Oduu Simbirtuu
Burjaajjiin sagantaa boordii filannoo keessaa jalqabe ammas itti fufuun galmeen filattootaa turtii gara ji’a tokkoof achi siiquun barame.
Sisaay Ayyalee (Leencoo Baatii ) “Ameerikaan homaa hin fiddu” jedhee kaadiree Bilxiginnaa onnachiisuu yaale. Dhugaan jiru garuu akkasii miti. Ameerikaan xalayaa barreessitee, ibsa ejjannoo qofa baaftee dhiifti yoo itti fakkaate Obbo Sisaay dogoggoreera . Ameerikaan waan barbaade gochuuf humna qabdi. Kan kaadireen dhagahuu fi amanuu hin barbaanne tokko garuu Ameerikaan Ashaagiree aangoorraa fonqolchuu akka dandeessuudha . Waraana Ertiraa fi Faannoo Amaaaraa yakka duguuggaa sanyii raawwataa jiru Tigraay keessaa ariitiin yoo hin baasin tarkaanfiin Ameerikaan Ashaagiree irratti fudhattu laalessaa fi barsiisaa akka ta’u shakkiin hin jiru.
Abiyyi Ahimed Alii Muddamsuu guddoo keessa jira! – https://t.co/PBF91hJvj9 pic.twitter.com/EfvTpHDovr
— Kichuu (@kichuu24) March 1, 2021