OMN: GRD Mudde 8, 2018

OMN: GRD Mudde 8, 2018


KUFAATII HOOGGANSA BIYYOOLESSAA OROMIYAA: MAALTU MALA? (Kutaa 2)

Gaafa Roobii, Muddee 5 Kutaa 1ffaa baruu kanaa maxxanseen ture. Barruu gabaabduu gaafa Roobii maxxanse sana keessatti qorichi kufaatii hooggansa biyyoolessaa Oromiyaa keessatti mul’atee uummata keenya joonjee keessa galchaa jiruuf qorichi tokkichi uummanni keenya qabu #Qeerroo qofaa akka ta’e ibsuuf yaaleen ture. Sababota kanneen mata-duree xixiqqoo shan jalatti qindeessee dhiyeessuuf yaaleen ture: 1. #Qeerroon aangoo mooraalii (moral authority) qabaachuu isaa; 2. #Qeerroon humna tokkummaa ta’uu isaa; 3. #Qeerroon amaloota hooggansa siyaasaa haala yeroo waliin walsimatan hunda humna qabu ta’uu isaa; 4. #Qeerroon “territorial integrity’ Oromiyaa eeguuf humna akka qabu agarsiisuu isaa; 5. #Qeerroon lubbuu Oromootaa blaa jala jiru baraaruuf humna qabaachuu isaa. Xumura maxxansa Kutaa 1 sana keessatti akkamitti akka #Qeerroon hooggansa biyyoolessaa ta’ee ba’uu danda’u Kutaa 2ffaadhaan qabadhee deebi’uuf dubbadheen xumure ture.

Karaan tokkichi ittiin #Qeerroon hooggansa hunda-hammataa fi jabaa uummata Oromoo ta’ee ba’uu danda’u inni guddaan hatattamaan ofitti-amanamummaa ijaarrachuudha. #Qeerroon kana booda qabsaa’ee wareegama kaffaluu qofaaf osoo hintaane hooggansa biyyoolessaa kennuuf humnaa fi muuxannoo ga’aa akka qabu beekuutu irraa eegama. Ebla 2014 irraa kaasee #Qeerroon gargaarsa mala hooggansaa biyya alaa irraa bifa garagaraan kennamaafii ture fayyadamee qabsaa’aa turus adda-durummaadhaan hooggansa kennaa kanture isuma mataa isaati. Kan odeeffannoo funaanu, kan buufataa fi saaphana humna diinaa sakatta’ee tooftaa baasu, kan mala qabsoo murteessu, dheerinaa fi gabaabina mala qabsoo kan murteessu, qabsoon Oromoo naamusaan akka beekamuuf ofii miidhamee kan uummata ittisu, kan diina hidhatetti fuullaan itti ba’e #Qeerroo malee eenyullee miti. Hooggansi kana caale hinjiru. Garaagarummaa keessoo bifa-danneessaa Oromoo keessa jiru kan diinni baroota hedduuf dhimma ittiba’ee qabsoo uummata Oromoo maseensaa ba’e deebi’ee diinaaf akka galtee hintaanetti mala dhayee kan hojii irra oolche #Qeerroodha. Paartileen siyaasaa Oromoo afaaniin tokkummaa lallabaa qabatamaatti faallaa kanaa wayita hojjetan yaadaa fi gochaan qabatammaatti waan barbaachisu hunda hojjetee qabsoon waggaa sadii guutuu adeemsifame tokkummaa fi tokkummaa qofaan akka beekamu kan taasise #Qeerroodha. Namni seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo hamma tokko beeku hojiin kun hammam akka dadhabsiisaa ta’e, waa’een injifannoon waan tokko ta’ee qabsoo tokkummaa’aa akkasii adeemsisuun matuma isaatiin injifannoo jabaataa akka ta’e beekuun itti hincimu. Walumaagalatti lafa kufee ka’ee dhaabbatee adeemuu qabsoo Oromootiif hooggansa biyyoolessaa kan kenne #Qeerroodha.

Amma garuu #Qeerroo irraa kan eegamu akka kanaan duraa hooggansa eeggachuu osoo hintaane ijaaramee paartii siyaasaa ta’uudhaan hooggansa kennuudhaaf ofitti-amanamummaa horatee asba’uudha. Oromiyaan paartilee siyaasaa yaada dulloomaa baatanii fi jijjiirama jiru hubatanii jijjiiramuu hindandeenyeen hurraa’aa jirti. Paartileen Oromoo amma jiran kaan isaanii kaan kan gosaati, inni kaan kan nama dhuunfaati, inni kaan kan diinaati; inni kan sabaa ta’uuf dhama’aa jiru immoo hoogganamuu malee hoogganuu hindandeenye, sichis hooggansa horachuu waan danda’u miti. Paartii hunda-hammataa, bu’uura guddaa qabaachuu kan danda’u, hooggansa jabaataa mirgaa fi fedha Oromoof kutannoof dhaabbachuu danda’u uumee salphina as adeemaa jiru keessaa Oromoo oolchuu kan dand’u, humanaa fi leeccaaloos kan qabu #Qeerroo qofa. Yeroon kun yeroo seena-qabeessa. Ittigaafatamummaa yeroo seena-qabeessaa kana ba’uu kan danda’u immoo qaamuma yeroo seena-qabeessa kana uume #Qeerroodha. Isa kanaaf immoo #Qeerroon qophii fi muuxannoo qaba. #Qeerroon guutummaa Oromiyaa keessa jiru kana beekuuf dirqama qaba.

