojii hojjetuu Magaala Naqamteetti boqote.
siidaan isaa Hurrumuu, Naqamtee, Finfinnee dhaabbatee jira.
Seenaa kana dhalootatti dabarsuuf siidaa fi Dallas isaaa haaromsuun hawwata turizimii gochuu, Gamoo Abbaa darbii 2 ijaaruun seenaa A/Gammachiis dhaloonni akka beeku gochuuf jalqabameera.
warri seenaan kun isiniif gale deeggara, qoradhaa,walhubachiisaa

Via/FB

Seenaa gabaabaa ONESMOOS NASIIB (Hiikaa)

namoota bebbeekamoo Oromoon qabaatanii dhaban keessaa nama tokko.
Namni kun bara jireenya isaa
keessatti waan yeroo hunda maqaa isa dhoofsisuu fi sabni isaa itti tajaajilaman kaa’ee nama
darbeedha.

Kanumaa HiikaaN eenyu inni, bara jireenya isaattoo Oromoof maal godhe? Barreeffamni kun deebisa qabateera.

Hiikaan bara 1856 biyya
Oromoo kutaa Iluu-Abbaabor
keessatti dhalate. Abbaa fi haati
isaa horii horsiisuun jiraatu turan.
Hiikaan isaa waggaa afurii abbaan
isaa irraa waan du’eef obbolaa isaa lamaan hafan waliin kunuunsa haadha isaan jiraata ture. Garuu utuu fagoo hin turin gaaf tokko namoonni hidhannoo lolaa qaban bakka Hiikaan haadhaa fi obboleyyan isaa lamaan waliin loon tikfatan dhaquun namoota biroo Hiikaafaa waliin turan erga ajjeessaniin booda Hiikaa fi obboleyyan isaa haadha isaanii harkaa butatanii fudhatan. Haati Hiikaa u..uuu..uuu… jette. Na jajjeestan malee ijoollee koo na harkaa hin fudhattan jettee iyyite.
Garuu jarri iyyaa fi bo’icha isheef
bakka hin laanneef. Hiikaa
harkaa butatanii deeman. Guyyaa
sanaa ka’ees Hiikaan ni garboome.
Maqaan isaas jijjiiramee Nasiib
jedhame.

Namtichi jalqabaaf isa bitates yeroo gabaaf erga of bira turseen booda Hiikaan boo’ee, waan rakkiseef qaamaa fi qalbiin erga darareen booda dabarsee gurgurate.

Hiikaan haala akkasiin yeroo
torbaffaaf gurgurame. Inni
torbaffaatti bitates naannoo jiru
irraa fagaatee Mitswaa bakka
jedhamutti fudhatee gale. Namtichi kunis amalaan nama baayyee gara jabeessa ture. Hiikaan harka nama kanaa keessatti baayyee miidhame,
reebamee hidhameeras. Guyyaa
tokko manaa ba’ee magaalaa
dhaqee achitti nama adii( Faranjii)
arge. Battalumatti waan namtichi
isa bitatee jiru ittiin jedhe sammuu isaa keessatti balaqqise. “biyya kana bulguun foon namaa
nyaatutu jiraa of eeggadhu. Yoo ati hammaatte yookaan baduu yaalte isattan si gurgura” kaninni jedhu.
Hiikaan sana dura nama adii argee
waan hin beekneef bulguun nama
nyaatu sun isa kana jedhee yaade.
Jireenya akka sanaa jiraachuurras
bulguu sanaan nyaatamee
boqochuu hawwe.

Hiikaan ammas yeroo saddettaffaaf gabaatti dhihaatee, Faranjii Bulguudha jedhamee itti himamaa ture sanatti gurgurame. Yeroo sanatti hiikaan yeroo jalqabaaf jireenya isaatti abdii kutate. Utuu biyya isaatti deebi’ee haadhaa fi obboleyyan isaa hin argin du’atti akka dhihaate itti mul’ate.

Namni marroo dhumaaf isa bite Itti aanaa Qonsilaa Embassy Faransay kan ta’e nama Vener Musinger jedhamu yoo ta’u yeroon isaas baatii Onkololessaa 1870 ture. Akka Hiikaan tilmaametti Musinger Hiikaa qalatee nyaachuuf kan bite
osoo hin taane bilisa baasuuf ture.
Battalumattis mana barumsaa
warra Misiyoonii Sweden galche.

Hiikaanis Carraa isa mudate kanatti guddaa gammadee haamilee guutuun waan barateef barnoota isaatti jabaa ta’e. Bitootessa 31, 1872ttis Cuubame. Maqaan isaas jijjiiramee Onesmos jedhame.
Onesmos jechuun afaan Girkiin
waan fayidaa qabu jechuudha.

Onesmos luba isa barsiisee isa
cuube Lundihaal biratti kabajaa fi
jaalala guddaa horate. Yeroo
kanatti yeroo jalqabaaf gara
biyya dhaloota isaatti deebi’ee warra isaa barbaaduu kan jedhu yaadni itti dhufe. Kadhannaan isaas “…yaa Waaq! yoom biyya abbaa kootti na deebistee warra koon wal na agarsiifta kan jedhu ture. Garuu akka inni yaadutti osoo hin taane biyya Sweden deemee barnoota isaa akka itti fufu kan jedhu qajeelfamni itti dhufe. Diduu hin danda’u. Waxabajjii 25 bara 1876tti
biyya Sweden magaalaa Stockholm gahe.
Afaan Sweden baruun yeroo
itti hin fudhanne. Waggaa shan
keessatti barnoota Amantii baratee xumure. Sana booda hawwii isaa duraa kan biyya Oromootti deebi’uu jedhu sana dhugoomsuuf 1881tti gara Sudan dhaqee achirraan Mitsuwaatti deebi’e.

Amma yaadni biraan sammuu isaa
cinqee qabuu jalqabe, maatii isaa
arguu osoo hin taane wangeela ofii baratee jireenya barabaraa ittiin abdate sana saba Oromoo waanjoo garbummaa jala jiran sanaan ga’uu ture. Kanaafuu Macaafa qulqulluu gara afaan Oromootti hiikee maxxansiise. Kitaabota aadaa fi ogbarruu afaan Oromoos afaan Oromoon barreessee ogbarruu afaan Oromoof bu’uura lafa kaa’e.
Sana boodas Onesmos Akka
yaadettis salphaatti lafa Oromoo
ga’uu baatellee dhuma irratti saba
Oromoo bira ga’ee misiraachoo
wangeelaa kana itti himuu
danda’eera.