OMN: Ibsa ABO Haala Yeroo Irratti (Guraandhala, 14, 2020)

Above Single Post

OMN: Ibsa ABO Haala Yeroo Irratti (Guraandhala, 14, 2020)


(SBO Guraandhala 14,2020)
Ibsa Gaazexaa
Adda Bilisummaa Oromoo Irraa

Hidhaan Jumlaa (Mass – Arrest),

Ajjeechaan Namoota Meesha-maleeyyii,
Ummata Addaa Qoodanii Tajaajila Qunnamtii Irraa Kutuun,
Barattoota Addaan Qoodanii Barnoota Irraa Arhuun,
Bulchiinsi Waraanaa (Command Post) fi
Walumaagala Hacuuccaan Siyaasaa Jal-bultii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa Kan Bara 2020tti Oromiyaa Irratti Babal’achaa Jiru Guddoo Nu Yaaddessa !

Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa Itoophiyaa wajjiin waliigaltee araaraa irra gahuudhaan biyya tana keessatti Bilisummaa Ummatootaa fi ijaarsa sirna dimokiraasii dhugoomsuuf sochii siyaasaa karaa nagaa erga jalqabee waggaa tokkoo fi baatii 5 tahee jira. Erga waraqaa ragaa seera-qabeessummaa Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa irraa argatee garuu reefuu baatii 3 guuta. Yeroo dabarsine kana keessatti gama mootummaa fi Paartii biyya bulchuutiin dhiibbaaleen siyaasaa hin barbaachisne nu irra gahaa turuu yeroo adda addaatti sagalee keenya dhageessifachaa turuun keenya ni yaadatama. Kanuma waliin dhiibbaa bifa gara garaatiin nu irra gahaa ture hundaa obsaa fi bilchinaan qabnee mootummaa fi paartii biyya bulchus tahe qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin mariidhaan furmaata itti barbaadaa as geenyee jirra. Rakkinoota siyaasaa jiraniif furmaata irra wayyaa tahuu kan danda’u filannoo haqaa fi dimokiraatawaa kan Ummatootni bilisa tahanii bakka bu’oota isaanii sadarkaa hundaa itti filatan gaggeessuu dha jennee waan amannuuf Filannoon Biyyoolessaa Itoophiyaa kan bara 2020 inni fuula keenya dura jiru filannoo akkasii akka tahuuf qooda gama keenyaa bahachuuf hojjechaa jirra.

Akkuma beekamu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaatis Filannoo bara kana gaggeeffamuuf jiruuf tartiibaa fi sagantaa yeroo hojiileen filannoo kanaa itti xumuramuu qaban (Election Time Table) ifa godhee jira. Yeroo saganteeffame kana keessatti qophii nu irraa eegamu hunda xumurannee Filannoo kanatti hirmaachuuf gama keenyaan waan gochuu qabnu hundaa gochaa kan jiru tahu illee rakkoon gama mootummaatiin miseensotaa fi deggertoota keenya irra geessifamu garuu guyyaa irraa guyyaatti hammaachaa fi dabalaa deemuutti jira.

Rakkinoota nu mudachaa jiran gabaabsinee (walitti cuunfinee) yoo keenye:
1. Godinoota Oromiyaa kanneen akka Qellem Wallaggaa, Lixa Wallaggaa, Horro-Guduruu Wallaggaa, Baha Wallaggaa, Baha Gujii, Lixa Gujii, Boorana, Buunoo-Beddellee, fi Iluu Abbaa Booraatti Ummatni keenya yeroo waggaa tokko caaluuf Bulchiinsa Waraanaa (Command Post) seeraan hin labsamin jala jira.

2. Lafoota bulchiinsa waraanaa (Command Post) jala jiran kana hundattuu bilisummaan sochii mirgi lammiilee daangeffamaa tahuutti dabalee Godinoota akka Qellem Wallaggaa, Lixa Wallaggaa fi Godinoota Gujii lamaan keessatti lola sababa godhachuudhaan ajjeechaan, hidhaan, saaminsi, manaa fi qabeenya ummataa gubuu fi balleessuun … fi kkf. lammiilee nagaa (meesha – maleeyyii) irratti gaggeessuun kan yeroo kamuu caalaa hammaatee jireenya Ummata keenyaa gidiraa hamaa keessa galchee jira. Hundaa olitti ammoo Godinoota lamaan Qellem Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa irraa mootummaan tajaajila qunnamtii akka telefoonaa fi interneetii guutummaatti erga kutee baatii 1 fi walakkaa caalee waan jiruuf yeroo kana keessatti waan naannoo sanatti tahaa jiru beekuun dadhabamee jira. (Dhimma kana ilaalchisuudhaan jalqaba baatii kanaa gaafa Gurraandhala 1 2020 Ibsa baasuun keenya ni yaadatama) Haa tahu malee haalli sun ammas akkuma itti fufetti jira. Yeroo ammaa kanatti ammoo rakkinni tajaajila qunnamtii akka internet Ummata irraa kutuu lafoota Finfinnee irraa gama Dhihaa jiran hedduutti babal’achaa jira.

