OMN: Waamicha Mormii fi Ibsa OPDO (LIVE) Gur 10, 2018

OMN: Waamicha Mormii fi Ibsa OPDO (LIVE) Gur 10, 2018


Guraandhala 10/2018 Miseensonni Koree Furmaata Barbaadduu Hordoftoota Amantaa Muslimaa Dookumentii (guca) dhiifamaa “Nuti Shororkeessitoota turre” jedhanii irratti mallatteessanii akka bahaniif dhiyaateef kan didan tahuun beekame.
🚨Ustaaz Ahmaddiin Jabal dabalatee miseensonni Koree furmaata barbaadduu Hordoftoota Amantaa Muslimaa afran mana hidhaa keessatti hafan dookumentii (guca) dhiifamaa mootummaa wayyaanee gaafatani akka bahaniif irratti mallatteessan mootummaan wayyaanee dhiyeesseef hin fudhannu jechuun kuffisan.
Uummatni Bilisummaa hin qabne mirga amantaa hin qabu. Koreen furmaata barbaadduu amantaa muslimaa balleessaa tokko malee mirga amantaa isaanii bilisaan hordofuu sarbamuun hidhaatti darbamanii hiraarfamaa jiraniifi hidhamtootni Siyaasaa Oromok hundi haalduree tokko malee haa hiikkaman. Mootummaan abbaa irree wayyaanee mirga uumamaafi mirgoota dimookiraasii uummata keenyaa sarbee waggoota 27 lakkawwachaa jira kanaafuu hordoftootni amantaa hundaa keessatti argamtaan Sochii warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG roga hundaan finiinsaa jirru bakka jirtan hundaa nu cina akka dhaabbattani mootummaa garboomsa kanatti xummura goonee bilisummaafi walabummaa keenya mirkaneeffannuuf Qeerroon bilisummaa dhaamsa dabarse.