OMN: (Fulbaana 28, 2020) Waggaa haaraatti waamicha walii galtee waloo, mariitiin rakkoo furuuf paartiin KFO dhiheesse.

OMN: (Fulbaana 28, 2020) Waggaa haaraatti waamicha walii galtee waloo, mariitiin rakkoo furuuf paartiin KFO dhiheesse.
 
Itoophiyaan ba’aa siyaasaa gurguddoo kan abdii fi burjaajiin guutame baattee waggaa haaraatti ceetee jirti. Shakkii tokko malees guci ce’umsaa karaa dimookraatawaa ta’een yaadamaa ture karaa nama ciiggaasisuun dhaamuu irratti argama.Wal dhabbii fi gaaga’amni siyaasaa guddaan waggaa darbee biyyattii keessatti uumameera. Rakkinni uumame kunis qeerroo fi qarree Oromiyaa falmiif daandiirratti deebisee wareegama kafalchiisee jira. Faallaasaa ammoo naannoon Tigraay akka state ykn naannoo biliisaa /de facto state/ taateetti murtii mootummaa federaalaa fi giddu galeessaa mormuudhaan filannoo gaggeessitee jirti.
Rakkinnii fi hundeen gaaga’ama biyyittii keessatti mudatee, akka amantii paartii KFO-tti, waliin dubbii fi walii galtee waloo tuffachuu mootummaa biyya bulchaa jiruuti. Kana malees road map ykn ittiin bulmaata ofiisaa qofa irratti xiyyeeffachuusaati jennee amanna. (Yoo road mal qabaateef)
 
Akka paartii keenyaatti, gaaga’ama guddaa fi rakkoo tasgabbii dhabuu biyyittii mootummaa biyyittiitiin mudate kana furuuf qabxiileen armaan gadii mamii tokko malee hojiirra ooluu qaba jennee kan amannudha.
 
1. Karaa dimookraatawaa ta’een ce’umsi akka milkaa’u barbaadamnaan, Rodmaappiin ykn karoorri biyyattiin amma ittiin bulaa jirtu, kan qaamota ‘anatu sii beeka’ jedhanii fi doonii dulloomaa ittiin deeman kana mootummaan keessaa bu’ee, karoora bulchiinsaa waloo ta’e kan qooddattoota adda addaa hirmaachise ofitti fudhachuu qaba. Daldala siyaasaa caalaa, biyyittii kan baasu gocha qabatamaa akka ta’e amannas.
 
2. Mala bulchiinsaa, kan qoqqoodanii bulchuu (yaadaafi kutaan adda hiruu) amma mootummaan fayyadamaa jiru akka dhiisu gorsa keenya qooduufii barbaadna. Malli akkasii kan biyyittii diiguu fi uummataaf gaarii akka hin taane dhaamna. Malli bulchiinsaa ykn tarsiimoon akkasii hafee deemsa dimooraatawaa kan uummata walitti fiduu fi miira biyyummaa paartilee kaaniis kan giddugaleeffate ta’uun akka bakka bu’u dhaamuu barbaadna. Akkuma kanaan dura jechaa turre, garaagarummaa siyaasaa keenyaa furuuf humna fayyadamuun kanaan dura hin hojjenne.m; ammas hin hojjetu. Gara fuulduraattis akka hin hojjennes cimsinee qabsoofna.
Biyyootni ammayyoomanii dimookraasii gaarii qaban dibaabee tokko jalatti mari’achuudhaan malee rasaasaafi humnaan garaagarummaa akka hin furanne seenaan nuuf lallabdi nutis kanarraa barachuu qabna.
 
3. Guyyoota dhumaa Sirna bulchiinsa impeeriyaalistii irraa eegalee biyyi keenya wareegama qaalii kana hin jedhamne ilmaanshee sababa wal dhabdee fi walii galtee paartileetiin kaffalaa turte. Kana malees lammiileen miiliyonotaan lakkaa’aman qe’ee isaaniirraa buqqa’aa, ajjeefamaa, dararamaa turuunsaanii maddisaa sababa armaan olitti eerame kana. Kanaafuu nuti, keessumaa hooggantootni paartilee biyyittii garaagaraa sirna duriirratti rarra’anii wal balleessuu akka dhiifnuu fi walii galtee waloo akka qabaannu waamicha dhiyeessina.
 
4. Ija siyaasaan yoo ilaalle Itoophiyaan yeroo ammaatti sadarkaa hamaa gaaga’ama guddaa geessisurra
qaqqabdee jirti. Mudannoon Somaaliyaa, mudannoon Ruwaandaa nutti akka as ce’uuf jiru amanna. Mudannoowwan akka sanaaf itti gaafatamaan akkuma beekamu paartilee siyaasaa fi hooggantootasaati. Kanaafuu, gaafa murtiin paartii kamirrayyuu darbu hooggantoota dabalatee uummata qulqulluu gatii akka kafalchiisu hubatamuu qaba.
 
5. Mootummaan amma biyya bulchaa jiru, gaaga’ama hamaa mudachuuf deemu hambisuuf, Waliin dubbii fi walii galtee waloo akka biyyaatti eegaluu qaba. Akka paartii keenyaatti, Yeroof qofa marii godhanii addaan ba’uun ce’umsa jiru gaaga’amarraa gaaga’ama haaraatti kan ceesise ta’uu agarree jirra.
 
6. Akka yaada paartii keenyaatti walii galteen waloo fi mariin akka biyyaatti godhamu hundee biyya dimokraatawaa taate uumuudha. Shakkii tokko malee, yaada kana dhiisanii ykn didanii itti fufuu yaaduun eenyuunuu hin fayyadu.
 
7. Akka paartii keenyaatti biyyi paartilee morkattootaa ofirraa hiitee yaada haaraa, karchallee buusaa dimookraasiidhaan ijaaramtu hin jirtu. Sababa kanaafuu, hidhamtootni siyaasaa amma manneen hidhaa mootummaa keessatti yakka malee hidhamanii dararamaa jiran yoo hiikaman hudhaa siyaasaa itoophiyaan keessa galtee jirtu akka furutti amanna. Kun ta’uu baannaan hookkarrii fi gaaga’amni guddaan gara fuulduraa akka mudatu ni mul’ata.
 
8. Dhumarrattis, Federaaliizimiin dhugaa fi bulchiinsi dimokraatawaa ta’e akkasumas guddinni biyyaa kan mirkanaa’uu danda’u karaa filannoo seeraa fi haqa qabeessa ta’e qofaan waan ta’eef, Mootummaan biyya bulchaa jiru, deemsi inni amma itti jiru filannoo haqaa fi seera qabeessa uummata dhugaa qabu kanaaf akka dhiyeess hin jirre baruu qaba.
 
Akkasumas jaallattootaa fi hiriyoota biyyitti hundaaf itoophiyaa dimokraatawaa taate ijaaruuf qooda keessan marii fi walii galtee waloo biyyaa jajjabeessuudhaan akka agarsiiftanii rakkina siyaasaa biyyittii waggaa hedduuf ture keessaa akka baafataniif waamicha isiniif dhiyeessina.
Paartii kongrirasii federalaawaa Oromoo
 
Fulbaana 28 2020

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.