3. Rakkinni Command Post haala kanaan osoo jiruu, dhiheenya kana ammoo Godinoota Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti sababaa nuti hin beekneen hidhaan jumlaa (mass – arrest) miseensotaa fi deggertoota Dhaaba keenyaa irratti bal’inaan gaggeeffamuu eegalee jira. Qaamni hidhaa jumlaa kana gaggeessaa jiru Poolisii Oromiyaa tahuunis beekamee jira. Hidhaan jumlaa kun bal’inaan kan itti hammaachaa jiru lafoota Godina Addaa Naannawa Finfinnee jedhamuun beekaman keessatti tahuunis hubatamee jira. Akka kanaan torban tokkoo asitti qofa miseensotaa fi deggertoota keenya kanneen bakkoota addaa addaa (Godinoota Oromiyaa 7 fi Onootaa fi Bulchiinsa Magaalaa 26) irraa jumlaadhaan hidhaman keessaa yoo xiqqaate kan odeessi isaanii hanga ammaatti nu dhaqqabe lakkoofsaan namoota 350 caalan oggaa tahan isaan keessaa kanneen hanga ammaatti tarrisa maqaa isaanii arganne namootni 174 kanneen armaan gadii tahu:

I. Godina Addaa Naannawaa Finfinnee
Sabbataa Irraa:
Namootni 56 hidhamuu kan mirkaneeffanne oggaa tahu kan maqaa isaanii arganne
1) Obboo Caalaa Sardaa Manguddoo biyyaa
2) Obboo Tashoomaa Biqilaa Manguddoo biyyaa
3) Obboo Angaasaa Garasuu Manguddoo biyyaa
4) Tasfaa Sanbataa
5) Yooseef Yaadataa
6) Sabboonaa Baay’isaa
7) Hamad Nuur-Amaan
8) Dajanee Geetaachoo
9) Taarikuu Abbabaa
10) Abeebee Disaasaa
11) Abdii Raggaasaa
12) Gadaa Asaffaa
13) Bayyanaa Garramuu
14) Saajiin Miidhagsaa
15) Abdii Heebanuu
16) Ibraahim Alii
17) Rabbirraa Dabaree
18) Sanyii Kumsaa
19) Falmataa Kumsaa
20) Bayaan Jamaal
21) Abarraa Baqqalaa
22) Wandimmuu Tashoomee
23) Biraanuu Bookaa
24) Misgaanuu Galataa
25) Sanyii Asaffaa
26) Caalaa Garramuu
27) Dabalaa Birraatuu
28) Nuuree Mohaammad
29) Guutaa Magarsaa
30) Guutaa Sabbooqaa
Buraayyu Irraa:
Namootni hidhaman lakkoofsaan 150 ol oggaa tahan kan maqaan isaanii nu dhaqqabe
1) Hiikaa Bulchaa Dabballee Waajjira ABO
2) Malkaamuu Gammachuu Barsiisaa
3) Nimoonaa Shaafii
4) Qabbannaa Ittafaa Mana cufsiisanii Maatii waliin hidhan
5) Yaadasaa Gabbisaa
6) Kadir Tolasaa
7) Tamaam Mohaammad
Xaafoo Irraa:
Namoota 24 hidhamuu mirkaneeffanne keessaa maqaan namootaa arganne
1) Abiriish Shaafii
2) Efireem Amboosaa
3) Jaallataa Tolosaa
4) Abbayyaa Bojaa
5) Barsiisaa Abdii
6) Jigsaa
7) Moosisaa
Magaalaa Caancoo Irraa:
Namootni hidhaman hedduu tahanis maqaan ammaaf arganne
1) Girmaa Nagaasaa
2) Darrabaa Gizaw
3) Asaffaa Nagaasaa
4) Gaaddisaa Adaree

