Oduu! Waraanni humnoota Tigraay karaa Kibbaa magaalota naannoo Amaaraa qabataa jira.

Oduu Amma Nugahe
Waraanni humnoota Tigraay karaa Kibbaa magaalota naannoo Amaaraa qabataa jira.
 
Lola guyyaa Roobii jalqabe kanaan naannoo Amaaraa, godina Waagmiraa, aanota gara garaa keessaatti lolli geggeeffamee gandoota hedduu fi magaalli aanaa tokko humnoota Tigraayin qabamuun beekameera.
Humnoonni Tigraay magaala guddoo godinichaa kan taate Sokoxaa qabachuuf fageenya dhiyoorratti lolaa jiru oduun jedhus ba’aa jira.
 
Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa kaleessa baaseen Humnoonni Tigraay naannoo Amaaraa keessatti lola banuu isaanii amanee jira. Garuu “yaaliin humnoota harcaatota wayyaanee waraana Amaaraa fi federaalaatiin rukutamee deebi’ee jira” jedhee ibsa isaa keessatti.
Dubbi himaan waraanaa Tigraay Koloneel Gabruu G/Tsadiqaan ibsa tibbana kenneen waraana Amaaraa fi mootummaa Federaalaa kuma 3000 al barbadeessinee jirra jechuun isaa Kan yaadatamuu dha.

Oduu injifannoo WBO koonya lixaa
waraanni bilisummaa oromoo koonya lixaa ona gidaami magaala qeelleem keessaatti barii barraqa mooraa diinaa haleelun injifannoo golaabe.Ammas haftee silaa ganamaa achumaa godina qellem wallaagga ona gidaami iddoo maraacha jedhaamuttii humnaa diinaa lafoof konkolaatan deemtuu haleela jira.
bu’aa isan boooda waliitti deebina.