Akkuma muuxannoo baatilee saddeettan darbanii irraa barannetti amma uummanni Oromoo kan dhabe hooggansa paartilee sagantaa ofii qofa jabeessanii qabachuudhaan (‘doctrinaire’) fedha uummata bal’aa moggaatti dhiibaa adeeman osoo hintaane hooggansa jabaataa haala yeroo gadifageenyaan hubatee ofjijijjiiraa adeemu (‘pragmatic) fi handhuurri isaa haala jabaataadhaan kan uummata Oromoo waliin hidhata kanqabudha. Oromiyaa keessaa amma kan dhabame hooggansa biyyoolessaa jabaataa mul’ataa fi ergama ifaa qabu malee paartilee yaada dulloomaa baatanii bakka bar-kurneewwan hedduu dura itti danqaraman irraa taakkuu takka socho’uu dadhabanii si’a tokko gosa ofii ijaaruudhaan, si’abiraa qabeenya nama dhuunfaa ta’uudhaan uummata tokkummaadhaan gatii baasee Wayyaanee ari’ate diiguuf halkanii fi guyyaa dhama’an miti. Paartileen Oromoo hundumatu akkasi hinjenne, garuu inni uummataaf dhimmuu yaalus maayii baasuu hindandeenye, sababiin isaa immoo hooggansa biyyoolessaa jabaataa fi tarkaanfataa uummachuu waan hindandeenyeefi.

#Qeerroon hooggansa ammayyaa’aa fi yeroon gaafatu akkasiif kan ta’an dargaggoota mul’ata qaban hedduu adeemsa qabsoo waggoota sadan darbanii keessatti horateera. Kun waan walnama shakkisiisu miti. Isaan kana garuu namni asbaasee ofitti-amanamummaa itti horee gurmuu hooggansa biyyoolessaa ta’anii akka ba’aniif namni irratti hojjete hinjiru. Sababiin isaa immoo akkuma argaa jirru hooggantoonni paartilee siyaasaa Oromoo afaaniin waa’ee sirna gadaa fi dimokraasii walqabsiisanii dubbachuu irratti muuxannoo hedduu kan qaban ta’us aangoo hooggansaa qabatanii jiran akkuma qabatanitti dulloomanii du’uu malee dabarsuuf fedha xiqqoo illee hinqabani. Hamma yoonaatti namini kana gochuuf yaale hinjiru. #Qeerroon guutummaa Oromiyaa keessa jirus isaanuma kana akka waan bu’aa buusuu danda’aniitti akka hooggansaatti fudhatee taa’e malee asba’uuf yaalii hingoone. Yeroon seena-qabeessi haalli kun itti jijjiiramuu qabu amma.

Gaafa #Qeerroon hooggansa biyyoolessaa uummata Oromoo ta’ee asba’e paartileen siyaasaa uummatichi tokko ta’anii ammaa nuhoogganu jedhee osoo eeggatuu beekaniis ta’e wallaalaan uummaticha diiguuf halkanii fi guyyaa dhama’an ulfina guddaa waliin soorama ba’uun waan hinafne. Uummanni keenyas hooggansa gosaa, kan nama dhuunfaa fi kan harki dhoksaa diinaa keessa jiru irraa gara hooggansa biyyaalessaa ammayyeeffamaatti ce’uuf carraa argata. #Qeerro ka’ii akka paartiitti ijaaramii asba’i, ofitti-amanamummaa horadhu, hooggansa kennuudhaan fedhaa fi mirga Oromoof kutannoodhaan ka’ii dhaabbadhu. Hojii seena-qabeessa kana hojjechuuf yeroon amma. Ittigaafatamummaa seenaan sirratti gate gootummaadhaan gammadanii fudhachuudhaaf yeroonsaa amma. Hooggansa hunda-hammataa, kan bifa Oromiyaa bal’oo calaqqisiisuun ijaarame, jabaa, ammayyaa’aa, akkasumas mul’ataa fi ergama ifaa calalee baasee uummata Oromoo gara duraatti kan tarkaanfachiisu uumuun yeroon isaa amma. Kun immoo dirqama seenaati.
~by Etana Habte.


Fakkeenyummaa Guddaa
Oromoon keenya Baaleerraa ka’anii Lixa Oromiyaa Deemuun gargaarsaafi haamileen cinaa dhaabbatan. Sabboonummaafi Quuqamni Oromummaa kunoo akkana. Diinqa Oromoo Media-DOM

1 Comment

  1. Etana Habte,
    Meen waa sigaafadha hadhoo koo. “Yeroon seena-qabeessi haalli kun itti jijjiiramuu qabu amma.” isa jetetu hedduu na dinqee jira. Jijjiirama hawachuun kanuma jiruu fi ture ta’uyyu, yeroon amma isa jetetu na dhibee jira. Yeroo cehumsaa hooggana jijjiruuf gad ta’nii xeebu moo kan qabanii jabeefatanii, qaawwaa fi dadhabii jiru irratti waloon jabaatani qabsoo itti muddu?

    Yoo xiqaate moraa dinaa keessaa ilaliitu isa kamtu fakeenya siif akka tayye naaf himmi mee?

    Dhugaa dubbiif taanaan qaawwa argite yoo qabaate illee itti siqxee qaawicha chufuuf yaluu malee faggoo dhabbatee kan keesa isaa hin argine tokko ceephau’uu keetiin akka gariitti akkaan si hubadhu na hintaasisu. Kaan dhisiitu, warra ODP/OPDO illee itti siqxee waan Oromoof garii ta’ee yoo gorsite waan jabbaa dalagden jedha.

    Ani nama badnes jiranes Oromoon carra walloo tokko qaba ka jedhuttiin of lakkaayya. Ka amma atti jechaa jirtu garuu na hingamachiifne. Irra debiyiitu of ilaalli.
    Dhiifama.

Comments are closed.