II. Godina Lixa Shawaa
Magaalaa Amboo Irraa:
Namoota hidhaman keessaa kan maqaan nu dhaqqabe
1) Barsiisaa Tasammaa Hambisaa
Calliyaa Irraa:
1) Taammiruu Alamaayyoo
2) Dalasaa Abarraa
3) Baqqalaa Gaashuu
4) Biqilaa Addunyaa
5) Dirribaa Amanuu
6) Gaashuu Furdoosaa
7) Addunyaa Biraanuu
Baakkoo Tibbee Irraa:
1) Fiqaaduu Taaddasaa
2) Yaared Diruu
3) Isheetuu Addunyaa
4) Gaaddisaa Guutamaa
Ginci Irraa:
1) Sanyii Girmaa
2) Waaqumaa Kamiil
3) Lataa Kabbadaa
4) Lammii Tuujjoo
5) Baay’isaa
Cobii Irraa:
1) Leensaa Kabbadaa
2) Caalaa Abdtaa
Ada’aa Bargaa Irraa:
1) Baatiree Tasfaayee
2) Mokonnon Alamuu
3) Kuubaa Gammadaa
4) Daani’eel Mokonnon
5) Tasfaayee Dibaabaa
6) Baqqalaa Dibaabaa
7) Araarsaa Dachaasaa
8) Darajjee Tolosaa
9) Diinaraas
10) Mangistuu
11) Asaamminoo Asaffaa
12) Amaan Badhaadhaaa
Jaldu Irraa:
1) Kabbadaa Irkoo Barsiisaa
2) Tashoomaa Hordofaa >>>
3) Toleeraa Caalaa >>>
4) Dajanee Moosisaa >>>
5) Ayinaalem Lammaa >>>
Daannoo Irraa:
1) Gammadaa Tashoomaa Barreessaa Waajjira ABO
2) Tasfaayee Hordofaa Miseensa
3) Hacaaluu Goobanaa

III. Godina Kaaba Shawaa
Dagam Irraa:
1) Tokkummaa Gabbisaa
2) Abdiisaa Gaarii
3) Tashoomaa Nagaasaa
4) Dabalaa Fayyisaa
5) Fiqaaduu
Ejeree Irraa:
Namootni 17 hidhamuu mirkaneeffannus maqaan isaanii nu hin dhaqqabne.
Abuunaa Gindabarat Irraa:
Namootni 5 hidhamuu mirkaneeffannus maqaan isaanii nu hin dhaqqabne.

IV. Godina Horroo-Guduruu Wallaggaa
Amuuru Irraa:
1) Barsiisaa Tasfaa Toleeraa
2) Asaffaa Waaqjiraa
3) Mallasaa Indaalee
4) Jaarsoo Alamuu
5) Fiqaaduu Hulluuqaa
6) Dasoo Toleeraa
7) Biqilaa Abdiisaa
8) Ayyalaa Gammachuu
9) Habtuu Abdiisaa
10) Likkaasaa Gannatii
11) Kaffaalee Abdiisaa
12) Taakkalaa Nagaasaa
13) Baabbee Dhinsaa
Abbaay Coomman Irraa:
1) Gaaddisaa Hordofaa
2) Dastaa Dajanee
3) Geetuu Kabbadaa
4) Baay’isaa Guddallee Reebicha hamaan kan miidhame

V. Godina Iluu Abbaa Booraa
Daarimu Irraa:
1) Caarbosaa Kabbadaa
2) Massaa Molee
3) Ajiiboo Daawud
4) Tafarii Takkaaliny
5) Bakiir Umar
6) Lijaabuu Musxafaa
Yunivarsitii Mattuu Irraa:
1) Boonsaa Kumarraa
2) Abbayyaa Alamuu
3) Ebbaa Addaamuu
4) Anuwaar Suufiyaan
5) Kuuniis Muktaar
6) Abduuba Garbichaa
7) Ibsaa Muusaa
8) Alii Hajii Jaarsoo
9) Guyyoo Jaarsoo
10) Nuuraddin Suufiyaan
Buree Irraa:
1) Siinan Huseen
2) Amaanu’eel Bulii
3) Lalisaa Amanuu
4) Naa’ol Adaanee
5) Firaa’ol Adaanee
6) Mintesinoot Abbebe
7) Ashannaafii Tsaggaayee
8) Anasoo Ibiraahiim
9) Tamasgeen Gabayyoo
Haluu fi Noophaa Irraa:
1) Barsiisaa Fantaa
2) Subaaloo Geetaachew
3) Muluqan Tasfaayee
4) Firaa’ol Darajjee
5) Indaalee Zawudee
6) Andu’aalem Gazzaany
7) Warquu Xilaahuun
8) Lalisaa Bafqaaduu
9) Daani’eel Taaddasaa
10) Malkaamuu Rattaa
Magaalaa Mattuu Irraa:
Namoota hidhaman keessaa kan maqaan nu dhaqqabe
1) Barsiisaa Daagim Warqinee Barreessaa waajjira ABO Mattuu

VI. Godina Baalee
Magaalaa Roobee Irraa:
1) Abdii Mohaammad
2) Jeettii Huseen
3) Leencoo Jawaaroo
Dalloo Mannaa Irraa:
1) Hasan Mohaammad
2) Aliyyii Mohaammad Haajii
3) Jibiriil Waatoo
4) Abdushakuur Maallim
5) Huseen Sheek Ahmad
6) Abduu Mohaammad-Huseen
7) Kamiil Abubakar
8) Aadde Istuu

VII. Godina Lixa Harargee Irraa:
Ona Gammachiis Irraa:
1) Kadiir Huseen
2) Bilisummaa Ahmed
3) Jaafar Abdoo
4) Idiris Shamaxee
5) Jaafar Huseen
6) Jamaal Nuuraa Indiree G/Waajjira ABO
Odaa Bultum Irraa:
1) Aadde Shaashii Saadiqoo
2) Abdoo Siraaj I/A/Waajjira ABO
3) Heeydaraa Ahmed
4) Marshaa Indaalaa
5) Ziyaadoo Saanii
6) Obsaa Nuuree
Doobbaa Irraa:
1) Abdallaa Ahmad
2) Magarsaa Mohammad
3) Muusaa Mohammad
4) Toofiq Aliyyii Abdii
5) Kadir Rashiid
6) Qaasim Umaree

Kana malees:
Godina Lixa Harargee Ona Doobbaa magaalaa Biyyoo Karaabaatti Gaafa 10/02/2020tti Poolisootni Oromiyaa dargaggoota hedduu jumlaan reebuudhaan miidhaa gurguddaa irraan gahanii jiran. Waajjira ABO kan magaalaa kanaatis cufanii jiran.

Odeeffannoon kun deggertoota, miseensotaa fi qondaalota Dhaaba keenyaa kanneen duraan Finfinnee fi iddoo adda addaatti hidhamanii jiran hin dabalatu. Rakkina kanaaf furmaata barbaaduuf yeroo adda addaatti boordii filannoo biyyoolessaa Itoophiyaa xalayaadhaan beeksisuutti dabalee qaamota mootummaa dhimmi ilaalu waliinis waltajjiilee carraan itti argame hundatti wal hubannoo feesisu uumuuf gama keenyaan of qusannee hin beeknu.

Yeroo ammaa kan jal-bultii filannoo biyyoolessaa kan bara 2020 irra jirrutti Oromiyaa keessaatti rakkinootni turan furamanii haalli nageenyaa fi bilisummaan sochii humnoota siyaasaas tahe kan lammiilee hundaa wayyoomina agarsiisaa deemuun hafee daranumaa hammaachaa deemee sadarkaa kana gahuun isaa yaaddoo guddaa nutti bulchee jira.

Waan taheef, ammas osoo abdii hin kutanne irra deddeebinee gaafatamni guddaan kan irra jiru mootummaan rakkina kana babal’isuu dhiisee furmaata itti barbaaduuf akka hojjetu jabeessinee gaafanna. Kanaaf akka gargaaruufis:

1. Hidhaan jumlaa kun hatattamaan akka dhaabbatu.
2. Kanneen hidhamanii jiran hundi mirgi isaanii kabajameefii hatattamaanii fi karaa haqa-qabeessa taheen murtii seeraa akka argatan.
3. Tajaajilli qunnamtii yeroo dheeraaf muramee wal qunnamtiin Ummataa dhabamuun Ummata dheekkamsiisee miira aariitiin gara hin feesisnetti dhiibuu waan danda’uuf tajaajilli qunnamtii murame dafee akka bakkatti deebi’u,
4. Bulchiinsi Waraanaa (Command Post) seeraan hin labsaminii fi yeroon itti xumuramus hin beekamne Ummata keenya gidiraa hamaaf saaxilee waan jiruuf hatattamaan akka kaafamuu fi ajjeechaan lammiilee nagaa (meesh-maleeyyii) irratti gaggeeffamaa jiru hatattamaan akka Ummata keenya irraa dhaabbatu.
5. Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa kallattiidhaan gaafatama Filannoo Biyyoolessaa itti deemnu kana fiixaan baasuu waan qabuuf haala gufachiisaa jal-bultii filannichaatti mul’achaa jiru kana qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin hojjetee furmaata argamsiisuuf gaafatama isaa akka bahatu gaafanna.
6. Komishiniin mirga dhala namaa Itoophiyaa dhiittaa mirga dhala namaa Oromiyaa keessatti bal’inaan gaggeeffamaa jiru kana hordofuudhaan gabaasaa barbaachisu dhiheessuutti akka hin jirre argaa jirra. Qaamni kunis gaafatama isaa bahachuu akka qabu yaadachiisna.
7. Mootummootni aangawoo fi kanneen waahillan Itoophiyaa warri dimokiraasiin biyya kana keessatti akka lafa qabatuuf tin’isa adda addaa gochaa jiran haalli Itoophiyaa keessatti deemaa jiru kan karaa irraa jallatee fi faallaa dimokiraasii waan taheef mootummaa Itoophiyaa gorsuu fi dhiibbaa ijaaraa feesisu hunda gochuudhaan haalli kun akka sirrattu taasisuuf gahee isaanii akka bahatan yaadachiisna.
8. Komishiniin sadarkaa Afrikaatti qabaa mirgoota dhala namaa fi Ummatootaa hordofu (African Commission on Human and People’s Right) akkuma biyyoota Afrikaa biroo irratti hordoffii taasisu adeemsa faallaa dimokiraasii Itoophiyaa keessatti babal’achaa jiru kana hordofuudhaan akka gabaasuu fi qooda isa irraa eegamu akka bahatu yaadachiisna.
9. Mootummaan Itoophiyaa haala karaa irraa jallatee biyyattii gara hin taanetti dhiibaa jiru kana osoo tohannoodhaa ala hin baane tarkaanfiin sirreessaa akka fudhatamuuf irra deebi’ee keessaa ofii akka ilaalu. Rakkinni jiru kamuu qaamota dhimmi ilaalu hunda haala hirmaachiseen mariidhaan furmaata akka argatuufis akka haala mijeessu cimsinee gaafanna.
10. Oromiyaattis tahe guutuu biyyaatti nageenyaa fi tasgabbiin uumamee Filannoo biyyoolessaa kan bara 2020 fuul-dura keenya jiru irratti Ummatootni bilisa tahanii bakka bu’oota isaanii filachuudhaan mootummaan Ummataa akka hundeeffamuuf mootummaa aangoo irra jiru dabalatee kanneen dhimmi ilaalu hundi gaafatama keenya akka bahannu waamicha goona.

Qaamotni adda addaa kanneen rakkinoota mul’atan kana hubachiisuu fi furmaata argamsiisuu keessatti qooda kennuu danda’an (Dhaabbattootni mirga dhala namaaf falman kan olitti maqaa dhawamanii kan kanneen biroos, miidiyaalee fi gaazexeessitootni, namootni fi qaamotni dhiibbaa ijaaraa gochuu danda’an) hundi haala kana fardeessanii akka jala bu’anii fi karaa ijaaraa taheen gahee isaanii akka bahatanis cimsinee gaafanna. Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin rakkinoonti jiran hundi furmaata waaraa akka argataniif waan isa irraa eegamu hunda kan godhu tahuu mirkaneessina.

Injifannoo Ummata Bal’aaf !

Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 14, 2020

Sagalee Bilisummaa Oromoo

SBO – Gurraandhala 14,2020] Haala yeroo irratti Ibsa Gaazexaa ABOn kennaa jiru

[SBO – Gurraandhala 13,2020] Hidhaa Buraayyuu fi naannoo sana keessatti ilmaan Oromoo irratti deemaa jiru ilaalchisee gaaffii fi deebii godhame

Below Single Post

1 Comment

  1. Dabaafi jeequmssa, dararaaf ajjechaa ummata keenyaratti mootummaa Itoophiyaatin raawachaa jiru ibsuu keessanif galata gudda qabdu, galatooma. Haata’u malee ibsa kana maalif qofa kessan kennuf dirqamtani ? Dhaabooleen siyaasa Oromoo kan akka KFO fi PBO eessa jiru ? Maalif ibsa kana waliin baasu dadhabddani ? Ummati keenya tokko nuuf ta’a jedhe yeroo isin gaafata jirutti isin ammoo walin ibsa kennuun/baasun maaliif ulfaata ykn cimaa ta’e lata ? Baayee nama gaddisisa. Haata’u malee ammas waliin dhaabachuun nidandda’ama. Kanaaf MAALoo/ADARAA waliin hojjedha/waliin dhabadha. Tokkummaa Oromoo cimsuf ykn jabeessuf tokkumaan jarmiyaa siyaasa murtessa waan ta’eef adaraa hatattamaan irratti hojjedha. Ummata dammaqeef boonaa ofcinaa waan qabdaniif jabaadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.